Muddee 28,2017
Mootummaan gita bittuu Abbaa irree wayyaanee dararaa barattoota mooraa Yuunversiitii Wallaggaa irratti geggeessu daran hammeessuun itti fufee jira.
Haaluma kanaan sirni Wayyaanee mooraa yuunversiitii Wallaggaa keessa erga hoomaa waraanaa jumlaan qubachiiseen booda barattoota bahaaf gala dhorkaa jira. Gootowwan barattoonni mooraa yuunversiitii Wallaggaas ejjennoo isaanii daran jabeessuun lukkeewwan Wayyaanee mooraa yuunversiitichaa keessa jiran irratti ejjennoo cimaa fudhachuun lukkeewwan diinaa kanneen mooraa keessaa hari’anii jiru.
Humni federaalaa mooricha dhuunffatee jirus galgala galgala dukkanaan daa’effachuun qarree Oromoo mooricha keessaa baratan humnaan qabee gudeedaa akka jirullee maddi oduu qeerroo mooraa yuunversiitii wallaggaa addeessee jira. Continue reading
Category Archives: Oduu/News
Ilmaan Oromoo hidhaan Umrii Guutuu itti murteeffame yeroo ammaa Qilinxoo fi Zuwaay jiran:
Aside
[SQ, mudde 27,2017] Ilmaan Oromoo hidhaan Umrii Guutuu itti murteeffame yeroo ammaa Qilinxoo fi Zuwaay jiran:
1) Abdulrashiid Abduramaan
2) Abduramaan Musaa Ixxoosaa
3) Abduramaan Eessaa Mexxeessoo
4) Abdulrashiid Bashir Huseen
5) Aliyyuu Muummee Bokkoloo
6) Amaanu’eel Gammachuu Dureessaa
7) Masfin Abbebee Abdiisaa
8) Bakar Mohaammad Abbaaseenaa Continue reading
FXG Horroo Guduruu Wallaggaa Coomman magaalaa Fincaa’aa
Aside
Seenaa Paarlaamaa Wayyaanee Sirna EPRDF/TPLF (ADWUI) xiqqoo hubannoodhumaaf.
Aside
Jaal Seenessaa Qeerroon
Paarlaamaan Wayyaanee Sirna EPRDF/TPLF (ADWUI) Afaan Qawween ijaarame dheengaddaa dhiibbaa guddaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo irraan gahaa jiruufi sosochii Sabboontota Oromoon faca’uun gabafamaa jira.Teessoon Paarlaamaa sobaa kan EPRDF/TPLF afaan qawween ijaarrate waggaa 26 guutuu Sagalee Uummata malee Gaddidduu Dimookiraasii sobaa dhaabbachuun Mirga Uummatni Oromoo gama Dimookiraasiin qabnuufi mirga uumamaa qabnu sarbaa kan ture Qabsoon Bilisummaa Oromoo Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa waggaa afur
Gubata mar’immaan ofii kan qabbaneessu cuunfaa qabsoo haqaati.
Aside
Mudde 26,2017
(OROMOON DHALOOTA MEEQA HORATEE? DUBBISAA!)
Nama taanee dhalannee nama taanee uumamnee cunqursaa halagaaf namummaa molqamne. Akka namaatti jiraachuurra akka wayii fakkaannee waggoottan yedduu dabarsiineerra. Ejjeta halagaatiin dugdi ni goopha’eera. Akkifata halagaan fuulli nu manca’eera. Jiraachuun akka dhagaa nutti jabaatee jira. Haala ulfaattuu keessa teenyee halagaaf gugguufuu hinfeene. Haala cinqii jabduu keessa teenyee halagaa gabbarree buluu jibbine. Kun ta’uus qaba. Gootummaa abboota keenya kanneen akka Garasuu Dhukii, Gendaa Buushan, Elemoo Qilxuu, Laggasaa Wagii, akkasuma qabsaa’ota qaqqaalii irraa dhaalle sanaaf gadjennee buluu hinfeene. “Abbootuma keemyatu cunqursaa keessa taa’ee diina isaaf gad jedhee bulaa hinturre. Nus warra dabeettii halagaaf gadjedhu akka hintaane ragaa guddaan garsiisaa jirra.
