Qondaaloti Wayyaanee Rakkoon OPDO Bulchiinsa Gaarii Dhabuu dha Jechuun Ummata Barsiisaa Jiru.

Aside

Ebla 26,2017/ Godina Arsii lixaa Aanaa Shaallaa Magaalaa Ajjee keessatti rakkoon dhaaba keenyaa bulchiinsa gaaridha rakkoo bulchiisa gaarii hiikuuf qophii jirra.isinillee dargaggoota fi namoota kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo ABO galmaan gayuuf maqaa Qeerroo Bilisummaa jedhuun wal gurmeessanii Socho’aa jiran uf keessaa baaftanii akka mootummaaf kennitan mootummaan dargaggootaaf haala Continue reading

Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Asaasaa keessatti ergamtooti TPLF(OPDO) haaromsa gadi fageenyaa jechuun guyyaa guyyatti ummata dirqamaan walitti qabaa jiru.

Aside

Ebla 26,2017/ Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Asaasaa keessatti OPDOn haaromsa gadi fageenyaa jechuun guyyaa guyyatti ummata dirqamaan walitti qabaa jirti.kana malees qonnaan bultoota sossobachuuf jettee Oorruu qonnaan bultoota Bishaan jallisiitiin omisha gara garaarratti bobba’an jajjabeessuuf maqaa jedhuun gandoota aanichaa keessa olii gadi deddeemanii siyaasaa ufii gaggeeffataa jiru.Itti gaafatamaan Abbaa taaytaa  misooma jallisii Godina Arsii lixaa Obbo Umar Ejeroo kaabinoota Aanicharraa walitti qabatee maqaa misoomatiin ummata Oromoo guutummaa Oromiyaatti jibbaa Wayyaaneef qaban gadi bayanii Continue reading

Dabballooti Wayyaanee Daldaltoota Irraa Dirqamaan Gibira Seeraa Alaa Guuraa Jiru.

Aside

Ebla 26,2017/Godina Addaa naannawa Finfinnee Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti ergamtoonni Wayyaanee OPDO daldaltoota dirqamaan gibira humna isaanitii ol kaffalchiisaa jiru.Ergamtoonni wayyaanee kunniin gibira ummanni humna keenyaa oli jedhee mormachaa ture osoo jiruu ammallee dirqamaan bakka hojii isaaniitti dhaqanii dirqamaan gibira humna isaanitii olii akka kaffalan dirqisiisaa jiraachuu Qeerroon naannawa sanii gabaasee jira Continue reading

Godina Arsii lixaa Magaalaa Qoree Keessaa Barrattooti Manneen Barnoota Sadarkaa 1ffaa Irraa Hidhamaa Jiru.

Aside

Ebla 26,2017 /Godina Arsii lixaa Magaalaa Qoree keessaa barattoonni qabamanii mana hidhaatitti darbatamaa jiru.Tibbana barattoonni uffata wayyaaneen ummataaf raabsite kan duubaan barruu HAAROMSA GADI FAGEENYAA jedhu dallaa fi bakkoota gara garaatti fannifamanii turan kanneen barattoota kanneentu fannise shakkii jedhuun barattoota nagayaa hidhaa jira. Continue reading