Gaafii Ummataawaliin Dhahanii Bira Darbuuf Yaaluun  Essanuu Nama Hin Gahu!

Xumura Abbootii irree!

Baarentuu Gadaa Irraa

dami-doollooUmmanni rakkatu malee gaafii hin kaasu, hin lolu, miidhamu malees hin iyyatu, hin fincilu. Ummata miidhamee gaafii kaase ammoo sobuu fi sossobuudhaan yknis waliin dhahuudhaan itti fakkeessanii bira darbuun hin danda’amu. Gaafii ummata fincilee humnaan ukkaamsanii hanbisuunis akkasuma hin danda’amu. Ukkaamsaan  yoo badii dabalataa ida’e malee furmaatas ta’uu hin danda’u. ta’ees hin beeku.

Biyya hedduu keessatti, abbootiin irree hedduun ummata gaafii haqaa kaase, ummata mirga isaaf qabsaawe ukkaamsuuf yaalaniiru, hidhaniiru, ajjeesaniiru, dararaniiru. Biyya kam keessattuu garuu abbootin irree kun milkaawanii bara baraaf ummata gaafii kaase ukkaamsanii haangoo humnaan tikfachuuf abbalan sanirra hin turre. Ykn hin jiraanne.Yeroof waan humna qawweetiin gaafii ummataa ukkaamsanii hanbisan itti fakkaatee dhiittaa mirgaa sukanneessaa raawwatanis dhumarra ummataan injifatamaniiru. Baayyeen isaanii du’a badaniiru.  Xumurri isaanii akka hin taane ta’eera. Akka humna qabna jedhanii namatti taphatanitti itti taphatameera. Haangoo bololaniif sanis dhabaniiru, qabeenya hangoo harkaa qaban fayyadamanii saamanii horatanis osoo hin nyaanne nyaatamaniiru. ykn dirqamanii isa biraaf laataniiru.

Namni  Saadaam Huseen, Kolaneel Gaadaafii, chaarlas teelar, bin alii, Idaamiin daadaa fi  abbootii irree Afrikaa  du’a badan arge  yakka hin dalagu. Qondaaloonni Wayyaanee har’a haangoo harkaa qabna jedhanii  ummattoota impaayeera itiyoophiyaa keessumaa ammoo ummata Oromoo dararaa fi saamaa jiranis osoo qalbii qabaatanii bor beekoo ta’anii yakka amma Oromoorratti raawwachaa jiran kana hin raawwatan.

Qondaalonni Wayyaanee har’a haangoo harkaa qabana, maaltu maal nugodha jedhanii yakkoota lakkaawamanii hin dhumne ummattoota impaayeera itiyoophiyaa keessa jiranirratti keessumaa ammoo Oromoorratti raawwachaa jiru. Yakkoonni  wayyaanootaan Oromoorratti waggoottan 25n darban hedduu ta’anis keessumaa baroota as dhihoo kana jechuunis waggoota 2n darban erga FXG gutummaa Oromiyaa keessatti dhooyee  yakkoonni waraana sirnichaatin Oromoorratti raawwatan kan lakkaawwamanii dhumanii miti. Kan hidhame mana hidhaatti odoo dararamuu du’e, kan karaarratti akka saree waraana aga’aazitiin ajjeefame, kan bakka buuteen isaa dhabame, kan biyya abbaa isaa dhiisee godaane lammii Oromoo manni haalakkaawu. Keessumaa waraanni sirnichaa Aga’aaziin maqaa komaandi posti jedhamuun labsii yeroo muddamaa sababeeffatee Oromiyaatti bobbaafme yakki dalgaa  turee fi jiru kan himamee dhumu akka hin taane hundumatuu quba qaba.

