Guyyaa Gootota Oromoo magaalota Godina Arsii Saddiiqa,Nageelle,Diksiis Hamdaa keessatti Qeerrodhan kabajame

Aside

Continue reading

Dr,Kedida Show “Qeerroon Maal Keessa Jira”

Aside

Continue reading

Ijoo Dubbii SQ- Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 18, 2017

Aside

Waan Qabsoon Nurraa Barbaadu.

Aside

Dachaasaa Deebisaatiin

Qabsootu Wareega Barbaada malee wareegamni Qabsoo hin barbaadu
Goototni kaleessaa waan guddaa nuuf bu’eressanii dhiigaa isaanii chaapessanii taran. Wareega isaanii sanatu sona nagaatti nu geessuuf har’allee wirriiqa. Wareegamni qabsoof kaffalamu wareegama sabaati.
Isaan kaleessa shiftaa diinaan wareegaman sanneentu tokkummaa riqicha guddaan nuuf ijaaree darbe. Isaanirra dhaabannee afaan keenyaan mirga keenya gaafachuu dandeenye. Wareegama isaaniin dhaloota gaaffii mirgaa haafatu taanef. Wareegama gaafa sanaatu har’a keenyaaf utubaa sibiilaa ta’e. Qabsoon qabsoo dhugaa ta’uu nuu kirkaneessan. Isa guyyaa keessa argatan utuu hin taane isa faana dhalatan dursuu isaaniitu har’a keenya tumse. Nutu firii isaan gaafas facaaseenidha, firii tokkummaa uummataa. Firii Oromummaa dhugaa. Eeyyeen isaan yoomiyyuu namoota lapheen sabaa hin dagannedha. Seenaa dhugaa dalagan seenaa haqaa ol nuuf kaahan.
Continue reading

SBO: Ebla1 9 bara 2017. Oduu, Gabaasa Sirna Kabajaa Guyyaa Goototaa 2017 ilaallatuu fi Kora Kutaa ABO Kanaadaa irratti Gaaffii fi deebii Itti Gaafatamaa Kutaa ABO Kanaadaa Jaal Fiqaaduu Eebbaa waliin taasifame Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

OMN

Aside

Continue reading

Aside

Academic Expert tiin Bulchiina Naannoo Oromiyaa 3 Biyya Kanaadaatti Harka Kennachuu TVOMTn Gabaase.

Aside

Kabajaa Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Qeerroo Godina Harargee Magaalaa Hirnaatiin.

Aside

Image may contain: outdoor and natureKabajaa ayyaana guyyaa wareegamtoota gootoota Oromoo Ebla 15, Qeerroowwan magaalaa Hirnaatiin haala kanaan guyyaa kalee kabajamee oole. Qeerroon kanneeniis wa’ada qabsoo haaroomsuuf irbuu oromummaa seenan. Continue reading

Ebla 15 Guyyaan Gootota Oromoo Gidduugaleessaa Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Keessaatti Gootota Sabboontootafi Qabsaa’ota Oromoon Bifa Ho’aa Ta’een Kabajame.

Aside

Image may contain: 1 person, sittingEbla 15 Guyyaan Gootota Oromoo Gidduugaleessaa Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Keessaatti Gootota Sabboontootafi Qabsaa’ota Oromoon Bifa Ha’aa Ta’een Kabajame. Ebla 17/2017 Goototni,Barattootni,Dargaggootni,Qeerroo fi Qarreewwan walumaa galatti sabboontotni ilmaan Oromoo Handhuura Oromiyaa Finfinneetti walitti dhufuudhaan Guyyaa Gootota Oromoo bifa ho’aa ta’een kabajatan.
Kabaja Ayyaana yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo(GGO) kana irratti akkuma yeroo kaanii dungoo halluu alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo qabu(Diimaa-Magariisa-Diimaa) qabu erga qabsiifatanii booda, yaadannoo sammuu Gootota Qabsoo Bilisummaa Oromooo irratti wareegamaniif taasisaniiru. Ittuma fufuudhaan kaayyoo fi Akeeka, akkasumas achii-as dhuftee Ayyaanichaa erga wal yaadachiisaniin booda, dhimmoota Ijoo haala yeroo ammaa Oromiyaan keessa jirtu irrattis marii bal’aa taasifataniiru.

Continue reading