Dhumaatiin Calanqoo Lammaffaa isa Dhumaa Tahuu Qaba!

Aside

Damee Buruun

Seenaan deebisee of garsiisa akkuma jedhan hammenyi dhumaati Calanqoo Jaaraa tokko dura tahe har’a ija keenya dura itti yaroo lammattaa deebi’ee yaroo tahu gadda guddaa wajjin  argaa jirra. Dhumaatiin Annoolee , Calanqoo fi Haroo Arsedee deebi’ee deddeebi’ee akka uummata keenya irratti hin raawwatamne falli isaa waan tokko qofa. Fincila Xumura Garbummaa itti jabeessinee hida garboofatttuu Habashaa of keessaa yaroo dhumaaf yoo buqfinee gatne qofa.

Humni TPLF  falmaaa of keessaa injifatee, of qaree bifa haaraan  as bahe kun humna faashitii sanyii ilmaan Oromoo lafa irraa duguggee balleessuuf of booda hin jenne dha. Qabsoo fincilaa xummurra garbummaa laafisuun akka gareen TPLF kun basaasaa fi dabballee ishee deebiftee uummata Oromoo keessatti ijaarratuu gargaaruu taha.” Nagaan baradhaa”, “tasgabiin qabsaawwaa “, warri jedhuu warra TPLF akka yaroo argatee of ijaartu gargaaruuf ololaa jiran akka tahe adda baafnee hubachuu qabna. Kana booda TPLF deebitee uummata keenya keessa galuuf akka ayyaanna argatuu gochuu hin qabnu. Continue reading

QABSOON OROMOO “MAARSHII” GEEDDARUU QABAA !

Aside

SEENAA  Y.G (2005)

Qabsoon Oromoo Maarshii geeddaruu qabaa yennaan jedhuu, jarjartiin bakka yaadamee ga’uuf badii ofirratti lbsuuf nu gargaaru jechu miti. Konkolaataan jarjartiif jedhanii Maarshii itti ida’aa deeman, carraa nagaan galuu dhiphisaa deema. Yeroo ijoollee, konkolaataan gaara ba’uuf maarshii 5ffaa ykn 4ffaa galchanii ittin ba’uu nutti fakkaata ture. Nuutii ariitiif yaannee malee, humnaaf meeqaffaa akka galchan hin beeknu turre. Egaa Qabsoon keenya Maarshii geeddaruu qaba yennaa jennu, obsa fixannee gallus galuu baannuus jennee qilleensarra ka’uuf osoo hin taanee, humna nu barbaachisuu argachuuf ka toluudha. Maarshii ariitii fi humnaa keessaa, tan nuuf taa’uu filannee sochii keenya itti jbesinu. Ammatti dirreen nu dura hin jiru. Gaaratu jira. Gaara kana b’uuf akka bara ijoollummaa 4ffa fi 5ffaa galchuuf yaadinaan, Continue reading

Haala Yeroo Irratti Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo .

Aside

Oromiyaa Baroota Dheeraaf Samamaa Jirtu,Bosonnii fi Dachiin Oromoo Manca’aa Jiruuf,Ummata Oromoo Rorroo Gabrummaa Jalatti Dararamaa Jiruuf, Qaamni Furmaata Laatu Oromoof Oromiyaa Qofa!

Haala Yeroo Irratti Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo .

Akka sabaatti garbummaa jaarraa afuriif baannee, Uummanni gariin immoo garbummaa jaarraa tokkoof walakkaa baannee jalaa foqoqaa kan jirru Addatti yakki Uummata Oromoo irratti hanga ammaa raawwatee hinbeekiin Oromoo irratti fudhatamaa jiraachuu argaaf dhageettiin Qeerroo ragaadha. Har’a Oromiyaan bahaa gurguramtee halagaan ciramtee dhumaa jirti. Lammiileen Oromiyaa Oromoonni  lafa isaa saamamaa jiru deeffachuuf daangaa biyya ababasaa Oromiyaa irratti Waraana halagaaf, Beelaaf dheebuuf saaxilamee, rasaasa of harkaa fixee dhiigni ilmaan Oromoo guyyaatti akka bishaanii dhangala’uurratti argama. Manni Oromoo Waraana Wayyaanee gargaaramee shiftaan dhibbootaan lakkaa’ee nurrati gubaa jira. Manni Oromoo 400 tti siqu kan gubatee jiruuf, Oromiyaa bahaaf Oromiyaan kibbaa, gartokkeen  halagaan qabateera. Continue reading

Ibsa ABO- Ummata Oromoo Lolli Irratti Baname Yakkamaa Taasisuuf Yaaluun Akeeka Mootummaa Wayyaanee Ifa Godha

Aside

Ummata Oromoo Lolli Irratti Baname Yakkamaa Taasisuuf Yaaluun Akeeka Mootummaa Wayyaanee Ifa Godha

(Ibsa ABO)

Mootummaan Wayyaanee akeeka dhaabbataa, ummata Oromoo miidhuu jedhuun lola ummata Oromoo irratti adeemsisutti dabalee ummatoota waggoota dheeraaf obbolummaa, jaalalaa fi nagaan waliin jiraatan irratti kakaasuun dhumaatii gaddisiisaa fi ulfaataa dhaqqabsiisuu erga jalqabee ji’ootni lakkaa’aman. Lola hogganoota, qondaalota waraanaa fi tikaa Wayyaaneen qindeeffamee ajaja isaaniin Liyyuu Polisiin irratti geggeeffamu kanaan lammiileen Oromoo lubbuu dhaban dhibbootaan lakkaa’amu. Kan qaamaa hir’atan, qe’ee isaanii irraa baqachiifaman, qabeenyi saamamee fi barbadeeffamee bakkeetti hafanis kuma dhibbootaan lakkaa’amu. Kun hundi tahee Muummichi Ministeraa Itoophiyaa guyyaa tokkollee dhimma kana dubbatee hin beeku.

Lolli ummata Oromoo irratti mootummaa Wayyaanee fi mootummaa bulchiinsa naannoo Somaaleen geggeeffamaa jiru kun akka tasaa kan eegale osoo hin taane, yeroo dheeraaf irratti yaadamee fi qoratamee kan jalqabame dha. Ummata Oromoo jilbeenfachiisuuf karoora hidhannoo hiikkatuu qaba jedhuun hikkachiisee meesha-maleeyyii taasisuun weeraraaf saaxile. Haala aanjaa mootummaan kun uume kana irratti hundaa’uunis, kanneen hidhannoo, leenjii fi dhiheessii gahaa mootummaa irraa argatan, ajajaa fi karoora mootummaa hojii irra oolchuuf, akkasumas fedhii addaa lafa Oromoo irraa qaban guuttatuuf gara-jabina dorgomaa hin qabneen Oromootti duuluun daa’immanii fi dubartiin osoo hin hafiin jumulaan ajjeesan. Mana irratti guban. Qabeenya saaman. Beeylada isaa ooffatan. Continue reading