Sa’a Abbaan Gaafa Cabse Hormi Ija Jaamsa”

Aside

Dachaasaa Deebisaatiin

Ebila 3, 2017
Barruukootti utuu hin cehin, mudannoo tokko kanan qabuunan eegala.’

Guyyaa tokko yeros barataa kutaa 10n ture bara filannoo bara 2002 jechuudha. OPDO documentary hadhaa guddaa qabu, documentary dhaaba ABO hadheessu keessi isaa sobaan dhommoqu akkaataa ittiin ABOn uummata Oromoo qalu jechuun barataa agarsiisuuf galma Bulchiinsa maagaalattin keessa jiraadhuutti walitti nu qabde. Jaallan bara sana qabsoo afaan Oromoof hogbarruu akkasuma qabsoo uummatichaa waliin taasisnu faana buunee deemne. Documentary sun is banamee ilaaluu jalqabne. Wanti achirraa marti akka hadhaa qabu waan barreef dursinee walakkattii cufsiifnee gaaffilee gaggabaaboo wal harkaa fuunee dhiyeessineef gaaffiin keenya guddaan deebii dhabe gaafasii “yeroo ABOn akkas godhu kan waraabe eenyu? Inni waraabe sunis mataansaayyuu nama badii kana raawwatedha. Tole erga ABOn akkas uummata darara jettanii badii kana gaafa raawwatu kan qopheessee Video waraabe eenyu jedhama. Hamma video waraabdan abbaa yakka hamaa kana raawwate irraa deebisuuf guumaacha maaf hin goonee? Yoomiyyuu ABO uummata Oromoo irratti kana dalaguuf wixinees ta’ee kaayyoo kanaa hin qabu ” jechuun dhiitnee baane. Continue reading

Godina Wallagga magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti mootummaan Wayyaanee maqaa walga’iitiin uummata doorsisaa jiraachuu Qeerroon gabaase.

Aside

Caamsaa 3,2017/ Mootummaan sirna nama nyaataa Abbaa irree Wayyaanee godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti kaabinoota isaaf amanamoo ta’an walitti qabuudhaan uummata amansiisuu qabdan jechuudhaan uummata magaalaa Naqamtee irratti hololaa fi afaanffajjiidhaan lafa cabsaa akka jiru ibsame.
Haaluma kanaan hundeen garboomffattuu ilmaan Tigiraayiin bu’uureffamte sirni Wayyaanee torban kana keessa guyyaa gaafa Caamsaa 04/2017 irraa eegalee hanga Caamsaa 05 /2017 tti sirni wayyaanee Godina Wallagga magaalaa Naqamtee galma guddicha kan magaalichaa keessatti kaabinoota isaaf bitamuun uummata gidirsaa turan walitti gurmeessuun uummata walitti qabdanii amansiisuu akka qabdan jechuun koonfireensii teessisaa akka jirutu eerame. Continue reading

Wayyaaneen TPLF Ummata Oromoo waan haloo bayaa jirtu fakkaata.

Aside

Caamsaa 3,2017/Wayyaaneen Ummata Oromoo waan haloo bayaa jirtu fakkaata. a 3,2017/Waan hundaan Ummanni Oromoo Oromiyaa keessatti Karaa Adda addaatiin  dararamaa jira.Ifaadhaan,Tajaajila Geejjibaatin, Walumaa galatti Tajaajilli hawaasaa waan haloo bayuudhaaf raawwatamaa jiru fakkaata.Bifuma kanaan Godina Arsii Magaalaa Siree keessatti Ummanni Bishaan dhugaatii dhabuun haroo fi Laga loon wajjiin dhugaa jira,Bishaan Boombaa Torbaanitti guyyaa tokko dhufa.guyyaa inni dhufes Ummanni ganama bariisaa bahee hiriira dhaabbataa oolee galgala gala. Continue reading

Godina Baalee Magaalaa Goobbaa keessatti waraanni Wayyaanee Ummata Saamaa jira.

Aside

Caamsaa 3,2017/Godina Baalee Magaalaa Goobbaa keessatti waraanni Wayyaanee Ummata Saamaa jira. Magaalaa Goobbaa keessa galgala nama saa’atii 4:00  booda daandirratti argame waraanni Wayyaanee daandirraa qabee gara kaampii isaanii geessuun reebicha irratti raawwachuu fi saamuun cimee itti fufeera.Ummanni Magalattii yeroo ammaa dheekkamsa guddaa keessa jiraachuu Qeerroon Goobbaa gabaasee jira

Gatiin Xaawoo Dabalamuu Qonnaan Bultooti Godina Wallaggaa Himatu. Mootummaan Ammoo Gadi Buuseen Jiraa Jedha.

Aside

Image result for welega farmer farmCaamsaa 3,2017/ Qote Bultootni Godina Wallaggaa “Gatiin Xaa’oo Gadi Bu’ee Jira” Jechuun Holola Malee Hanga Ammaa Waan Nu Gahe HinJiru Jedhan Durumaa Harcaatuwwaan diinaa gartuun murna bicuu wayyaanee OPDOn barootaaf qabsoon uummataa yoo hudhee morma qabu hololaan uummata burjaajessuuf yaalaa turuunshee beekamaadha.Tibba darbe kana keessa “hoji dhabdootaaf hojii uumna” jechuun maallaqaa ijaan hin argamnen laagaa tatarsaa’a turte.Hanga ammaa uummanni keenya keessattuu barattoon sadarkaa barnootaa garaagaraan eebbifamanii jiran hojii Continue reading