Kabajaan Jaallan Qabsoo Nudura Eggalaniif Haata’u. FDG Umurii Waggaa 1 Jechuun Seenaa Jaallan Baroota Dheeraaf Wareegamanii Haaluun Seenaa Saba Ofii Wallaaluu Irraa Eegala.

Aside

FDG / FXG Waggaa 11 Guute – Warri Reefuu Hirribaa Ka’an Waggaa 1 Jedhu

fxg1Kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan tahe ABOn gama isaatiin duula diinaa kana wareegama akkaan ulfaataa tahe baasuudhaan murannoo fi cichoomina, akkasumas of kenniinsa ol’aanaadhaan dura dhaabbatee fashalsuudhaan bara 1998 Kora Sabaa Hatattamaa gaggeeffachuutti erga milkaawee booda mala ittiin duula cubbuu Wayyaaneen gaggeessu kana guutuutti irra aanuun danda’amu irratti halkanii-guyyaa hojjechuu fi mala baasuu jalqabe.diribeej2015

Tooftaa fi tarsiimoo ABOn kanaaf baafate keessaa guddaan tokko duubbeen QBO Ummaticha Abbaa Qabsoo (Saba Oromoo) fi Oromiyaa bal’oo akka tahuuf hojjechuu dha. Hojii qabsoo bal’aa fi dadhabsiisaa obsaa fi bilchina guddaa, akkasumas wareegama hadhaawaa gaafatu kanaatu bara 2000 irraa eegalee Ummatni Oromoo (keessattuu dargaggootni Oromoo) maadheedhaan ijaaramuudhaan akka QBO irraa bal’inaan hirmaatan taasisuutti milkaawuu jalqabe.

kabadajagama2009Ganna 11 dura (Sadaasa 09, 2005) hoogganummaa Adda Bilisummaa Oromoo fi hirmaannaa Saba Oromoo (keessattuu dargaggoota Oromoo)tiin Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) dhowee guutuu Oromiyaa waliin gahuudhaan sirna bittaa alagaa hundee irraa raasuu jalqabe itti fufiinsa hojii kanaa ture. Warraaqsi Bilisummaa Oromoo yeroo sana maqaa Finicla Diddaa Gabrummaa jedhuun dhowe hirmaannaa Sabni Oromoo Qabsoo Bilisummaa isaa keessatti qabu boqonnaa haaraatti kan ceesisee fi duubbeen QBO Ummatichuma Abbaa Qabsichaa sana tahuu kan mirkaneesse ture. Osoo Wayyaaneen ABO fi WBO bosona Oromiyaa fi biyyoota ollaa keessatti adamsituu magaalaalee fi baadiyyaalee Oromiyaa guutuu keessatti dargaggootni Oromoo ABOdhaan gurmaawanii Alaabaa Dhaabichaa mirmirsaa WBO fi ABO faarfachaa gaaffii Bilisummaa ifatti dhawwaaquudhaan ABOn Oromoo, Oromoonis ABO tahuu fi duubbeen ABO Ummata Oromoo tahuu ifatti mul’isan. Continue reading

Godina Arsii Aanaalee Adda Addaa Keessatti Finicilli Xumura Gabrummaa (FXG) Itti Fufe.

Aside

Sadaasa 3,2016

4-must-go1Godina Arsii Magaalaa Ashmiiraa keessatti Wayyaanen konkolaataa nama dhuunfaa maqaan isaa Abdii Muhammad jedhamuu gubuudhaan ummatatuu gube jettee ummata mana hidhaatti erga guurtee booda mana hidhaa keessatti warra miseensa Qeerroo ta’eef warra miseensa ABO ta’e nuuf himaa jettee ummata dararaa jiraachun dhagayameera

Kana malees Godina Arsii Magaalaa Ashmiiraa keessatti wayyaanen konkolaataa nama dhuunfaa maqaan isaa Abdii Muhammad jedhamuu gubuudhaan ummatatuu gube jettee ummata mana hidhaatti erga guurtee booda mana hidhaa keessatti warra miseensa Qeerroo ta’eef warra miseensa ABO ta’e nuuf himaa jettee ummata dararaa jiraachun dhagayameera

Ummata Oromoo Wayyaanen guurtee hiite.wareegamaa jiraachufi miidhaa adda addaatif saaxilamaa jiraachuu hidhamtoonni Godina Arsiitirraa qabdee hiite akka jedhanitti ispoortii humnaa olii dalagaa jechuun ummata dadhabbiin lafatti hafe reebudhaan ajjeesaa jiraachun dhagayamaa jira. Continue reading

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo keessatti fincilli uummataa jaachuufi waraanni Wayyaanee uummata nagaa goolaa juraachuun beekamee!

Aside

Sadaasa 3,2016

Tarkaanfii Waraanni Wayyaanee komaandi post uummata nagaa irratti fudhateen muraasi du’uufi,dhibbootaan kan lakkaawaman mana hidhaatti guuramaa jiru

Odeessi Qeerroo bakkichaa akka ibsetti barsiisoti mana barumsaa Moxee Qophaa’inaa  fi sadarkaa 2ffaa,akkasumas magaalaa Qassoo tti M/B sadarkaa 1fi 2ffaa irraa barsiisoti kan hidhaman yeroo ta’u:_

  1. M/B Qassoo irraa 27
  2. M/B Moxee irraa 13
  3. M/B Baataa irraa 8
    hidhamuun isaanii beekameera

Maqaan ibsuuf hedduu namoota baay’ee ta’uu maddi oduu bakkichaa eeeruun, Continue reading

Dawwitiin Qabsoo Keenyaa Wareegamtoota Bilisummaaf Darban Sana

Aside

Utubaa Leeqaatiin
Sadaasa 3,2016
Guyyaan FDG University Dirree Daawwaattti Kabajame

