Aside

#OromoRevolution #Didne_Didaa Adoolessa 25/2017Godina Horroo Guduruu Magaalaa Shaambuutti guyyaa kaleessaa warraaqsii FXG daldaltootnifi uummatni waliigaluun Manneen daldalaa suuqii(dunkanoota) isaanii Cufachuun duula gabaa lagannaa , diddaa gibiraafi gidiraa dhageessisa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama, har’a Immoo OPDO ergamtuun wayyaanee Manneen daldalaa uummataa irra adeemuun Saamsameera jechuun waraqaa irratti dhoobaa jiraachuu Maddeen Qeerroo Magaalaa Shaambuu gabaasan. Manneen daldalaa diddaa gi iraafi gidiraa akkasumas waamicha duula gabaa lagannaaf cufaman irra adeemtee Samsameera jechuun wayyaanee OPDOf furmaata kan hin taanee ta’uu hubachiisuun diddaa fala fidaa keenya qabsoon fulduratti jechuun ejjennoo isaanii jabeessa jiraachuu dhaammatan.

Aside

Adoolessa 28,2017/ Godina Harargee Bahaa Aanaa Masalaatti wayyaaneen Ummata Dirqamaan akka hojii eegalsiiftan jechuun Milishoota fi Poolisoota Walitti qabdee dirqama itti kennaa jiraachuun dhagayame.Magaalaa Masalaa fi gandoota magaalichaa hunda keessatti namoota dukkaana banaa jedhamanii banuu didan qabdanii akka mootummaaf dhiyeessitan warrior ummata jeequmsaaf kanaan duras ummata kakaasaa ture isaanii jechuun ummata hidhatti guuruf karoorfattee ka’uun guyyaa har’aa wal gahirra jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo Gabaasanii jiru Continue reading

Odeessa Oromiyaa Tibbanaa

Aside

Adoolessa 28,2017/Godina Harargee bahaa Santa Qarsaatti Wayyaaneen Ummata Dirqamaan biqiltuu dhaabsisaa jiraachuu maddeen Keenya gabaasanii juru. Aanaa Qarsaa fi Gandoottan baadiyyaa hunda keessatti mootummaan wayyaanee Ummata dirqamaan yaasee biqiltuu dhaabun naannoo keessan magariisa gochuu qabdu jedhee roobaf aduun ummata rakkisaa jiraachuun dhagahame.maqaa biqiltuu dhaabutiin ummata walitti qabee kaabinoota isaa warra Afaan isaanii siyaasaa kijibaatin qaratan bobbaasee ummata waa’ee misoomatiin walitti qabe siyaasaa isaa kan kijibaa waggaa 26 guutuu ummataaf liqimfamuu dide san ummataan dirqamaan liqimsaa jechaa jiraachuun ummata shororkaa itti naqaa jiraachuu maddeen keenya gabaasanii jiru. Continue reading

24 July, 2017 15:12

Aside

Adoolessa 24,2017/ Magaalaa Buraayyuu irra lukkeelee wayyaanee ummata burjaajeessun mana jireenyaa fi lafa bakka mana jireenyaa sini keennina jechuun dhugaa fakkeessani,kijibaan ummata kan saamaa turan soba ta’u ifa baasan.

Odeeffannoo naannoo Sana akka addeessutti ummannii fi Qeerroon akka addeessutti kana dura nama uunfaa tokko tokkoorraa qarshii kan guuraa turan deebidhanii haaluun lafti sinif kennamu hin jiru jechuun beeksisa maxxansan odeensi gama sana ,waanti kun kan raawwate gandoota buraayyuu maratti,ganda lakkuu kattaa,ganda Buraayyuu,Ammee Diimaa,Gafarsaa…fi kknf keessatti lukkeleen wayyaanee ummata saamaa kan turan haaluu isaani qeerroon naannoo Sana addeessan,odeeffannoo biraa dudduubaan…