Category Archives: Oduu/News
Qophii GAADDISA DHUGAA: Gaaffif Deebii Itti Aanaa Haayyu Duree ADDA BILISUMMAA OROMOO Waliin Fulbaana 2017
Aside
SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Fulbaana 28, 2017
Aside
Oromummaan Yakanii Hidhuu fi Dararuun Ummata Irratti Hammaatee Wayyaaneen TPLF Duula Biraa Banee Jira.
Aside
Ilmaan Oromoo gita bittaa Wayyaanrrn ardaaf qe’ee isaa dhabee saamamuu cinatti Oromoo sababa ta’e qofaa yakkanii hidhuun gidursuun hammaate.Waggoota aangoo injiraanota Wayyaanee keessa Oromoon guyyaa guyyaatti hanga h8dhamutti gahaa ture har’as jira. Aangoo of harkaa qabaachuu isaaniif aangoo daheeffatanii akka Culullee ilmaan Oromoo butanii mana hiraarsaa galchuun dararu. Dararaa kana jalaa mataa olqabachuuf Oromoon takkaa ciisee hinbeeku. Sochii Wayyaaneen uummata Oromoof Impaayera biyyattii irrratti gootu keessaa hidhaaf reebichi hangafa. Akka hoolaa bakkee qabanii hidhanii Oromummaa isaa qofaa fannisanii yakka dhala.namaarra hingeenyye raawwatu. Tibba kanas hidhaaf hiraarsi itti fufee jiraachuu gaabsni Qeerroo Bilisummaa Oromoo gahe ifoomsee jira. Keessattuu Harargee, Jimmaa fi Lixa Oromiyaa Wallagga keessatti jabaate.
SBO Fulbaana 29,2017. Oduu, Haala Yeroo irratti Gabaasaa Oduu, Seeraa fi Seerrannaa mata duree jedhuun Qophii Qindaahe fi Dhaammannoo Hirmaattota Kora Sabaa ABO 4ffaa Kutaa Xumuraa.
Aside
Must listen!! “Gowwaan Yoo Tolaniif Waan Gabbaran Se’a” Yaada Ummata Shaashamannee/ Gola Shaashee የሻሼ ጓዳ
Aside
“Lafa Keenya Taakkuu Tokkollee Kunnee Hin Kenninu”
“Namni Keenya Lamuu Wal Hin Xuqu”
Maanguddoo Oromoo Shaashamannee
“GAANGEEN TAKAALLAA KUTATTE” JENNAAN, “OFITTUU GABAABSITEE” JEDHAN
Aside
SEENAA Y.G (2005)
Qabsoon Oromoo Biyya keessaa fi alatti gaggeeffamaa jiru, suduudaan Oromoof osoo hin taanee, dina keessaa fi alaa, Diina Ollaa fi baar gamaaf ,akkasumas, addunyaa maraaf waan dhaamaa jiruutu jira. Ergaan ifatti mul’isaa ykn dabarsaa jiru, waan lafa keessaa qotanii ykn qorannoo gaggeessanii bira ga’an odoo hin taanee, ifuma . kaleessa Biyya Itoophiyaa keessatti Ummati kum sagalee wayyabaa qabaa, gurraa laadhaafii yennaa jedhamuu , of tuulummaan maal fiddu ? warri jedhan , waan inni fiduuf taa’uuf itti gaafatamoo ta’uuf jiru.
Kaleessa Oromoon aadaa dimokiraasii qabaa, Ummata nagaa jaalatuu jennee wayita of ibsinuu, waan sun ka dur dabree jedhanii kan isaanii , isa mana hidhaa nama irratti ijaarsiisuu babal’isuuf arreedaa turan sun boollatti galee, Ummati kabajamaan isaan ukkaamsuf yaalaa turan, Ummata dhugaa qabu akka ta’ee ifatti itti argisiisaa jira. Shirri isaan waggaa meeqa dhama’anii irratti hojjachaa turan, guyyaa tokko fi lamatti fashalee , Saba qalbii qabeessa ta’uu fi Ummata nagaaf dursa kennuu ta’uu ifatti mirkaneessaa jira. Continue reading
“Inni Hundumaaf Firaa Guyyaan Waaqayyoo Jira” Walaloo Dhufeeraa Biraasaa
Aside
Simbirtuu:
Aside
Dhalootni ol-dhufaa jiran akkamitti yaadu laata?Xiinxala dargaggoo #LammiiBeenyaafi dargaggoo #RabbirraaOromiyaa- Mootummaan Itoophiyaa maaliif gama Ogadeniyaatiin Oromiyaa weerare;
– Habashootni ykn warri maqaa tokkummaa Itoophiyaa leellisan yoroo Orommoon rakkoo keessa jiru kanatti maaliif usuu filatani ykn gargaaruu jibbanii;
– Habshootni qabeenya Oromiyaamoo Oromoo jaallatuu;
– Oromoon ofiisaan alatti kan abdatu qabaa kan jedhuufi dhimmoota gara-garaa irratti caqasaa. Oduunis jira.
Jalabultii Kabaja Ayyaana Irreechaa Birraa Bara 2017 Ilaalchisuun Dhaamsa Hoogana Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Dabarfame!!
Aside
Uummatni Oromoo hundii baga bacaqii gannaa baatanii ifa booqa Birraatti Ceetan; Ayyaana Irreecha Birraa kan bara 2017 Dilbata dhufuu Hora Harsadee Bishooftuutti kabajamuuf jiru Jalbultii Ayyaana Irreecha Birraa baga ittin isin gahee, Kan Milkiifi nagaa uummata Oromoof haa ta’u!!
Waan Hundumaa Caalaa Ilmaan Oromoo bara darbee 2016 Hora Harsadeetti nagaadhaan Ayyaanneffachuuf Manaa ba’anii nagaan galuu dadhabanii mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneetiin akka baalaa harcafaman 750 olitti kanneen lakkaawwaman Wareegamaniif gaddaa guddaatu nutti dhagaahama, Dhimmi kun gonaaddisa sammuu uummata Oromoo hundatti kan ta’ee jirudha. Gadda Keenyaa yaadannoo Sammuufi Sirna Yaadannoo akkataa qajeelfama Gumiin Abbootii Gadaafi hoggantootni amantaa Waaqqeffannaa akeekanitti yaadannoo Ilmaan Oromoo Wareegama qaalii baasanii kan rawwatnu ta’uu gadi jabeessinee hubachiifna!! Continue reading
