Category Archives: Oduu/News
ILKAAN SOCHA’EE, BUQQISUUTU FURMAATA !!!
Aside
Shirri Umurii dheereffannaa wayyaanee itti fufeera. Gamaagamni wayyaanee turban sadiif gaggeeffamee, Ibsa kennameen ka ibsamuu miti. Faallaa ta’uu mala. Waggaa 27 keessatti yeroo jalqabaaf ,gamaagama guyyaa 20 olii gaggeeffatan. Gamaagama kana ka dheeressee ,sagantaa ykn ajandaa durumaan qabatan irraati moo , waan haaraa isaan mudateen dheeratee ? kun ilaalamuu qaba. Ihaadeeg turban tokko caalaaf gamaagama taa’ee hin beeku. Guyyaa 20 ol fudhachuu isaatti isaanuu hin gammannee. Garuu sagantaa durumaan itti yaadan ykn gamaagama gadi fageenyaa gaggeessuu barbaannee jedhanii isaanu dubbatan akka hin taanee,waan nu argisiisuu waa hedduutu jira. Akka kiyyatti, walga’iin guyyaa 21 kun waan nu akeeku qaba . Continue reading
“Kan Walabummaa,Kan Bilisummaa Nuu Haata’u Barri” New Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa 2018
Aside
Tarsiimoo fi Tooftaa Qabsoo Haala Yaroo!
Aside
Damee Boruu Irraa
ABO haala baayyee ulfaataa fi xaxxamaa tahe keessa wagaa kudhan arfan kana itti ciccee qabsoo bilisummaa Sabaa Oromoo abbaa dhuunfaa qabsichaa kan tahe uummta Oromoon gahee jira.Kana jechuun har’a itti gaafatamni guddaan ABO irraa bu’ee jira jechuu miti. Tarsiimoo abbaa biyyummaa ABO qabatee ka’e har’a uummata Oromootu Oromiyaa duuchaa keessatti gaafii uummataa godhatee jira. Kanaafuu tarsiimoon qabsoo bilisummaa Saba Oromoo sadarkaa wal nama gaafachiisu irraa darbee ifa bahee jira. Namootni gatata tahan tokko tokko nu dogongorsuuf jecha uummatni Oromoo maal barbaada warri jedhan hin dhabaman. Ummatni Oromoo garuu jala muree abbaa biyyummaa isaa irratti eenyu wajjin iyyuu akka jaarsummaa hin teenye murteefatee jira. Continue reading
ONN:Haala Yero irratti Marii Bal’aa Misenssa Sh-Gumii Sabaa ABO Odaa Xasee fi Misenssa Gumii Sabaa ABO Dr Barsiisaa Waliin Goone.Amajjii 6/2018
Aside
SBO Amajjii 7, 2018. Oduu, Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, “Ejjennaa Balleessinu malee hin bannuu TPLF dhugoom e” mata duree jedhu jalatti Barruu maamila keenya Simbirtuu Dhugaa irra nudhaqqabe fi Gaaffii fi Deebii Artistoota Mis eensota Waraana Bilisummaa Oromoo Jaal Jaalataa Lammii, Margaa Wandimmuu fi Samiir Jihaad Waliin taasifne kutaa 4ffaa.
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Amajjii 5, 2018
Aside


