Yuunibarsiitiiwwaan Hedduu Keessatti Warraqsi Qeerroo Barattoota Oromoon Eegalamee Itti Fufee Jira

Aside

QerroooSadaasa 21,2016
Qeerroon barattoota  Oromoo sirna bittuu wayyaanee balaaleeffachuun,addatti gochaawwaan jii’ota kana uummatarra dhaqqabaa jiran yakka Gudeeddii,Saamichaa,Ajjeechaa,Hidhaa akkaan akka duubatti hin deebifne humna hudhatee jiru dura dhaabbatee dhageessisaa jira.
Haaluma kanaan tokkummaan Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Wallaggaa,Amboo hanga ammaatti wal harkaa fuudhanii diddaa jabaa dhageessisaa jiraachuu gaabasi sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaqqabe ifa godha.Duulli kun Yeroo dhiyootti haala duuba deebi’uu hin dandeenyeen guutummaa Uummata Oromoof barattoota Oromoon akka finiinfamu dhaamsa jabaa walii dhaamuutti jiran.

Wallagga Yuunibarsiitii Warraqsi FXG Eegalame Itti Fufee Jira

Aside

Sadaasa 21,2016
fxgMooraa Wallagga Yuunibarsiitii keessatti Qeerroo waan jalqabe xumura itti gochuuf waloon ka’ee gootummaasaa agarsiisaa jira.Yeroo humni xiqqoon wayyaanee ajjeesuuf,gudeeduu,hidhuu,saamuu irratti bibbaatee jirtutti nuti qeerroon barattoota ilmaan Oromoo calliifnee ilaaluun nurra hin jiraatu jechuun Sochii diddaa garaa Warraaqsaatti tarsiisuun FXG fardeessanii eegalanii jiran,Mootummaa shororkaa wayyaanee mataaf miilla wal’aalaa jirti,Qeerroo qabsoo kanatti xumura gochuuf waan eegale galmaan gahuuf gamaa gamanaa wal waamuu qabeera.Mooraa Wallaggaa keessatti amma saatii kana dhukaasa guddaatu dhaga’amaa jira. Tarkaanffiin kaaffee fi konkolaataa heedduu kan moorichaa irratti fudhatamaa jira.Lubbuin nama biyya nama hin naasifne keessatti qabeenyi nama naasiisuun akkan akka sammuu namaa xuqus agarsiisaa jiru.

Hiriira Guddaarratti Sabboontonni Magaalaa Naqamtee Nannoo Jaatootti Rasaasa Diinaan Rukuman Lama Fayyuummaan Isaanii Yaaddeessaa Ta’ee Gara Hositaala Olaanootti Dabarfamuuf Jechuun Dhaaga’ame Haalli sabboontota lama guyyaa gaafa hiriira guddaarratti rukutamee haalaan nu yaaddeessaa jira jedhu akka gadii kanatti “Sabbonaa Suyyum Asfahuu fi sabbontuu Zarituu Bultii yerobayyee hidhadhaf rebichaan dararamaakanturan ammammo rasasa wayyanenrukutamanii rakkachaa jiruu suyyumimmo rasasi qomasakesatti wanafef lenca gurraachaa demee akka bafatuuf riferi ta ewanjiruf birri busa fi jirraa”

Godina Jimmaa Keessatti Loltooti Wayyaanee Ummata Nagaa,Barattootaa fi Hojjettoota Ragaa Tokko Malee Hidhaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Sadaasa 21 2016
Jimma Yuunibarsiitii Keessatti barsiisota Yuunibarsiitii hadamsanii qabuun hiraarsuun danatee jira.Yeroo sochii jaabaaf takaroo gurguddaa uummati Oromoof diinnisaa ilmaan nafxanyootaa walii gaggeessa jiran kana keessatti barsiisota hidhuun akka waan qabsoo Oromoo naafisuutti kan fudhatanii jiran,Hojii isaanii kana itti cimanii hojjetanillee guyya guyyaa warraqsi wal horee itti finiinaa jira.Akkuma kaleesaa gabaasnee turre mooraa kitoo furdisaarraa ilmaan sabboontota barattoota saddet(8) mootummaan ukkanfamanii kan jiran yoo ta’u barattoota cinatti barsiisotas hidhaa jiraachuu Qeerroo Yuunibarsiitichaa gabaasa .
Dr.Fiqaaduu Asaffaa kannee hidhamanii hiraarfamaa jiran keessatti argamu

Yakka Tokkoon Malee Dargaggoonni Oromiyaa Magaalaa Hedduu Keessaa Heddumminaan Hidhaatti Guuramaa Jiru.

