Category Archives: Oduu/News
[SQ, Mudde 22,2017] Godina Iluu Abbaa Booraa Buree
Aside
Magaalli Amboo akkuma aadaa ishee diddaa sirna Wayyaanee gaggeessuun manneen nagadaa hundi cufaatti oolan.
Aside
Muddee 22/2017 Godina Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti Sochii Warraaqsa FXG duula gabaa lagachuufi qabeenyaa ofii gabaa laguu, guggura geejjibaa kaa’uun itti fufe. Guyyaa har’a ganama irraa eegaluun daldaltootni manneen daldalaa isaanii dunkana (suuqii) cufuun, konkolaachiftootni sochii konkolaataa dhaabuun, baankiiwwaan hedduun illee qajeelfamaafi waamicha Qeerroon godhe simachuun hojii dhaabuun duula gabaa lagachuu irraa qooda fudhachuun yakkaa duguuginsa sanyii uummata Oromoo irratti mootummaan wayyaanee gaggeessa jiru balaaleffatan. Har’a Amboo keessaatti baankii daldala Ethiopia qofatu
Godina Lixa Shaggar Aanaa Tokkee Kuttaayee Magaalaa Gudariitti FXG Gaggeefamaa Oole.
Aside
Mudde 22/2017 Godina Lixa Shaggar Aanaa Tokkee Kuttaayee Magaalaa Gudariitti Qeerroon Dargaggootni Oromoo, Uummatni Oromoo Magaalaa Gudariifi Naannoo Ishee Kumoota Hedduun Walitti Dhufuun Ilmaan Oromoo Harargee Calanqoofi Hawwii Guddinaa Akkasumaas bakkoota garaagaraatti Waraanni Agaazii Wayyaanee fixaa jiru Dungoo qabsiisuun gaddaa guddaa wareegamtoota Oromoof qaban ibsatan. Yakka duguuginsa sanyii waraana wayyaanee Agaaziifi waraana liyuhayilii Somaaleen gaggeeffama jirus balaaleffachuun tumsa qabsoo FXG jabeessuun kan dura dhaabbatan ta’uus ejjennoo isaanii ibsataniru. Continue reading
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaamuu Keessatti Dhumaatii Calanqootti Lammii Oromoo Irra Gahe Mormuun FXG Gaggeefamaa Oole.
Aside
Mudde 22/2017 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shambuutti Sochiin Warraaqsa FXG yakka waraana duula duguuginsa sanyii ilmaan Oromoo Harargee Bahaa Calanqoo, Harargee Lixaa Hawwii Guddinaafi Oromiyaa bakkoota garaagaraa irratti waraanni Agaazii Wayyaaneefi loltootni liyuhayilii Somaalee gaggeessa jiran balaleffachuufi gaddaa guddaa ilmaan Oromoo wareegamaniif qaban ibsachuun hiriira mormii guddaa gaggeessan. Mootummaa abbaa irreetti xummura gochuufis qabsoo bilisummaa Oromoo roga hundaan itti fufinsaan jabeessuun diina dura dhaabbachuun furmaata keessa deebii hin qabne ta’uu qeerroon dhaamsa dabarsan. Continue reading
ONN:Haala Qabso Bilisummaa Oromo Laalchisee Marii Bal’aa Dubbi Himaa ABO Ob.Tooleeraa Adabaa Waliin Goonee Kutaa 1ffaa Muddee 22/2017
Aside
SBO Muddee 22, 2017. Oduu, Walgahiin Wayyaanee/IHADG Sirna Wayyaanee Dandamachiisuuf Yoo Ta’e Malee Gaaffii Um matootaaf Deebii Qajeelaa Hinkennu mata duree jedhu jalatti qophii qindaahe fi Gaaffii fi Deebii Miseensota WBO waliin t aasifne kutaa 2ffaa.
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa MUDDE 21 2017
Aside
Ibsa Ejjennoo Jiraattota Godina Mattakkal
Aside
Mudde 21,2017
Akkuma beekamu Uummanni Oromoo Godinaalee Beenishaangul Gumuz adda addaa keessa jiraatan waggootii 26 oliif hacuuccaafi shira mootummaan Wayyaanee xaxaa turteen, Uummata Gumuz, Bartaa, Shinaashaa fi kanneen biro waggoota dheeraaf wal kabajuu fi wal danda’uun jiraate yeroo adda addaa walitti buusaa tureera. Kunis uummata Oromoo naannichaa harka qullaa jireenyasaa jirachuuf oliif gadhi jedhu saba isa kaan hidhachiisuun duguuggaa sanyii kana hin jedhamne raawwachaa tureera.
Yeroo ammaas bifa qindaa’aa ta’een mootummaan Wayyaanee karoora walitti bu’insaa fi dhuminsa guddaa fiduu danda’u qinddeessaa turaniiru. Kunis akkuma uummata Oromoo naannoo sumaalee buqqisuun uummata Amaaraa naannichaas shira wal fakkaatuun buqqisuufi qabeenya Uumamaa naannichaa jechuunis Albuuda garaa garaa, lafa Qonnaa, Warqee, akkasmas Hidhaa Guddichaa Abbayyaan wal qabatee galii fi qabeenya karaa turiizimii jechuunis Hoteelotaa fi warshoolee adda addaa dhaabuun Guurrachuuf qophii xumuree jira. Continue reading

