Category Archives: Oduu/News
Guutummaa Oromiyaa Keessatti Fincilli Xumura Garbummaa Adeemaa Jira.
Aside
Sadaasa,14,2017
Oromiyaa keessatti fincilli Xumura garbummaa kan uummata Oromoo Guutummaa makate finiinaa jira. Fincila amma adeemaa jiruun Wayyaaneen kiyyoo keessaa bahuu hindandeenye ta’aa jira. Gaaffiin mirgaa karaa nagaa uummataan gaafatamaa kan jiru yoo ta’u, Qawweef meeshaawwan waraanaan doorsifni Wayyaaneen gootus ittuu jabaatee adeemaa jira. Haa ta’uutii qawween Wayyaanee gaaffii haqaaf gaaffii mirgaa gaafachuurraa uummata dhaabaa kan hinjirre ta’uu uummatni waloon bahee fincila inni taasisaa jiru ragaadha. Continue reading
SBO Sadaasa 12,2017. Oduu,Ibsa Tumsa Ummattootaa, Bilisummaa fi Dimokraasii irraa laatame, Haala Sochii Yunivarsitii Mattuu Keessaa ilaalchisee yaada Barataan Caalchisaa Dhugumaa SBOf laate fi Gaaffii fi deebii Jaal Sanbatoo Geessisaa Kutaa 2ffaa
Aside
SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Sadaasa 10, 2017
Aside
Sadaasa 9 Guyyaa FDG Ilaalchisee Faaruu Hawwisoo Qeerroon
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 9,2017
Aside
SBO: Sadaasa 10 bara 2017. Oduu, Ibsa ABO Yaadannoo Waggaa 12ffaa Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) ilaallatuu fi Gaaffii fi Deebii Jaal Sambatoo Geessisaa waliin taasifame.
Aside
Haala Sochii Uummata Oromoo Oromiyaa Ammaaf Sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoof Adeemsa Harcaatoota Wayyaanee.
Aside
Bilisummaan saba tokkoo mirkanaa’uuf aarsaawwaan gurguddaa kaffaluun dirqama qabsoon namatti laatudha. Aarsaan qabsoo keessatti baafamu aarsaa tolaa akka hintaaneef qabsaa’oonni daandii haqaa qabatanii uummaata isaanii walaboomsuuf carraaqaan haxxummaa diinaa irratti baruun wal hubachiisaa adeemuun barbaachiisa. Uummanni Oromoon kaleessa du’aa tire, reebamaa hidhamaa ture. Har’as sanumaaf. Ta’us ajjeechaan, hidhaan kamuu duubdeebii qabsoo utuu hintaane uummaata banbansee qabsoo fuulduratti dhiibaa jira. Qabsoon akka nama Qurxummii waadee nyaatuu eeggannoo gaafata. Namni Qurxummii nyaatu eeggataa, haanxaa ykn lafee ishee keessaa ilaalaa nyaachuu baannan, laagaa waraanuun hinhafu. Laagaa waranamtee, kokkeetti haanxaan Qurxummii si qabattee jiraachuun waa danda’amaaree? Namni qabsoo gaggeessuus diina gidduu akka jiraataa jiru dagaggamaaf agachu hinqabu. Isaaniin mil’ataa adeemuun jireenya lubbuusaa cinatti jireenya qabsoo egereef murteessaadha. Haala keessa jiru daawaachaa adeemuun kallattii bahaaf galmaa isaaf karaa saaqa. Karaa Itti jirru karaa boochoo karaa asphaaltii nutti fakkaatuu hinqabu. Bu’aa ba’ii, karaa diilloo ayyaan ilaallattootaaf diilloon halagaa irra guute; karaa gufuuf gufata baay’atu irra adeemaa jirra. Sanaaf karaa qulqulleessuun daandii Bilisummaa uummaataaf baafame sana haalaan bareechaa adeemuun barbaachisaadha. Continue reading
Wallee Warraaqsaa Artist Bilisummaa Jifaaraa.
Aside
Guyyaa Har’aa Gootonni Qeerroon University Mattuu Shira Diinaa Diduun FXG Itti Fufanii Jiru.
Aside
Sadaasa 9,2017 Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu warraaqsa FXG Finiinsuun Shira diinaafi ergamtoota jala dhaabbatan.
Gaaffiin Qeerroo Barattoota Oromoo Gaaffii Uummata Oromooti, Gaaffii Mirga Abbaa biyyummaaf deebiin hanga Kennamutti Qabsoon itti fufa!! Shirri diinaan mooraa dhaabbilee baarnootaa irraatti xiyyeeffachuun dalagamaa jiru hatattamaan dhaabbachuu qaba, Gaaffii keenyaaf deebiin kennamuu qaba, Presideentiin Yuunibarsiitii Mattuu Dr Taaddasee erga

amaan Wayyaanee shira diinaa dalagaa jiru aangoo gadhiisuu qaba jechuun diddaan isaanii jabeessaan.
Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu Shira Mootummaan Wayyaanneefi Ergamtootni Wayyaanee Sochii Qabsoo Bilisummaa Oromoo ukkamsuufi Mirga barattoota Oromoo sarbuuf, lubbuu balleessu, hidhaafi gidiraa dheereessuuf shira diinummaa xaxamaa jiruufi xaxamaa ture Qabsoon Jala dhaabbatani Warraaqsa Finiinsu irratti argamuu. Yeroo ilmaan nafxanyoota tigree sakkatta’insa tokko malee Mooraa barnootaa seenaan, ilmaan Oromoo meeshaa maleeyyii sakkaatta’insaa gudd