Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Sadaasa,16,2017
“Utuu Sangaan hiniyyin qanceen iyyiti” jedha Oromoon. Madaan uummata Oromoo madaa sobdoonni gaafa ka’an horfanii gaafa ka’an akka saree arraaban miti. Madaa dhala namaati. Madaa titisni irra wal ariitus miti. Madaa abbaa qabudha. Madaasaarraa Titiisa ittisuun dirqama madaa’aa tokkooti. Madaan madaa wangoota wayyaaneen nyaatameef titiisni akka OPDO akka hinfayyine gochaa jirtudha. Madaa kamuu isa madeesseen hinfayyu. Abbaan madaa fayyisu madaahaa sanaaf kan madaahaan na yaala jedhee itti kennatu qofa. Har’a ba’aan uummata Oromoorra jiru dargaggoota hedduu saggoo cabsee utuu jiruu agarra. Dargaggeessa akka jaarsaa gugguufee deemutu Oromoo keessatti baay’ata. Dargaggoota kanaan “ati dullacha”jedhanii bira darbuurra ” maaltu si goophessen?” bareeda. Kun Kanaan utuu jiruu madaasaaf ba’aa uummatasaa kana addunyaatti agarsiifachuusaaf lubbuun dargaggoota kitilaa addunyaa kanarraa darbeera. Waan haxxummaa Wayyaanee bahanii balaaleffatan qofaaf, waan saamicha lafa Oromiyaa falman qofaaf doktoorota meeqatu barnoota yakkamee dirreerratti gatame? Yoo jenne lakkoofsaan oli. Continue reading