Guyyaan FDG University Dirree Daawwaattti Kabajame

Qabsoo gaggeefamaa tureef gaggeefamaa jiru keessatti,Yaadannoo sammuun keenya dagachuu hin qabne kanneen lubbuu isaanii qaalii Bilisummaaf gumaachanii darban nu keessa kahanii jiru.Nuti dhaloonni qubees Jaallan kaleessa wareegaman yaadachaa qabsoo isaan finiinsan galmaan gahuuf yoomuu duuba kan deebinu miti.Wirriiqannaan diinaa yoo barbadaa’uuf kaatu nii dabala.Gidirfamni uummataas yoo garboonfattoonni yoo hundeen isaanii ciccituu nii caala.Haallii kun waan amma uummata Kiyyarraaf narra gahaa jiru keessaa tokko.

Garboonfataan Uummata garboomsaa ture sanarraa abdii yoo kutu,duula ajjeechaaf gocha gara jabummaa raawwachuuf kan duubatti isa deebisu hin qabu.Keessaa haratee golgoleessee deemuu filata.Haalli inni keessa jiru abdii gaafa kutachiisu waan suukaneessaa uummata sanarraa dhaqqabsiisuutti fuulleffata.

Continue reading

#OromoRevolution: Muudama Moo Muddama?

Aside

(Dammaqaa Nagaasaa tiin)

damaqaaMuudamni Itti Fakkeessii Mootummaa Faashistii Abbaa Irree Wayyaanee gola Paarlamaa Sobaa Keessatti Har’a Gaggeesse Diramaa jechuuf Illee Diramaan hojii ogummaa artii waan ta’eef, Muudama_muddama hiika hin qabneefi Wayyaanee kufaatii isaa dhumaa irra jiru kufaatii irraa kan hin olchine ta’uun beekamadha. Ammas Injifannoon Qabsoo Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXGn mootummaa wayyaanee muddee qabee of ijibbachisaa jiruu daranuu itti jabaatee itti fufa. Mudamni fi Muddamni Kunis waan nama raajuu hin qabu, Gdhugaan jiru garuu yeroo kanatti biyyattiin mootummaa hin qabdu.

  1. Har’a biyyattiin maqaa labsii muddama(State of Emergency ) jedhuun ifatti Waraanni uummata irratti labsamee uummata ulee of harkaa hin qabne irratti guyyaa guyyaan Waraanni irratti Banamee lubbuun wareegama, hidhaman, saamamaa fi yakka shororkeessaa waraanaan hiraarfama guddaa keessa jira uummatni!!
  2. QEERROON BILISUMMAA OROMOO fi Uummatni OROMOO Qabsoon hanga bilisummaatti dhumnee dhabamna malee hiraarsa waraanaan duubatti hin deebinu jechuun falmaan hadhaawaan Oromiyaa keessatti itti fufinsaan gaggeeffama jira.

Continue reading

Lixa Wallaggaa Dambi Doolloo Keessatti Mootummaan Wayyaanee Erga Labsii Waraanaa Labasee Asitti Loltoonni Mootummaa Gabroomsaa Yakka Gudeeddiif,Ajjeechaa,Hidhaa Irratti Fuulleffatanii Jiran.

Aside

Sadaasa 2,2016

because-i-am-oromoUummati Oromoof Qe’een oromoo maal keessa jiraa?..kan jedhu yaaddoo guddaa keessa nama seensiseera.Magaalaaf baadiyyaan halkanio guyyaa dararamni dhala namaaf him malle irratti fudhataammaa jira.Akka addunyaan afuura keenya hin dhageenyeef internet nurraa muranii dhoksaatti nu miidhuuf tolee jira.Haalli Oromiyaa keessaa akka argaa jirrutti dararaa jaarraa keessa jirru kanatti rawwaatamee hin beeknedha.Loltoonni mootummaa Wayyaanee ganamaa galagala hojii taasisanii nama reebuuf ajjeesuu irratti fuulleffatanii jiru.Adeemsa amma jirruun kan itti fufamu taanaan sanyiin Oromoo daguugamuu yoo dadhabe haala akkaan daguuggaa keenyaaf daandii saaqu ta’aa jira.
Tibba kana Magaalaaf baadiyyaa Danbi Doolloo keessatti wantootni hawwaasa keenyarra gahaa jira sammuu namaa dhukkubsa Jiraataan Danbi Doolloo akka Sagalee Qeerroof gabaasanii jiranitti,Ganamaa galgala reebichaaf hidhaan dhaabbatee hin beeku.Abbaa manaa sansalataan hidhanii haadha manaa gudeeduu,Abbaaf Haadha sakaalanii ija isaanii duratti ijoollee waggaa 6 fi 7 irra hin caalle humnaan qabanii gudeeduu,shamarran argan kam irrattuu yakka gudeeddiin nu miidhaa jiru,Ajjeechaanis nurraa dhaabbatee hin beeku guyyaa guyyaan kan rasaasni isaanii galaafate hanga awwaluu irra gahaa jirra.Galgala galgala mana jala nu deddeemu,raadiyoon dhageeffatamu kan mootummaa yoo ta’een ala yakkoota suukanneessoo sanatu uummatarrra dhaaqaba.
Egereen keenya guddoo yaaddessituudha.Haalli taasifamaa jiru kun akkan akka kaanee lolluuf yoomuu booree jaabaa nuuf ta’aa jira.Taatus dararaan gaggeeffamaa jiru akkaan garmalee nu gaddisiisaa jiraa jechaa imimmaan haqataa gabaasan.Haalli kun Oromiyaa bakkeewwaan hedduutti fudhataamaa jiraachuus dhagaa’aa jirra.