Aside

img_20161120_114646Sirni cunqursaa  humnaaf aangoosaatti fayyadamuun humna qawween biyya bulchaa jiru yakka duguuggaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa ture ammas naga,e osoo hin jedhin Ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniif quuqamanii Irratti duula duuguuggaa sanyummaa  raawwachuu itti fufee jira.
Oromoo sababii ta,an duwwaafis Yakkamaa taasisuun Magaalaalee Oromiyaa bakkoota garaa garaa keessaa butuudhaan achi buuteen isaanii dhabamaa jira.
Erga labsiin hatattamaa golee oromiyaa mara keessatti labsamee kaasee mootummaan faashistii wayyaanee fxg uummanni  oromoo finiinsaa jiru humna isaa ol itti ta,uun waan itti ulffaateef waan qabee gad lakkisus walaalee jira.
Kanummarraa ka,uudhaanis hidhaa dararaa fi ajjeechaan baratoota oromoo mooraa yuunversiitii wallaggaa keessa jiran irratti jumlaan raawwachaa jira.
Sadaasa 14/11/2016 Yuunversiitii wallaggaa keessaa  baratoonni oromoo oromoo lama sababii ta,an duwwaaf moorichaa keessaa butamuudhaan achi buuteen isaanii dhabamaa jira.
Kanumaan wal qabatees baratoonni torbee kana keessa mooraa yuunversiitii wallaggaa keessaa butamanii dhabaman
1,Fayyisaa Gaarii
Kaninninni dhalatee guddate godina wallagga bahaa Naannoo gabaa jimaataa jedhamutti.
Gosa barnootaa inni barachas jirus siivil injiineriingii waggaa 2ffaa .

Continue reading

Ethiopia: State of Emergency Used as Systematic State Repression in Ethiopia

Aside

HRLHA

HRLHA Press Release

November 20, 2016 The March 2014 Oromo student protests, which began at Jima University and spread quickly to Ambo University then in a few days to all universities, colleges, high schools and elementary schools in Oromia and continued for two months, captured the attention of the world community for the first time. In those two months, over 81 Oromos, mostly university students, were killed and thousands detained by the crackdown on the protest by Agazi force and silenced. After eighteen months, the protest flared up again on November 12, 2015 in Ginchi Town in Western Showa 80 km south of the capital city. Since then, Oromia has remained in a human rights and humanitarian crisis. The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) lists over 2000 Oromo deaths, thousands of disappearances and tens of thousands of detentions. Many more thousands have left their homes behind and are now living in forests in order to escape the TPLF sponsored killing squads. To calm the peoples’ anger- after indiscriminate shootings from both the ground and the air of innocent Oromos at the Irrecha festival in Bishoftu on October 2, 2016- the government declared a state of emergency on October 8, 2016repression-in-ethiopia

Jimmaa Yuunibarsiitii Mooraa Kitoo Furdisaa Barattonni Oromoo FXG Finiinsaanii Jiran

Aside

Nov 20,2016

Itti fufaHumni hidhannoo guutuun mooraa barattootaaf hawwaasa biyyaatti keessa socho’u yeroo dararaa uummata Oromoorraa dhaqqabsiisaa jirutti sodaa tokko malee gootummaa guddaan hawwaasi Oromoo akkasuma barattonni bakkeewwan hedduutti diddaa garbummaa jabeessanii jiran
Haluma kanaa guyyaa kaleessaa barattoota sabboontota Ilmaan Oromoo sababa tokko malee Jimmaa Yuunibarsiitiirraa humna Command Post n qabamanii mana hiraarsaa galanii kan jiran yoo ta’u barattoonni karaa nagaa akka hiikamaniif gaafatan illee deebiin argame akka hiikamu hin dandeenye yoo ta’u,hanga barattoota qabdaniif ilmaan Oromoo hiraarsaa jirtan gadi lakkiftanitti jechuun dhaadannoof sagalee gurguddaan
Mooraa kitoo Furdisaa keessaa barattoonni sagalee dhageessisaa jiran  Qeerroon barattoota Oromoo barruulee duula lagannaa barnotaa walii
keennaa jira.