Kaleessa Kolooneeffattoonni  Awuroopaa biyyoota kolaniin qabatan keessatti abbaa biyyaa gabrummaa dide ajjeessaa, hidhaa fi dararaa turaniiru.  Qabsoon dhalattootaa itti jabaannaan, addunyaanis barri kolonii darbuu hubattee kolaneeffatummaa balaaleeffannaan  dhiifama gaafanii haangoo abbaa biyyaatti dabarsanii dhisanii bahaniiru. Wayyaaneen garuu erga barri kolonii darbee jaarraa walkkaa booda Oromootti duultee kunoo Oromoon gabrummaa ishii jala jira.wayyaanoonni har’a jaarraa 21ffaa kana keessa yakka kolnofeeattoonni Awuroopaa jaarraa 19 keessa raawwataniin ol Oromoorratti raawwachaa jirti. Saamichi, hidhaa fi dararaan akkasumas ajjeechaan isaan har’a Oromoorratti raawachaa jiran gongumaa kan dorgomaa qabuu miti. Duguuginsa sanyiiti. Egaa Oromoon kana ofirraa dachaasuuf qabsoo walirraa hin cinne gaggeessaa jira.

Ummattoonni impaayeera itiyoophiyaa keessa jiran, keessumaa ummanni Oromoo rakkateet, miidhameet, dararameet fincila eegale, biyya isaa irratti akka lammii lammaffaatti ilaalamuu, qabeenya isaa saamamuutu isa dallansiise, of ittisuufis isa kaase. Amma rakkoon isa dallansiise, fincilaaf isa kaase kun furmaata argatuttis akka qabsoo gaggeessaa jiru irraayis duubatti hin deebine halli amma Oromiyaa keessatti muldhachaa jiru eenyufuu ragaadha. Achi qabaa fi as qabaa, ykn waliin dhahiinsa murna gabroonfattuu wayyaaneen raawwachaa jirus gongumaa fincila mirga abbaa biyyummaaf taasifamaa jiru kana karaarraa maqsuu hin danda’u.

Koloneeffattoonni Tigraayirraa Oromootti duulan kun bakka irraa dhufanitti dacha’uun dirqama. Bara baraan gateettii Oromoorraa sirbuuf mirgas, heyyamas hin qaban. Qabsoon gaggeeffamaa jirus kanumatti xumura gochuufii. Kun jabaatee itti fufuu qaba. kan kana jabeechee itti fufuudhaan, gabroonfattoota weeratoota Tigraay kanatti xumura  godhu ammoo  nama biraa odoo hin taane numa ummattoota gabrummaa jala jiruudha, keessumaa ammoo ummata Oromoo sirna kana jalatti miidhaa guddaan irra gahaa jiruudha. Akkuma Afrikaa kibbaatti ummanni fincilaan kolooneeffattoota harkaa biyya isaa deeffate, akkuma Sudaan kibbaa, Akkuma Eritiraa fi biyyoota bilisummaa isaanii qabsoon koloneeffattoota harkaa deeffatan isaan kaanii ummanni Oromoos dhiigaa fi lafee isaatiin biiyya isaa gabroonafttoota ilmaan Tigraay wayyaanee  harkaa deeffachuun dubbii marii hin barbaachifnee dha.

 FXG eegalle jabeessinee itti fufuu qabna. WBO gama dandeenyun utubuun dubbii fardiidha. Wayyaaneen holola adda addaatiin waliin dhooftee bara dheereffachuu hin qabdu.Walumaa galatti namni ani Oromoodha ofiin jennuu fi bilsummaaf qabsoofnu baadiyyaa- magaalaatti, baddaa gammoojjittii karaa danda’ame hundaan warra nu saamaa, nu ajjeesaa, fi nu hidhaa, qayee keenyaa sirbu kana ergamtoota isaanii miseensoota OPDO waliin harree ofirraa gatuun gabrummaatti xumura godhuu ta’uu hubannee harka wal haaqabannu.  Akkuma addunyaarratti beekamu, akkuma nutis itti jirrutti  qabsoo malee kan gabroonfataa kuffisu,bilsummaan nama gahu waan hin jirreef bakka jirrutti qabsoo keenya haa finiinsuun dhaamsa keenyaa.//

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: