°Qaroo Qeerroo° Tokkummaan keenya kan garbummaa qancarsu utuu hintaane, kan hidda garboonfataa cicciru ta’uu qaba

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aa tiin
Oromiyaa keessatti baalaaf raaba, qabsaa’aaf diinatu “Tokkummaa,Tokkummaa” jechaa oola. Keessattuu kanneen halagaa jala gugatanii waggoota dheeraaf uummata gurguratanii nyaachaa turan jecha kanaan utuu haloolamaa oolanii argina. Waltajjii marii kam irratti utuu hinkaafamin haftee hinbeektu jechi Tokkummaa.

Tokkummaan uummata keenya akka waan bara aangoosaaniitti dhufeetti yeroo iyyaa oolanis nii agarra. Jaallatanis jibbanis Oromoon achii as dhuftee tokkummaa jabaa qaba. Gaafa qabsaa’oonni yaada ijaarsaa kaasan “Tokkummaa uummataatu boora’a, kana hinjedhinaa nii diigamaa uummanni, alaabaa hinqabatinaa Tokkummaa keenyatu diigamaa” utuu jedhaniis argaa jirra. Continue reading

Guyyaa Har’aa Godina Wallaggaa Magaalaa Mandii Keessatti FXG Qeerroon Gaggeeffamu Itti Fufee Jira.

Aside

[SQ,mudde, 4,2017] Barattoota mana barumsaa Qophaa’iina, sadarakaa Mandii fi qeerroon magaalaa Mandii Dangaa Oromiyaa haa kabajamuu, gaaffiin bartootaa Yuunvarsiitii gaaffii keenya, hidhamtoota Oromoo baddii tokko malee mana hidhatii dararama jira haa gadhifamni, haaromsa jettani Odeessuu dhiisatti dursa hidhamtoota qabsoo haqaf Wayyaaneen hite jirtuuf dubbadha haromsii mana hidha irraa jalqabuu qaba jechuun Sagaalee isanni dhageessisa oolaniiru.

Barattoonni Yuunibarsiitii Adaamaa Mooraa Gad Lakkisanii Uummata Oromoof Dirmachuuf Karaa Jalqabuu Isaanii Himame

Aside

[SQ,mudde,4,2017]

Dirmannaan Oromummaa uummanni keenya uummata Waraanni irratti banameef taasisu jabaatee itti fufee jiraachuu maddee keenya bakkoota hedduu ibsaa jiru. Akka maddeen arganneetti adda durummaan barattoonni Yuunibarsiitii dantaa dhuunfaa isaanii, barnoota jaallatan lafa kaahuun uummata isaanii bira dhaabbachuuf mooraa lakkisanii yaa’aa jiraachuu gabaasni torban darbee ifa godha. Haalli baruuf barsiisuu mooraa Yuunibarsiitii guutummaatti dhaabbatee kan jiru irratti, barattoonni gootonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoo jalqaban galiin gahuun dalagaa qabnu mara lafa kaahuun qabsootti makamuu akka ta’e ibsuurratti argamu. Continue reading