Gidduugaleessa Oromiyaa Magaalaa Burraayyuutti FXG Itti Fufe.

Aside

Image may contain: one or more people, people standing and outdoorAmajjii 2/01/2018 Gidduugaleessa Oromiyaa Magaalaa Burraayyuutti Sochiin Warraaqsa Warraaqsa FXG gootota Qeerroo barattoota Oromoo M/B Sadarkaa 2ffa Buraayyuu hanga gaaffiin keenyaa gaafanne nuf deebi’utti jechuun gaaffi armaan gadii irra deebi’anii dhiyeeffachuun ejjannoo isaanii jabeessuun sochii itti fufan. Gaaffiin isaan irraa deebi’uun dhiyeeffatan
1. Barattootni hiriyoonni keenyaafi barsiisotni Keenyaa hidhaman gaaffii tokko malee haa hiikkaman .
2. Hidhamtootni siyaasaa ilmaan Oromoo hundi haa hiikkaman.
3. Gaaffii mirga Abbaa Biyyummaa gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba.
4. Waraanni maqaa liyuu hayilii somaaleefi agaaziin uummata keenyarratti gaggeeffamaa jiruu hatattamaan nurraa dhaabbachuu qaba,
Continue reading

Summary of half a century movement to reconstruct political landscape of modern Ethiopia

Aside

Malkamuu Jaatee, January 2018

Modern Ethiopia was established by shifting its capital from Gonder to Finfinnee (Addis Ababa) during the era of European colonial powers scramble for the African continent (1881 – 1914). The recent political movement across Oromia, Amahara, and other regions are the continuous out comes of half a century national struggle of peoples of Ethiopia to achieve freedom and democratic rights. The vision to reconstruct the political landscape of modern Ethiopia came into existence out of peasant uprisings in Wello, Tigray, Hararge, Gojjam, and Bale plus the 1960s movements of Afran Qalloo, Mecha and Tulama civic organization, and student protests. Continue reading

Hatattamaan Waan Godhamuu Qabuu

Aside

Damee Boruutiin

Dirmaan OPDO fi TPLF baatii muraasaa akka dinqitti of mul’isaa ture doksaan dhukana keessatti raawwate. “Hima dideen du’a hin didu “,akkuma  jedhan  warri dirmaa kana hubachuu dandeenyu amma nuuf danda’ametti uummata  keenyaaf ibsuu yaalleera.  An maqaa Damee Boruu jedhuun baatii Gurandalaa, 2017  ” Meeshaan Abbaa Hojjetataaf Dhimma baasa”mata duree  jedhu  jalatti waa’ee OPDO barreesseen jira.Maxxansaan kunis Ayyaantuu fi Sagalee Qeerroo Bilisummaa irratti bahee jira. Continue reading

QABSOON OROMOO “MAARSHII” GEEDDARUU QABAA !

Aside

SEENAA  Y.G (2005)   kutaa 2ffaa fi xumuraa

Dhiigni Ilmaan Oromoo dhangala’ee akka hin hafnee, waa lamaanin abdii godhe. 1. Sochii Qabsaa’ootaa, Dhaloota har’aa fi Ummataa Biyya keessaa qindeeffamee adeemaa jiruu, 2. Gidduu kana Dubbi namicha AMEERIKAA HERMAAN KOYIN ibsa kennee booda. Namni kun wayyaanee Angootti fiduuf, shira qabsoo Oromoo irratti hojjatee seenaaf dhiifnaa. Isa boodas Dhiiga waggaa 26 guutu dhangala’aa jiru osoo arguu callisuu isaatiif , barumaaf keenya. Amma garuu osoo hin jaalannee dubbachuuf dirqameera. Isayyuu haasaa Doppilomaasii keessaa ba’ee , waanuma jiru lafa kaa’ee. Continue reading

Godina Wallaggaa Magaalaa Shaambuu Keessatti Ummanni Waraana Wayyaanee of Keessa Dabarsuu Dhorkee Jira,

Aside

[SQ, amajjii 1,2018] Torban kana walitti fufiinsaan magaalaa Shaanboof naannooshee, bakkeewwan akka Konbolchaaf Fincaa’aa Horroo keessatti FXG hamaan gaggeeffamaa jira. Dirmannaa cimaa uummatni Horroo walii taasiseen akkasuma uummanni Baakkoo taasisaa jiruun karaawwan Horrootti darban kanneen Baakkoo keessa qaxxaamuran jirma jajjabaan kan cufamee jiru, konkolaataa kamiin dabarsaa akka hinjirre gabaafame.
Injifannoo uummanni argataa jiruun Sukkaarri uummataaf hiramaa jiraachullee dubbatamaa jira. Onicha keessatti uummanni ofiin of bulchaa jiraachuuf warraqsa jabaan banbanee akka baroota 90 moota keessatti haalan finiinaa jira.
Mootummaan tarkaanfii humnaa ajjeechaa gara jabinaa fudhachaa jira. Uummatatti Elekoopteraan waraana galchaa jiraachuus gabaasanii jiru

Continue reading

Guyyaa WBO Mooraa Jimmaa Yuunibarsiitii Keessatti Kabajame

Aside

Guyyaa WBO Mooraa Jimmaa Yuunibarsiitii Keessatti Kabajame

[SQ, amajjii 1, 2017] Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa guyyaa WBO shaamaa qabsiisuun kabajate. Guyyaa WBO kanarratti, tarsiimoo qabsoof adeemsa deggarsa WBO gara fuulduraa irratti Marion taasifame. Gurmuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo Moorichaa kanneen ona Oromiyaa maraa walitti dhufan yoo ta’u, qooda qabsoo Qeerroo baroota darbee waliif himuun hanqinaaf jabina bara darbee kaasanii akkaataa ittiin egeree Oromiyaa utuban irratti waliin dubbatanii jiru. Gurmuun Qeerroo kunneen jabina qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti taasifameen addatti WBO bifa addaan kan ajaaibsiifatan, WBO tumsuun egeree Oromoof murteessaa ta’ullee waliif himaniiruu

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Sochiin FXG daran jabaate.

Aside

Image may contain: outdoorMudde 30/2017 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Sochiin FXG daran jabaachuun Daandiin Konkolaataa Shambuu Irraa Gara Hagamsaatti Geessuu Kaleessa erga waraanni agaazii Yakka waraanaa Magaalaa Shamboo Keessatti rawwatee Qeerroon dargaggootni Oromoo lama wareegamanii hedduun madeeffamani bakkoota hedduutti daandiin akka banamuu hin dandeenyetti irree Qeerroofi uummataan cufame. Guyyaa har’aas Aanaa Guduruu, Jimmaa Gannatiifi Abbaay Coommaan naannoo Fincaa’aafi bakkoota hedduutti bifuma walfakkaatuun cufamee waraana wayyaanee sochii dhorkuun muddama cimaan uumameera !! Continue reading