Dhumaatii Oromoota Calanqoo Irratti Ta’e Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Seenaan Suukkanneessaa Anoolee Fi Calanaqoo Kaleessa Minilikii fi Goobanaan Oromoo Irratti Gaggeeffame Har’an TPLF fi Suphitoota TPLFn Gaggeefamaa Jira.

Dhumaatii Oromoota Calanqoo Irratti Ta’e Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee Oromiyaa

“Maatii Ilmaan Oromoo marraa 2ffaaf Calanqootti dhumanii akkasumas ummata Oromoo gadda kanaan qalbiin cabeef jajjabina hawwina”

Yakka suukkanneessaa guyyaa har’aa Calanqo irratti ta’e guutuu ummata Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan gaddisiisee fi laalaa Seenaa sukkanneessaa baroota 1880 moota keessa Anoolee fi Calanqoo keessatti Nugustichi yerosii Minilkii fi Goobanaan Oromoota irratti taasisan kan nu yaadachiisu dha.

Bara 1880moota keessa mootiin Amaaraa yerosii  Minilik Goobanaa qabatee ummata Oromoo irratti yakkoota inni dalagee,dhumaatii bara san Oromoota kuma dhibbootaan lakkaawaman ajjeessuu,hidhuu fi garba godhee biyya fagoo fi biyya keessatti gurguraa turan kiyyoo gabrummaa hanga har’aatti keessa seenne miidhama hiriyyaa hin qabne saba Oromoo irratti fidee jira.

Har’as haala bulchiisa Habashootaa dhufaa darbaan Oromoo irratti ta’aa tureen wal fakkeessuun Wayyaanee TPLF jaarmiyaa OPDO qabatee seenaa Calanqoo marsaa 2ffaa deebisuun ilmaan Oromoo duuchaatti ajjeessuun gochaa sanyii dugiiggii raawachaa jira. Continue reading

Barattoota Yuunibarsiitii Irraa Uummata Daangaa Irratti Miidhameef Dirmachuu Deeman Hidhuun Hammaate

Aside

[SQ, mudde 11,2017] Barattoota nagaa uummata isaanii ummata Oromoo Booranaa kanneen maqaa liyyuu Poolisii #Abdii_Illeen durfamanii wayyaaneen bobbaafamaniin uummata qe’ee buqqaa’aa jiran kanneen dubbisuu deeman mootummaan Wayyaanee hidhuu qeerroon gabaase. Barattoota diramannaa uummataaf mooraa Yuunibarsiitii irraa dhaqan kana jaleen Wayyaanee bulchaan godina Booranaa Liiban Areeroo waraana itti yaamuun barattoonni 7 hidhamani 2 garmalee miidhamanii jiru. Jedha gabaasni keenya itti dabalee Haaluma kanaan barattoota miidhaa guddaan irra ga’ee fi kanneen hidhaman 1.B/taa Badhaadhaa Ayyalaa (Jimma University) hidhaame 2. Zennebee Waaree (Jimma University) hidhame 3.B/taa Abduuba Dheengee (Amboo U)” hidhame 4. B/taa Elemaa Waariyoo Reebichaan miidhame 5. B/taa Caalaa Garboolee Reebichaan miidhame

FXG Qeerroo Bilisummaa Universtiy Amboo Keessatti Gaggeefamaa Jiru Guyyaa Lammaffaaf Deemaa Jira.

Aside

Mudde 12,2017/ Mormiin Yunivarsiitii Amboo Mooraa guddiichaa har’aas guyyaa lammaffaaf akkuma itti fufetti jira. Barattoonni Oromoo fi saba Amaaraa waliin tahuun balaaleeffanna Mootummaa Abbaa irree Gocha sanyii duguggaa nurraatti tasisaa jiru ifan ifatti Mormii jiru. Ummaatni Oromoo dangaa irraa dhuma jira. Kaleessaa Calanqootti lubbuu Namoota 17 olitu wareegame. Barattoonni University bira jirtan nu Wajjiin garaa dirree Mormiitti akka seentaa Waamicha Oromummaa isiin dabarsiina. Continue reading

Mirgi Hiree Ofii Ofiin Murteeffachuu Uummata Oromoof Hanga Kabajamuutti Qabsoon Bifa Walirraa Hin Citneen Itti Fufa!

Aside

Godina Harargee Bahaa Aanaa Meetaa Magaalaa Calanqootti Yakki Duguuginsa Sanyii (Genocide) uummata Oromoo irratti Rawwatameen Lubbuun ilmaan Oromoo hedduun wareegameera.

Muddee 11/2017 Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa Magaalaa Calanqoo lafaa seenaa, Aradaawwaan Dusee fi Garmmaam jedhaman irratti Waraanni Liyyuu hayilii Somaaleefi Makalaakiyaan Wayyaanee Yakkaa Duguginsa Sanyii (Genocide) uummata Oromoo irraatti gaggeeffameen Lubbuun Ilmaan Oromoo hedduun akka wareegame ifa ta’eejira. Mootummaan Abbaa irree Wayyaaneefi Mootummaan Naannoo Somalee Yakka waraanaa uummata Oromoo irratti banaan itti fufinsaan gaggeessuun lubbuu ilmaan Oromoo barbadeessaa, qe’eefi qabeenyaa irraa buqqisaa duula sanyii balleessuu itti fufinsaan gaggeessa jiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa wayita yakki ulfaataan akkasii kun uummatarraatti gaggeeffamaa jiruu tarkaafii uummatarraa ittisuu fudhachuu hanqachuun isaafi Continue reading