Onkoloolessa 26/2016 Giddugaleessaa Oromiyaa Aanaa Adaa’aa Bargaa Mogooritti diddaan uummataa jabaachuu irraa kan barraage Waraanni Koomaandii Postiin Wayyaanee uummata gooluufi hiraarsuu ittuma fufee jira. Guyyaa kaleessaa onkoloolessa 25/,2016 Komaandi Poostin Mogoritti abbaa qabeenyaa Abdiisaa (Bokii) Gammachuu jedhamu ukkaamsuun fuudhanii deemaniiru. Akkasumas , ummata dirqiidhaan walgahii baasuun akka ummatni dubbatu godhudhaan yaada ummataa erga hubatanii booda uummata walitti buusuuf yaalaa jiru. Ummatni Oromoo hundi shira mootummaan wayaanee xaxaa jiru kana hubachuudhaan fashalsuu qaba.
Category Archives: Oduu/News
Aside
Onkoloolessa 26,2016 Yuunibarsiitii Bulee Horaatti Waraanni Koomaandii Poostii Wayyaanee Loltoota Agaazii Barattoota irratti Bobbaasuun Barataa Oromoo Abdiisaa Duulee jedhamu ajjeesani. Barataan Oromoo Abdiisaa Duulee kan kaleessa galgala waraanaa Agaaziin Wareegamee, Yuunbarsiitii Bulee Horaatti Barataa FBE waggaa 2ffaa fi Bakki dhaloota isaa Godina Gujii ta’uu maddeen Qeerroo Yuunbarsiitii Bulee Horaa gabaasan. Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Bulee Horaa Yakka ajjeechaa Barataa Oromoo fi Barattootaa Oromoofi uummata Oromoo Waliigalaa irratti rawwatamaa jiruu Sababeeffachuun guyyaa har’aa guutummaatti Nyaataa dhaabuun mormii isaanii itti fufanii jiru. Dirmannaan Uummata Oromoo biyyoota hambaa jiraanii akka jabaachuu qabuufi yakka waraanaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf iyyannoon mootummoota gamtoomanii fi jaarmiyoota mirga namummaa akka itti fufinsaan gaggeeffamuun gaafataniru Injifannoon Uummata Oromoof.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Onkoloolessa 25, 2016
Aside
Oromo Talk show by Habtamu Lamu Interview with live Lammaa Magarsaa Just for laughs
Aside
Link
Yaadachiisa Gabaabaa
Aside
Akkuma beekkamu sochiin Qeerroon biyya keessaa gaggeeysaa jiru hawaasa Oromoo biyya keessaa fi alaa akkasumas firaa fi diinaafiis ifa tahuun isaa beekkamaadha.Kuniis eega sochiin Qeerroo Bilisummaa bifa addaan Oromiyaa guutuu keessatti warraaqsa biyyoolessaa qabsiisuun faajjii ABO ol kaasee gaaffii hundeesiyaasaa ABOn durfamu aduunyaatti muldhisee booda diinni karaa sochii tana ittiin dadhabsiisuu mala adda addaa dhawaa jiraacchuun isaa ni hubatama. Keessahuun sochiin Qeerroo kan Onkololeessa bara 2016 kana keessa gaggeeffamaa jiru gurra adunyaa hunda hawwatuu fi diina naasisee labsii muddamaa akka labsu taasisuun isaatiis ifaa dha. Kanaaf diinni yeroo ammaa karaa jala deemtoota isaa akka qabsoo Oromootiif dhimmee of fakkeeysuun sochii qabsoo bilisummaa Oromoo kan ABOn gaggeeyffamaa jirtu dadhabsiisuuf hawaasa Oromoo kan baqatummaan biyyoota gara garaa keessa jiran dogoggorsaa jira.
Akkatti Jirru.
Aside
Akki itti jirru,akkataan itti jirrus kan wal nama gaafachiisu miti! Kan wal gaafatanis miti!.Haa ta’u malee, dhimma sirni garboomfataa afaan faajjii uummata keenya taasisuuf yaalu irratti barreessuuf,afaan kobbee kootii saaqe!
Sirni garboomfataa kun salphina hin beeku,qaanii hin beeku,Gadaa hin beeku,caaccuu,bokkuu,siiqqee,dhaabata,alangaa hoodaa,meedhichaaf moggaasas hin beeku! Waraanni wayyaanee kun wanbadee badduu akka taate,murna kana keechaa qaamni ergamtuu dhalatte OPDOn illee xurree wanbadee kanaaf haala aanjessaa,mijeessaa ilmaan Oromoof qilee dhiphinaa qotuun Oromoon gaaga’ama hammana hin jedhamne keessa bu’eera!
