Category Archives: Oduu/News
Guyyaa har’aa FXG Oromiyaa bakkoota adda addaa keesstti gaggeefamaa oole.
Aside
Dhumaatiin Calanqoo Lammaffaa isa Dhumaa Tahuu Qaba!
Aside
Damee Buruun
Seenaan deebisee of garsiisa akkuma jedhan hammenyi dhumaati Calanqoo Jaaraa tokko dura tahe har’a ija keenya dura itti yaroo lammattaa deebi’ee yaroo tahu gadda guddaa wajjin argaa jirra. Dhumaatiin Annoolee , Calanqoo fi Haroo Arsedee deebi’ee deddeebi’ee akka uummata keenya irratti hin raawwatamne falli isaa waan tokko qofa. Fincila Xumura Garbummaa itti jabeessinee hida garboofatttuu Habashaa of keessaa yaroo dhumaaf yoo buqfinee gatne qofa.
Humni TPLF falmaaa of keessaa injifatee, of qaree bifa haaraan as bahe kun humna faashitii sanyii ilmaan Oromoo lafa irraa duguggee balleessuuf of booda hin jenne dha. Qabsoo fincilaa xummurra garbummaa laafisuun akka gareen TPLF kun basaasaa fi dabballee ishee deebiftee uummata Oromoo keessatti ijaarratuu gargaaruu taha.” Nagaan baradhaa”, “tasgabiin qabsaawwaa “, warri jedhuu warra TPLF akka yaroo argatee of ijaartu gargaaruuf ololaa jiran akka tahe adda baafnee hubachuu qabna. Kana booda TPLF deebitee uummata keenya keessa galuuf akka ayyaanna argatuu gochuu hin qabnu. Continue reading
QABSOON OROMOO “MAARSHII” GEEDDARUU QABAA !
Aside
Qabsoon Oromoo Maarshii geeddaruu qabaa yennaan jedhuu, jarjartiin bakka yaadamee ga’uuf badii ofirratti lbsuuf nu gargaaru jechu miti. Konkolaataan jarjartiif jedhanii Maarshii itti ida’aa deeman, carraa nagaan galuu dhiphisaa deema. Yeroo ijoollee, konkolaataan gaara ba’uuf maarshii 5ffaa ykn 4ffaa galchanii ittin ba’uu nutti fakkaata ture. Nuutii ariitiif yaannee malee, humnaaf meeqaffaa akka galchan hin beeknu turre. Egaa Qabsoon keenya Maarshii geeddaruu qaba yennaa jennu, obsa fixannee gallus galuu baannuus jennee qilleensarra ka’uuf osoo hin taanee, humna nu barbaachisuu argachuuf ka toluudha. Maarshii ariitii fi humnaa keessaa, tan nuuf taa’uu filannee sochii keenya itti jbesinu. Ammatti dirreen nu dura hin jiru. Gaaratu jira. Gaara kana b’uuf akka bara ijoollummaa 4ffa fi 5ffaa galchuuf yaadinaan, Continue reading
Haala Yeroo Irratti Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo .
Aside
Oromiyaa Baroota Dheeraaf Samamaa Jirtu,Bosonnii fi Dachiin Oromoo Manca’aa Jiruuf,Ummata Oromoo Rorroo Gabrummaa Jalatti Dararamaa Jiruuf, Qaamni Furmaata Laatu Oromoof Oromiyaa Qofa!
Haala Yeroo Irratti Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo .
Akka sabaatti garbummaa jaarraa afuriif baannee, Uummanni gariin immoo garbummaa jaarraa tokkoof walakkaa baannee jalaa foqoqaa kan jirru Addatti yakki Uummata Oromoo irratti hanga ammaa raawwatee hinbeekiin Oromoo irratti fudhatamaa jiraachuu argaaf dhageettiin Qeerroo ragaadha. Har’a Oromiyaan bahaa gurguramtee halagaan ciramtee dhumaa jirti. Lammiileen Oromiyaa Oromoonni lafa isaa saamamaa jiru deeffachuuf daangaa biyya ababasaa Oromiyaa irratti Waraana halagaaf, Beelaaf dheebuuf saaxilamee, rasaasa of harkaa fixee dhiigni ilmaan Oromoo guyyaatti akka bishaanii dhangala’uurratti argama. Manni Oromoo Waraana Wayyaanee gargaaramee shiftaan dhibbootaan lakkaa’ee nurrati gubaa jira. Manni Oromoo 400 tti siqu kan gubatee jiruuf, Oromiyaa bahaaf Oromiyaan kibbaa, gartokkeen halagaan qabateera. Continue reading


