Ebla 3,2017/ Godina Wallaggaa anaa Jaarsoottii Qeerroon magaalaa Jaarsoo warqaa dhadatnoo ykn ibsa ejjennoo 11 qabu guutuuma magaalaatii keessa faca’asnii bulanii jiru maneen barnoota ,wajjirallee Motummaa, maneen uummataa keessa facasaanii jiru Jaala deemtoottii wayyannee OPDOn gochaa kanattii hedduu rifaachun akka saaree maratee walii gaadi fiigaa jirtii. Ibsi ejjennoo sun kan armaan gaddittii.
1 Mirgaa Uummata Oromoo sarbuun haa dhabbatu Continue reading
Category Archives: Oduu/News
ONN: News 4-1-2017
Aside
New- “Waatu Jira Barana” Wallee Warraaqsaa Haawisoo QEERROO Bilisummaa Bitootessa, 2017
Aside
OPDO magaalaa Jimmaa keessatti siidaawwan hojjettu mara afaan Habashaan irrattii barreessaa jirti
Aside
Siidaan kun magaalaa Jimmaa Bakka Ajiphii jedhamti Hoteela Honey Land fuuldura yoo ta’u.Siidaan bareedaan Haawwasa Jimmaa kana ibsu Siidaan Jabanaa guddaa bakka kana ture.Jabanaa sana diiguun Siidaa haaraan dhaabbate.Siidaa kanarratti Jimma biyya Oromoof magaalaa Naannoo Oromiyaa keessaa tokko taatee utuu jirtuu,afaan halagaan siidaa kana irratti katabuun tuffii guddaa uummata magaalattii irraa qaban mul’isuudha.Gochaawwaan akkana afaan Oromoo hundeen magaalaa jiran keessaa dhabamsiisuudha.Gocha kana Qeerroo magaalaa Jimmaa nii balaaleffanna jechuun yaada isaanii ibsatanii jiran
SBO: Ebla 02 bara 2017. Oduu, Qophii Haala Yeroo Irratti Fuulleffatee fi Gaaffii fi deebii Qeerroo Dargaggoota Oromoo Fayyisaa Asaffaa fi Anwaar Sa’id waliin Taasifame – Kutaa jalqabaa.
Aside
Ibsa Koree Hojii Raawwachiiftuu Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Demookraasii (TUBD)
Aside
PEOPLES ALLIANCE FOR FREEDOM AND DEMOCRACY (PAFD)
Koreen Hojii Raawwachiiftuu Tumsa Ummatootaa bilisummaa fi dimokraasii walgahii isaa dhaabbataa lammaffaa Bitootessa 28 hanga 29, 2017 adeemsifatee jira. Tumsi Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii tumsa dhaabota bilisummaa shanii, Sochii Bilisummaa Ummatota Banishangul, Sochii Bilisummaa Ummata Gaambeellaa, Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bili-summaa Biyyoolessa Ogaadeen fi Adda Bilisummaa Biyyolessa Sidaamaa hammata. Koreen hojii raawachiiftuu gabaasaa hojii fi sochii tumsichaa dura taa’aa irraa dhaggeeffatee jira. Akksumas, ibsoota biiroolee tumsichaa fi dhaaboti miseensoti tumsichaa waa’ee sochii isaanii ilaalchisuun kennan dhaggeeffateera. Koreen hojii raawwachiiftuu gabaasaa fi ibsoota kanneen erga dhaggeeffatee booda ajandaalee walgahii kanaaf qabaman raggaafatee gadi fageenyaan irratti haasa’e. Continue reading
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Qophii Bitootessa 31, 2017
Aside
Xiyyeeffatnaa “Sab-Boonummaa” Qophii Maree Torbee.
Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Ashmiira jedhamtu keessaa waraanni TPLF maqaa komaand poostiin dargaggoota bifa haarawaan qabaa jiraachuu Qeeroon gabaase.
Aside
Bitootessa 31,2015/ Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Ashmiira jedhamtu keessaa dargaggoota bifa haarawaan adamsanii hidhatti guuraa jiru, Guyyaa har’aa jimaata dargaggoota Oromoo humni kumaandi poostitiin daandirraa qabamuun konkolaataa piikaappii poolisii Oromiyaatiin fe’anii kan deemaniin yoo ta’uu yeroo ammaa bakki isaan itti hidhamanii fi sababni qabamaniifis hin beekkamne dargaggoonni hidhamanis maqaan isaanii kan armaan gadii kana, Continue reading
Seife Nebelbal Radio fi Simbirtuu, – Bitootessa 31, 2017,
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Bitootessa 30, 2017
Aside

