Qeerroo Head Letter

Duula ijibbaataa daguuggaa sanyii fi sabboonummaa Oromoo cabsuuf godhamaa jiru dura dhaabbanna!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 26,2020

Akkuma irra deddeebiin ibsaa turre, gochaan mootummaan uummata keenya Oromoo irratti dalagu daangaa ol ta’ee jira. Duulli ajjeechaa fi hidhaa sabboontotaaf guutuu uummata Oromoo irratti raawwataa jiru dhaabbachuun hafee, guyya guyyaan ilmaan Oromoo jumulaadhaan ajjeesuu fi hidhuun ammallee ka duraan olitti cimee itti fufee jira.

Erga tajaajila Interneetaaf bilbilaa, tajaajila sab-quunnamtii hawwaasaa uummata keenya irraa kutanii as gochaan ajjeechaa Lixa Oromiyaa godinoota Qellem Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa keessatti raawwatame hedduu kan nu yaachisee jiru ta’uu himuu feena. Godinoota lamaan kana keessatti odeessa argataa jirruun ilmaan Oromoo 87 ta’an guyyaa 2 gidduutti ajjeefamanii jiru. Maqaa wareegamtoota keenyaa kana argachuuf haalli quunnamtii hawwaasaa cituun danqaa kan nutti ta’e yoo ta’u, uummatni hedduun waraana baqatee gara Gaambeellaaf Sudaanitti dheessaa akka jiru hawwaasi dhaamsa dabarfatuun himataa jira. Haala kana keessatti haati ilmaan sadii wal faana du’aan dhabdee fi obbolaan lama kan wal faana ajjeefamanis akka jiranidha kan quba qabnu. Kana malees; dargaggoo maqaan isaa Abbuttii jedhamu irraa fayyaatti quba miilaaf quba harkaa erga irraa ciranii dararaniin booda, waraanni mootummaa rasaasa itti dhukaasuun ajjeesaniiru. Gochaan Lixa Oromiyaatti uummata Oromoo irra gahaa jiru, Wallaggaa irraa ol darbee gara Shaggar Lixaa keessatti babal’achuun ammoo, adeemsi mootummaan itti jiru kallattiin Oromoo lafa irraa daguuguuf karoora baafatee socho’aa jiru ta’uu hubachiisa. Shaggar Lixaa keessatti tajaajilli interneetaa bakkoota hedduutti dhaabbatee jira. Gochaa jallataa akkanaa, roorroo hammaataa uummatni keenya keessa jiru kana keessaa baasuuf nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo ciminaan qabsoo goonu jabeessinee akka itti fufnu uummata bal’aa Oromoof dhaamna.

Gochaan ajjeechaa tibbuma kana Baha Oromiyaa magaalaa Harar fi Dirre Dhawaa keessatti ilmaan Oromoo irra gahee jira. Gochaan Baha Oromiyaa akka waan sabootni biroon Oromoo irratti ka’anii uummata keenya ajjeesanii, gamoo uummata Oromoo caccabsaniitti haa dubbatamu malee, gocha sana duuba harki mootuummaa jiraachuu fi saboota xixiqqoo kana humneessee Oromootti kakaasuu keessatti waraana mootummaaf qaamoleen mootummaa gahee mataa isaanii bahatanii jiru. Gocha farra akkanaa dura dhaabbachuuf duubatti hinjennu.
Dabalataan Kibba Oromiyaa Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaa ganda Jiddoolaatti maanguddoon ganna 75 obbo Tasfaayee Gosaa jedhaman Amajji 16,2020 waraana mootummaan ajjeefamanii jiran. Achuma aanaa Gooroo Doolaa ganda galaambel keessatti Amajji 22,2020 nami nagaan Sayidoo Baddaa jedhamu waraana mootummaan ajjeefamaniiru. Ajjeechaa kana irrattuu dursa mana jireenyaa obbo Seyidoo Baddaa qabeenya waliin erga gubaniin booda ajjeesanii jiran. Gochaa farra akkanaa kana uummatni irratti dammaqee akka of ittisuu irratti ciminaan hojjechuu qabu gaafanna.