Yeroo ammaa kana Oromoon diinaaf akka hin jilbeenfanne,biyyasaa akka hin saamsifneefi eenyummaa isaaf eegumsa fi jaalala guddaa akka qabu hubachuun diinaayyuu diina Uummata Oromoo boqonnaa dhoorgee jira!.Kanaaf Oromoon ammas waan isa barbaachisu mijeeffatee itti fufuu….biyya isaaf Bilisummaa,dachee isaaf walabummaa labata isaaf birmadummaa gonfachuun kanaafimmoo wareega hanga dhumaatti baaasuun dirqama
Haala qabsoo Oromoon amma irra ga’e kana gara fuuladuraatti nu tarkanfaachisuu danda’an irratti jabaachuun egeree Oromiyaa milkeessiif wantoota nu barbaachisan! Continue reading
Walii Galan Alaa Galan
Aside
Damee Boruu irraa

Uummatni rakkina mataa isaa furachuu hin dandeenye rakkina ormi biraa wajjin qabu hikkachuuf ayyaana qabaachuu hin danda’u. Burqaan rakkinaa kan maddu walaalumaa irratti. Hawaasa keessatti harki guddaan isaa walaalaa fi doofa tahee yoo jirate namoonni qaroon fedhii isaanii bakkaan gahuuf kan tattaafattan namoota walaala kanaof of dura oofudhaan taha. Warri walaalan yaadni oofan kun mataa isaanii iyyuu boola keessa gashuuf yoo kan deemu tahe tahe naannesanii ilaaluuf beekumsa gahaa hinqaban. Kanaafuu isuma isaanitti himame qabatanii boola seenu malee of duuba deebi’anii maal hojjechaan jiraa? jedhanii of hin gaafatan. Warri ayyaana ilaallatoonni immoo uummatatti bahanii waan isaan dubbatan ifatti dubbatanii of saavila hin baasan. Continue reading
Gabaasa Haala Waliigala Oromiyaa
Aside
Onkoloolessa 23/2016 Ergaa Labsiin Hatattamaa Wayyaaneen Labsiitee Humna waraanaan Biyyaa Shoroorkeessuu Eegaltee Oromiyaa keessaatti Yakki Waraanaa Daangaa hin qabnee Uummata Oromoo Waliigalaa irratti bifa armaan Gadiin Rawwatamaa Jira!!- Yeroo Ammaa Hoomaan Waraanaa hanga sadarkaa Gandaa, Maayibaasii, Aanaalee Oromiyaa, Godinaalee, Magaaloota Oromiyaa, fi Oromiyaatti Qubsiifamuun Uummata Ajjeesuu Saamuu, hidhuu, reebuu, yakkaa gudeeddii fi yakka duguggaa sanyiituu ifatti rawwaachaa jira.
- Uummatni fi Qeerroowwaan sodaa Waraanaa qajeelfamaafi akeekaa wayyaaneen karaa waraanaa fi ergamtuu isaa OPDO dabarsuu hin fudhannuu jechuun akkuma wayyaanee irraatti fincilee jiruutti waadaa waliif galee wayyaaneen nurraa bu’uu qaba jechuun dideetti itti fufee jira.
- Waraanni Wayyaanee humnootaa Ittisa Uummataa Tarkaanfii waraanaa Agaazii fi Roorriftuu irratti fudhachuun meeshaa hiikkachuun miliqanii jiran adamsaa jiraachuun cinatti dargaggoota Oromoo fi sabboontoota homaa hidhannoo of harkaa hin qabne bakkootaa hedduutti Oromummaa qofaan yakkuun dhukaasanii ajjeessuu ittuma fufanii yakka duguuginsa sanyii balleessuu rawwachaa jiru.
- Oromiyaa Keessaatti Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi preparatory Guutummaatti 80% Cufamanii jiruu, mooraan manneen barnootaa waraanaan marfamee biyyattiin Raafama Guddaa keessaa waan jirtuufii Waraanni Wayyaanee dhukaasee ajjeesaa waan jiruuf maatiin barattootaas ilmaan keenyaa waraannii waan fixaa jiruuf manneen barnootaatti hin erginuu jechuun mormii waraanaa wayyaaneef qaban ibsatani.
Iyyii Iyya Labsi
Aside
Damee Booruun
Waraanni Wayyanee guyyaa hundaa Oromoota sammuu qaban adamsee ukkaamsuu, ajjeessuu fi mana hidhaati dararuu irraa darbee uummata Oromoo nagaa dhowwachuudhaan akka goolaa jiru gabaasaa Qeerroo irraa hubachaa jirra. Keessattuu hammeenyi bartootaa Oromoo irra gahaa jiruu dhaga’uunu garaa nama hammeessa. Warri ukkamaman yaroo dhumasana akka ajjefaman mamii qabaachuu hin qabnu. Qoteebulaa, hojjetaa, barataa fi artistiin Oromoo uukkaman duba kan quba itti qabutu jira. Qubni cituu malee fala biraa hin qabu.
Qeerroon nagaa eegduu TPLF tokko shan diigee of ijaaree warra quba ilamaan Oromoo itti qabanii ficcisisaa jiran kana hubachuu ni dadhaba jedhee hin yaadu. Warra garaa malee sammuu hin qabnee kanaan ilmaan Oromoo dhumuu fi biyyi Oromoo saamamuun fudhatama hin qabu. Tooftaan TPLF inni duraa Oromoota qara tahan fixxuu dha. Warri qara tahan yoo dhuman isa hafe gowwosaniis tahe dorsiisudhaan hin bitna abdii jedhuu qabu. Kunis kan madduu tuffii fi oftulummaa Wayyaannee irraa akkeeka ka’e akka tahe ifa jira. Akka amma deemaa jiru kanatti yoo qabsoon kun kan itti fufu tahe humni injifachuuf deemu gara kamitti akka madaalaa deemu hubachuun rakkisaa miti. Continue reading

