Adoolessa 28,2017/Godina Harargee bahaa Santa Qarsaatti Wayyaaneen Ummata Dirqamaan biqiltuu dhaabsisaa jiraachuu maddeen Keenya gabaasanii juru. Aanaa Qarsaa fi Gandoottan baadiyyaa hunda keessatti mootummaan wayyaanee Ummata dirqamaan yaasee biqiltuu dhaabun naannoo keessan magariisa gochuu qabdu jedhee roobaf aduun ummata rakkisaa jiraachuun dhagahame.maqaa biqiltuu dhaabutiin ummata walitti qabee kaabinoota isaa warra Afaan isaanii siyaasaa kijibaatin qaratan bobbaasee ummata waa’ee misoomatiin walitti qabe siyaasaa isaa kan kijibaa waggaa 26 guutuu ummataaf liqimfamuu dide san ummataan dirqamaan liqimsaa jechaa jiraachuun ummata shororkaa itti naqaa jiraachuu maddeen keenya gabaasanii jiru.
Godina Addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Duukamitti lagannaa gabaa itti fufuun konkolaachiftoonni magaalattii guyyaa har’aa guutumatti hojii dhaabudhaan diddaa Ummanni Oromoo godhaa jirurratti makamuun hojii boonsaa hojjachaa oolaniiru
Godina Arsii Lixaa Magaalaa Arsii Nageelleetti Pirezidaantin MNO Obbo Lammaa Magarsaa Ummata Magaalattii walitti qabee Gibira humnaa oliinnnurratti fe’ame jechuun warri lagannaa gabaa keessatti hirmaattan haaluma duraan kaffalaa turtaniin kaffalaa isinirraa dhiifnee tokko taanee biyya haa misoomsinu jechuun ummata kijibaa ooluun maddeen keenya ganaasanii jiru. Obbo Lammaan Namoota harka qalleeyyii fi Qaama miidhamtootaatiif kennine jechuun namoota duraan mana mootummaa kan gandaa keessjijiraatan keessaa yaasisiisun hireefii jira Qeerronis bakka inni ummata walitti qabetti hin simannu Gidiraa Maqalee Oromiyaa nutu misoomsata malee jechuun sagaleen wal jalaa qabaa itti sirbaa oolaniiru amma erga inni magaalichaa bahe immoo waraanni Dargaggoota daandirraa qabee hidhatti guuraa jira. Ummannis wal gahucharratti gaafilee hedduu gaafateera. mana barumsaa finfinnetti eebbifamerratti namoonni maqaa isaanitiin ijaartaniif ummata Oromootif qabsaayaa ture isin garuu Jeneraal Waaqon biyyaa bawachiiftanii biyya ormaatitti wareegame amma faarsun gidha godha obbo Baqqalaa Garbaa fi Dr Maraaraa Guddinaa fi Oromoota maqaa Qabsoo bilisummaa Oromootif hidhaman mana hidhaatii yoo yaasuu dabdeettan wal amanna malee ammaaf wal amannee wajjiin socho’uu hin dandeennu jechuun Qaanessee deebisuu maddeen Oduu Qeerroo Aanaa Arsii Nageellee irraa nu gahe addeessee jira
GODINA Arsii Aanota hedduu keessatti Barruulen waamicha FXG Gibiraan wal qabatu bal’innaan facaafamaa jiru.Magaalota Akka Roobee Diida’aa, Siree, Soloist, Seerofta, Boqqojjii, Lemmuuf Bilbiloo, Xannaa(Xiicho) Wandoo Gannat, Eddoo, Dheeraa, Itayya, Asallaa, Sagureef Magaalota hedduu keessatti maxxanfamaa Fi facaafamaa kan jiru yoo ta’uu guyyoottan Itti aananis bifa gara garaatin Ummataaf waamichaa kan godhu ta’uu Qeerron Aanota Garagaraa irraa qophii xummurachuu gabaasee jira
