Gaafii Ummataawaliin Dhahanii Bira Darbuuf Yaaluun  Essanuu Nama Hin Gahu!

Aside

Xumura Abbootii irree!

Baarentuu Gadaa Irraa

dami-doollooUmmanni rakkatu malee gaafii hin kaasu, hin lolu, miidhamu malees hin iyyatu, hin fincilu. Ummata miidhamee gaafii kaase ammoo sobuu fi sossobuudhaan yknis waliin dhahuudhaan itti fakkeessanii bira darbuun hin danda’amu. Gaafii ummata fincilee humnaan ukkaamsanii hanbisuunis akkasuma hin danda’amu. Ukkaamsaan  yoo badii dabalataa ida’e malee furmaatas ta’uu hin danda’u. ta’ees hin beeku.

Biyya hedduu keessatti, abbootiin irree hedduun ummata gaafii haqaa kaase, ummata mirga isaaf qabsaawe ukkaamsuuf yaalaniiru, hidhaniiru, ajjeesaniiru, dararaniiru. Biyya kam keessattuu garuu abbootin irree kun milkaawanii bara baraaf ummata gaafii kaase ukkaamsanii haangoo humnaan tikfachuuf abbalan sanirra hin turre. Ykn hin jiraanne.Yeroof waan humna qawweetiin gaafii ummataa ukkaamsanii hanbisan itti fakkaatee dhiittaa mirgaa sukanneessaa raawwatanis dhumarra ummataan injifatamaniiru. Baayyeen isaanii du’a badaniiru.  Xumurri isaanii akka hin taane ta’eera. Akka humna qabna jedhanii namatti taphatanitti itti taphatameera. Haangoo bololaniif sanis dhabaniiru, qabeenya hangoo harkaa qaban fayyadamanii saamanii horatanis osoo hin nyaanne nyaatamaniiru. ykn dirqamanii isa biraaf laataniiru. Continue reading

Wayyaanee TPLF Konkolaatota Oromiyaa Keessa Sosso’an Boba’aa Dhorkachuun Sochii Akka Hin Goone Taasisaa Jira.

Aside

Amajjii 17,2017

img_20090101_081906Mootummaan saamtuu fi murni bicuu Wayyaanee yeroo ammaan kana guutummaa golee Oromiyaa keessaa boba,aa konkolaataa dhowwachuudhaan konkolaattonni hunduu hojii dhaabuuf dirqamanii jiru.

Keessumaa torbee kana keessa godina Wallaggaa bahaa magaalaa naqamtee fi naannoo ishee keessaa guutummaatti mootummaan wayyaanee  boba,aa konkolaattota waan dhowwateef konkolaachistoonni heedduminaan mootummaa Abbaa irree wayyaanee balaaleffachaa jiran.Haa ta,uutii otuu kun kanumaan osoo konkolaattonni uummataa osoo hojii dhaabanii dhaabbatanii   konkolaattonni mootummaa garuu qophaatti boba,aan naannoo mooraa yuunversiitii Wallaggaatti guutamaafii akka jiru maddeen Qeerroo achirraa gabaasan.

TPLF “Nageenya Bu’uuraa Guddaa Buufne” jedhee ololuun tuffii mirga saboota Cunqurfamoof qabu muldhisa.

Aside

Amajjii 15,2017

WayyaanneeErga Labsiin Waraanaa Labsamee Asitti Qe’een Oromoo Bakkeewwaan Hedduutti Bohichaaf Watwaannaa Dhabee Kan Hin Beekne Ta’ee Utuu Jiruu Mootummaa Nageenya Biyyattiif Bu’uura Guddaa Buusee Jiraan Tuffii Guddaadha Jedhu Jiraattoonni Akka gabaasaan Qeerroo bakkeewwan hedduutii gabaasaa jirutti adeemsa Mootummaan Wayyaanee ittiin uummata Oromoo daguuguuf baafate kanaan lammiiwwaan kitillayyoota hedduu awwaalaa jiraachuu addatti tibba kana gaabaasaaleen Sagalee Qeerroo Bilisummaa dhaqqabaa jiran labsii murna bicuu wayyaanee jala haguuggachuun waraanni Uummatarratti bobbaafame rasasaan dhaanee uummata ajjeesaa akka jiru  keessattu uummata daangarra jiran hedduu irratti gaagaa’ama hamaa saatii dhaqqabsiisaa jirutti nageenya  du’ee jiruun nageenyi biyyatti deebi’eera jechuun hololli kadhaa biyyoota biroo irraa ittiin maallaqa sassaabachuuf banaamaa jiru kan tuffii ilma namaa ta’uufi duuti ilmaan Oromoo mootummaa burjaajoftuu Wayyaanee cinatti hanga du’a Hantuutaa itti dhagaa’amaa akka hin jirre raga baha. Continue reading

FXG Itti Fufee Manni Barumsaa Preparatory Amboo Cufame.

Aside

Amajjii 15,2017

Itti fufaYaadannoo baratoota Oromoo bara darbe qabsoo irratti wareegamani gochuuf jecha,Qeerroon manneen barnootaa Amboo fi magaalaa jiran wal gurmeessuun waraqaa warraaqsaa fi suuraa barattoota wareegamanii maxxansuu fi baasuun duungoo qabatani bahuuf waamicha yeroo taasisanitti mana barnootaa guyyaa lamaaf cufuun akka yaadannoon kabajamu wal gurmeessaa turan.

Waraanni Agaazii haala kana dhagahe konkolaatota 5 niin loltoota guuree gara mana barnootaa deemuun dallaa marsuun barattoota haala kana qindeessu jedhu tokko lamaan maqaa yaamuun heddumminaan gara mana hidhaatti fuudhanii waan deemaniif jecha Qeerroon diddaa isaa itti fufee manneen barnootaa cufee jira.

Amajjii 14,2017 manni barnootaa high school Amboo irraa hamma Awaaroo gahutti barattooti daandii aspaaltii cufuun FXG gaggeessaa olanii jiru. Haalli kun hanga ammaa hin tasgabbaawiin jira.

“ABO”n , MAQAA MITII !!! KAAYYOO UMMTA OROMOOTI !!!

Aside

SEENAA  Y. G(2005)  kutaa 3ffaa.fi xumuraa

Barreessaa dhugaa baasa!Qabsoo Oromoon gaggeessaa jiru , kan addunyaan gaggeessituun addaa miti. rakkoon qabsoo keessattis ta’ee akka Ummataatti nu mudataa jiru , addunyaa irrattis mul’ateera. Mul’ataaS jiras. Dubbi guddaan akkamittin keessa dabranii bakka yaadan ga’aan ? isa jedhu malee, akkamiin keessa gangalataa jiraatan ? kan jedhu irraa barnoota hin argannu. Biyyoonnis ta’uu ummatoonni addunyAa keenyaa, wareegama baasanii akkuma biyya isaanii dhuunfatan, kanneen wareegama ol aanaa baasanii kan namaa dhaalanii taa’aan akka jiran beekuun barbaachisaadhaa. Kanarraas kan barannu , gama lameenittuu jabaatanii wareegama baasanii waan barbaadan bira ga’uf irraa barachuu malee, ka isaanii faarsaa keenya cabsaa jiraachuun gonkumaa furmaata ta’uu akka hin dandeenyeedha. Continue reading