Uumaa gaditti ABO’n madda nagaati!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
====================
Addi bilisummaa Oromoo, dhaaba uummataa amala uummata isaa Oromummaa haqaa fi fedhii uummata isaa irratti qiyyaafatee uummata Oromoo keessaa bu’uuramedha. Akkuma abbootni keenya Oromoon nagaa jaallatan, dhaaba nagaa jaallatuuf dhaaba nagaa manca’e bakkatti deebisee abdii uummata isaa haareessuu fi haamilee saboota cunqurfamoo impaayera Xoophiyaa jalatti cabe jabeessuuf qabsootti jirudha. Boquu Oromoo ol qabee, biyyattii keessatti kabaja Oromoof malu argamsiisuuf qabsoo gochaa ture irraa duubatti hinjedhu. Qaama nagaa uummataa barbadeessuun uummata gadadoo keessatti hanbisuuf, uummata saamuudhaan nageenya uummataa hunkuruuf hojjetu dura dhaabbataa akkuma ture, itti fufee qabsoo isaan ABO’n uummatni nagaan isaa akka dhugoomuuf hojjeta.
Eegala isaa irraa qabee hanga har’aatti qaamolee uummata ajjeesan dura dhaabbachuu, qaamolee uummata saaman irratti qabsaa’uudhaan dhaaba ofiif utuu hintaane dhaaba uummata isaaf jiraatu ta’uu namuu beeka. ABO’n dhaaba bilisummaa, nagaa, dimokiraasii fi mirga yaada lammiilee kabachiisuuf qabsaa’u, dhaaba hundaan olitti of kenninsaan uummataaf dhaabbatudha.
Eenyuun dursee, eenyuun olitti uummata jiraachisuu barbaachisaa ta’uu fi nageenyi uummataa waan dursi laatamuufii qabu ta’uu kan amanu ABO’n waan hundaan olitti nagaa uummata deebisuu fi uummata jiraachisuu irratti dhaaba warraqudha.
ABO’n uummata utuu qabuu, uummatni ABO utuu qabuu yaaddoon hinjiru kan jennuuf, dhaaba uummata isaa Oromoo keessaa dhalate, dhaaba uummata isaaf qabsaa’uu fi dhaaba roorroo uummata isaa irraa kutuuf qabsoo irra jiru ta’uu namuu beeka, isa kanaaf uummatni Oromoo ABO osoo qabuu mogoleef abdii hindhabu. Mogoleen uummata Oromoo dhaaba isaa ABO dha, waaqaaf rabbii gaditti abdiin uummatichaa ABO dha.
Qabeenya Oromoo saamamanii jiraniif, sarbamiinsa mirga namoomaa uummata irra gahaa jiran hundeen dhabamsiisuuf abdii nuti Oromoon qabnu ABO ta’uu namuu beeka. Gaaddisa ABO jalatti nagaan argama, gaaddisa ABO jalatti Bilisummaa arganna. Kanaaf ABO jabeessuun nu barbaachise. ABO’n dhaaba of jiraachisuu irra uummata isaa Oromoo jiraachisuuf qabsaa’udha. Kanas lubbuu isaa mararfannoo tokko malee uummataaf laatee agarsiisaa ture agarsisaas jira. Dhaaba of irra uummata jaallatu kana tiksuufis uummatni of kenniinsaan socho’aa ture. Dhaaba isaa of keessa dhokfatee waggoota dheeraa jiraachifateera. Kana malees uummatni aarsaa feesisu kaffalee ABO dhoksataa yoona gaheera. ABO Oromoo jiraachisa, Oromoo ammoo Waaqa waliin ABO tiksa.
Kan namnis waaqnis beeku dhaabni uummataa ABO’n, utuu Oromoon jiruu hinlaafu hindadhabus. Humni isaa fi mogoleen ABO Waaqa gaditti uummata isaa Oromoodha. Gaafa rakkoos gaafa gammachuus gaaddisni ABO’n jala jiraatu Oromoodha, Oromoonis ABO gaaddisa isaa taasifatee ABO jalatti qilleensa nagaa habbuuqata.
Walii gala uumaa gaditti ABO’n Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayera Xoophiyaatiif madda nagaati. Warreen ABO balleessuu, ABO dhabamsiisuu barbaadan qaamolee nagaa uummataa hinfeenee, kanneen uummatni akka nagaa argatu hinbarbaanne ta’uu hubatamaadha. ABO keessa nagaatu jira. Nagaa keessa ammo guddina biyyaa jira, nagaa keessa bilisummaa jira. Kanaaf ABO’n madda nagaati jenna.
Injifannoon uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Amajji 2,2020