Magaalaa Walisootti Poolisoonni wayyaanee Ummata mana manarra deemuun dirqamaan wal gahii waamudhaan lagannaa gabaa ummanni sababii kaffaltii gibiraatin godherratti namoota Ummata kakkasan uf keessaa baasaa. Daldaltoonni hojii dhaabdanis nutuu isin bira jira rakkoon isinirra gahu hin jiruu borurraa eegaltanii hojii keessan eegaluu qabdu ta’uu baannan qabeenyi keessan isinirraa fudhatamee karaa mootummaatin faaydaa ummataatif akka oolu ta’a jechuun ummata sodaachisuuf yaalaa ooluu maddeen Oduu Qeerroo Magaalaa walisoo gabaasanii jiru
Godina Arsii Aanaa Adaabbaa Gandoota Baadiyyaa hedduu keessatti wayyaanen Qonnaan Bultoota walitti qabdee Ujoollee teessan magaalaa Adaabbaa keessa jirantuu lagannaa gabaa godhaa jechuun Ummata kakaasee galiin gibiraa mootummaa akka hin kaffalamne godhaa jira ujoollee warri magaalaa qabdan gandaa fi lakkoofsa manaa ujoollen teessan keessa teettu maqaa isaanii guutuu wajjiin galmeessisaa Mootummaan namoota jeequmsaaf ummata kakaasan addaan baasee beekudhaan hubannoo kennuufii barbaadaa jechuun Qonnaan bultoota doorsisaa jiraachuu maddeen keenya Adaaabbarraa gabaasanii jiru
Godina Baalee Aanaa Agaarfaa keessatti Wayyaanen addatti Abbootii Qabeenyaa Sabaan Oromoo ta’an humnaan gibira irratti fe’uun dirqamaan kaffalaa jechaa jiraachuun dhagayame Abbootii Qabeenyaa Wayyaanen dirqisiisaa jirtu keessaa muraasa1, Haaji Xaahiroo Kuma 180 Mana Baaburaatif 2,Hajjii Waayyuu Madaala (Mizaana) Midhaanitiif Kuma 90 3,Shee Hajjii Mana Nyaata foonitiif kuma 140 4,Bantiyyee Mana nyaatatiif kuma 75 5,Fiqaaduu Kuma 90 Mana kopheetif 6,Muhaammad Huseen Kuma 80 Mana foonitiif 7,Boggaalaa kuma 65 Baabura Midhaanitiif ta’uu maddeen Oduu Qeerroo Aanichaa kan gabaase yoo ta’uu manneen daldalaa guutun guyyaa har’aa lagannaa gabaatti jiraachuunis gabaafamee jira.
Adoolessa 27_2017 Godina lixa shaggar aanaa Gindabaratii fi naannoowwan sanati sirni nama nyaataa mootummaan wayyaanee akkuma ummata buraayyuurratti maqaa mana jireenya fi bakka kana jireenyaa sini kennina jechuun erga nama tokkoon tokkoorraa qarshii150_5000 erga saamee booda deebidhe haaluun beeksisa lafti sinii kennamu hin jiru jechun beeksisa baase sanatti,ummata ginda_barat fi naannoowwan sanaa irratti raawwachuuf beeksisee jira kan jedhu qeerroon lixa shaggar addeessan.
konkolaataa yeroof dirree Masqalaatti dabarsuun isaanii nii yaadatamaam. Haa ta’u malee dalagaa mootummaan haaromsa Buufata Konkolaataa Naqamteef taasise, kan fudhatama argatu akka hintaane jiraattonni magaalichaaf naannooshee dubbatuum.
Baajeta guddaan baafamee akka hojiin eegalame dhagaa’aamaa tureem. Maallaqni ramadaneef dalagaan walirraa fagoo ta’uun isaa uummanni akka murna bicuu kana tuffatu taasisaa jiraachuu Qeerron magaalatti gabaaseeraam. Jijjiiramni lafatti argame utuu hinjiraatin,
oduun miidiyyaarraa dibbee uummatatti tumaa turuun isaanii kallattin argamaa jiraam. Amma buufatni konkolaataa Naqamtee Dhoqqee isaaf akkatti deemsaayyuu hinqabuum.