Jimma Yuunibarsiitii barattoota Oromoo hidhuun dararuun itti fufe

Aside

[SQ,Mudde 7, 2017] 
Guyyaa kaleessaa jechuun mudde 6,2017 Mooraa Jimmaa Yuunibarsiitii keessatti barattoota Oromoo irratti dararaa jajjabaan ga’aa turuu isaa
gabaasaa turreerra. Dararaan barattoota ittuu jabaatee itti fufee kan jiru ta’uu gabaasni arganne ifa godha.

Barattoota hidhaman keessaa bakka buuteen isaanii kan hin beekamiin.
1. Gadaa Bultii muummee barnootaa Information science 3rd year.
2. Abineezer Taarreqany muummee barnootaa Law 5th year.
3. Namoo Hirphaa muummee barnootaa pharmacy 4th year.
4. Abdii Fiqaaduu muummee barnootaa Nursing 4th year.
5. Amaanu’el Dabalii muummee barnootaa Law 3rd year.
6. Dabalii muummee barnootaa Nursing 4th year.
7. Milkeessaa Nagaash muummee barnootaa Law 2nd year.
8. Magarsa Dassaleny muummee barnootaa Information science 3rd year.
9. Gadisa Firdisaa muummee barnootaa Information science 3rd year.
10. Tamiru Hunanyaa muummee barnootaa Boilogy 3rd year.
11. Ayyaanaa Tarrafaa muummee barnootaa Physics 2nd year.

12. B/tu Waanofii muummee barnootaa Management 2nd year.

Continue reading

Godina Wallaggaa Limmuu Keessatti Ergamtooti OPDO Ummata Nagaa Irratti Dhukaasa Banuun Barattoota 50 Rasaasaan Madeessan.

Aside

[SQ,mudde 7, 2017] Gartuun OPDO obbo Lammaa Magarsaa irraa ajaja fudhatan uummata Oromoo irratti dhukaasa banuu jalqaban. Barattoota Oromoo nagaa irratti baha Wallaggaa Limmu dhukaasa guyyaa banamuusaa gabaasaan nu ga’ee odeessa guutuu isiniin ga’uuf odeeffataa turreerra. Haalli Limmuu hedduu ulfaataa ta’uusaa kallattiin bilbilanii Qeerroon bakkichaa sagalee dhukaasaa nu dhageessisaa turan. Haala keessa oolan kana ciniinsifataa waliin oolle. Barattoota nagaa qalamaaf dabtara qofa qaban irratti dhukaasa gurguddaa dhukaasuun daguuginsa sanyii nurratti raawwataa jiraachuu hubanne. Continue reading

Godina Harargee Magaalaa Qullubbii Keessatti Gootonni Oromoo Lola Liyyuu Haayilii Dura Dhaabbatan.

Aside

Image may contain: one or more people, people standing and outdoor[SQ,mudde, 6,2017] Meettaa Gootowwan Qeerroo barattoota Qeerroo Magaalaa Qullubbii(baha Harargee) Guyyaa Arraa Maatii Police Oromiyaa Lola Liyyuu fii Agaazii Magaalaa gursumitti aggaammate ittisuu irratti wareegame Aliyyii Ahmed Jajjabeeysuuf hiriiraan Bahanii Dhaadannoo gootummaa fii faaruu warraaqsaa faarfachaa yeroo deeman. Continue reading

Jimma Yuunibarsiitii Keessatti Barattoonni Nagaan 10 Sababa Oromoo Ta’an Qofaaf Ukkanfaman.

Aside

[SQ,Mudde 6,2017] 

Mooraa Jimmaa Yuunibarsiitii keessatti barattoota Oromoo irratti dararaa jajjabaan ga’aa turuu isaa gabaasaa turreerra. Dararaan barattoota ittuu jabaatee itti fufee kan jiru ta’uu gabaasni arganne ifa godha.

Barattoota Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf hidhuun dararuun fuulleffatamee akka jiru barattoonni dubbatan. Haaluma kanaan barattoota seeraa 3 fi barattoota saayinsii komputeraa baratan akkasuma muummeewwan garaagaraa irraa Oromoo waan ta’aniif qofa guyyaa har’aa ukkanfamuun magaalaa Jimmaa mana hidhaa “Mentiinaa” jedhamu keessatti dararamaa jiraachuu gabaafame. Continue reading