Gama kaaniin barataan Oromoo kumoota afurtamaa ol ta’an mooraa Yuunibarsiitiiwwaan naannoo Amaaraa keessaa nageenyaaf yaadda’anii barnoota isaanii kutuuf dirqamanii jiru. Dhimma barataa Oromoo nannoo Amaaraa keessatti ajjeefamaa turanii falli kahameef, seerris waan jedhe kan hinqabne barattoota nageenyaaf yaadda’anii galaniifis furmaatni kahame lafa hinjirretti, Yuunibarsiitiilee Oromiyaa keessaas barataa Oromoo waan Oromoo ta’e qofaaf 200 ol ari’uun ammallee ciminaan hojjetamaa jira. Keessattuu mooraa Yuunibarsiitii Amboo, Dirre Dhawaa, Jimmaa, Madda Walaabuu, Haramayaa, Bule Horaa, Mattuu fi Yuunibarsiitiilee Oromiyaa kaan keessaa walumatti barataan Oromoo dhibboota hedduun lakkaa’aman barnoota irraa ari’aramanii jiru. Kana malees barattoonni hedduun hidhamanii jiru. Yuunibarsiitiiwwaan Oromiyaa keessatti barataan Oromoo nagaan ajjeefamaa jiru. Barataa Yuunee Alamaayyoo Yuunibarsiitii Dirre Dhawaa keessatti gamoo irraa darbatamee ajjeefame. Barataa Nataanaa’el Mangistuu jedhamu Yuunibarsiitii Bule Horaatti foolisii moorichaan ajjeefame. Gochaa akkanaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummatni Oromoo akka hinbaranneef duula diinni Oromoo nutti banee jiru ta’uu kan hubatu, dhimma kana ciminaan dura dhaabbatee Oromoon of kabachiisuu akka qabu dhaammata.

Dhimmoota hidhaan wal qabataniin, ilmaan Oromoo sirna amma aangoo irra jiru kana keessatti nagaaf nageenya halkan tokkoo argannee kan hinbeekne yoo ta’u, uummatni keenya yeroo gara yerootti ajjeefamuu, ukkaanfamuu fi hidhamuun irraa dhaabbatee hinbeeku. Gochaan hidhaa har’allee jabaatee Oromiyaa keessatti raawwataa kan jiru yoo ta’u, manneen hidhaa biyyattii akkuma waggoota 28’n darban sanaa ilmaan Oromoon guuttee jirti. Har’a ilmaan Oromoo dhibboota hedduun lakkaa’aman, Buufata Foolisii Finfinnee 3ffaa fi Qilinxoo dabalatee mana hidhaa biyyattii mara keessatti dararaa hamaan irra gahaa jira. Efereem Galataa maanguddoon jedhaman, kanaan dura Waggaa 24, hidhamaa turee, hiraarfamtoota Oromoo dhiifaman bahan waliin kan hiikamee ture, har’a hidhamee mana hidhaa keessatti dararaan jallinaa irratti raawwataa jira. Hogganoota ABO keessaa kanneen akka Daandii Garbooshee fi Kaayyoo fufaa dabalatee dargaggoonni hedduuf maanguddoonni mana hiraarsaatti dararaan irra gahaa jira. Akkasuma qondaala ABO kan ta’e, Yaasoo Kabbabaa Hordofaa baatilee dheeraaf mana hidhaa keessatti dararaa argaa jira. Dargaggoo Addunyaa Keessoo kanaan dura waggaa 4 sirna EPRDF kan TPLF’n durfamaa ture keessatti mana hidhaatti dabarsee, ammas sababaa tokko malee namoota hedduu waliin hidhamee jira.

Waggaa kudha lama hidhamtee, umurii dheeraa mana hiraarsaatti sirna EPRDF kanaan kan dabarsite, Waajjira ABO godina Horro Guduruu hogganaa kan jirtu Caaltuu Taakkalee, halkan eda Amajji 25,2020 waraana mootummaan qabamtee hidhamtee jirti. Caaltuu Taakkalaa hidhaa amma irra gahee jiru kanaan marroo 5ffaa’f sirna kanaan hidhamtee jiraachuusheeti. Waajjira ABO Horro Guduruu Wallaggaa kana keessatti hojii siyyaasaa ABO’n akka hingaggeeffamneef danqaa godhamaa jiru yoo ta’u, hogganoota waajjiricha hedduus qaamni mootummaa adamsaa jira. Dhimma waajjira ABO’n kan walqabatu, waajjirri ABO godinota hedduu keessatti humna waraanaa mootummaan caccabaa ture, hojii siyyaasaa gaggeeffachuudhaaf danqaa guddaa kan ABO tti uume yoo ta’u, dhiyeenyuma kanallee akka uummataan wal argatee hinmariisifneef ABO irra uggurri kaahamaa kan jiru Godina Buunnoo Beddellee keessatti marii hawwaasaa ABO’n saganteeffatee ture qaama mootummaan dhorkamee jira. Dhimma kana fuulleffannaan hordofee uummatni keenya hubachuu akka qabu gaafataa; hidhaaf dararaan akka nurraa dhaabbatuuf, uummatni sirna garboomsaa kana of irraa kaasuuf qabsoo godhu cimsee akka itti fufuu qabu dhaamna.

Maayii irratti, duulli amma Oromoo irratti adeemaa jiru, duula daguuggaa sanyii, sabboonummaa Oromoo cabsuu fi, qabsoo Oromoo balleessuuf aggamaame waan ta’eef duula ijibbaataa sabboonummaa Oromoo cabsuuf godhamaa jiru dura dhaabbanna! Kana keessaa saba keenya baasuuf qabsoo hadha’aa itti jirru jabeessinee akka itti fufnu, nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo, gad jabeessinee ibsina.

Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 26,2020

 

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s