Unknown's avatar

About Qeerroo

Welcome to Qeerroo Bilisummaa webiste! We are here to serve Qeerroo generation who are seeking freedom in their new emerging life.We are Hope for Oromians and lead by example. We have a saying, Follow the Kuusaa and do what the Yuubaa says. http://qeerroo.com

Kaleessas ta’ee har’a, uummatni keenya nageenyisaa hongaa’uu caalaa kan nu mufachiisu hinjiru!

Aside

(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Mudde 13,2018, Finfinnee Oromiyaa) Yeroo garaa garaatti nagaan uummata Oromoo deebi’ee, mirgi namoomaa uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo impaayera Xoophiyaa akka kabajamuuf karaa nagaa sagalee dhageessisuun gaafachaa turree ittis jirra.

Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo akeeka uummata Oromoo utuu hinsharafamin qabee kan jiru ABO dhaan hogganamnee qabsoon gochaa turre karaa nagaa rakkoon Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayera biyyattii akka furamuuf gaafachuu ture.

Akeeka nagaa booreessuu, jeequmsaa fi goolii garaa garaa uumaanii biyya hokkora maayii hinbaafne keessa galchuu qaama qabatee adeemu kamiin dura dhaabbachuudhaan, bifa haqaaf seeraan qaamni dirqama qabu nagaa uummataa akka bakkatti eeguuf gaafachuu ammas itti fufnee jiraachuu keenya ibsina!

Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo kaleessas ta’ee har’as wanti nagaa caalu hinjiru jennee amanna, boriifis nagaan bu’uura jiruuf jireenya saba tokkoo ta’uutti Qeerroon Bilisummaa Oromoo nii amana. Qaama nagaa uummata isaa nagaa uummata Oromoo booreessuuf ammoo dhiifama tokko gochuuf akeekas ta’e ajandaa qabatee hinbeeku. Uummatarratti lola labsuunis ta’ee, saboota daangaa walitti buusanii bu’aa siyyaasaa argachuuf qaamootni haloolamanis ta’e qaamotni hojiitti jiran kamuu hatattamaan dhaabbachuu qabu. Uummatni keenya kallattii maraan jeeqamuun irra hinjiraatu! Ajjeechaan nurraa haa dhaabbatu! jennee kan gaafannuuf deebiin ajjeechaa babal’isuufii jeequmsa heddummeessuu ta’ee bakka jirutti, biyyattii hokkora hinbarbaachifne keessa galchuun kisaaraa hammaataaf saaxiluu ta’uutti cimsinee amanna jechaa turre ammas irra deebiin jenna. Nagaa boora’eef gafatama kan qabu qaama nagaa booreessaa jiru kan lola kallattii afuriin uummatarratti banamee jiru callisee ilaaleef, waraana uummatatti banee jiru ta’uu uummata hubachiifna!

Jeequmsi uummataa, karaa Bahaa Oromiyaa maqaa Liyyuu Hayilii Sumaaleen, Karaa Lixaa Oromiyaa maqaa Liyyuu Hayilii Gumuziif uummata Gumuziin, Karaa Kaaba Oromiyaa maqaa humna hidhatee jiru Affaariin, akkasuma karaa Kibbaa uummatoota sabaaf sablammii daangaarraan, duuchaatti saboota naannoo Oromiyaa daangeessan mara uummata nagaa Oromootti duulchisanii araddaa fi qe’ee keenya mancaasanii biyya keenya Oromiyaa boolla badiisaatti darbachuu caalaa wanti Qeerroo Bilisummaa Oromoo mufachiisu hinjiru. Maqaa adamoo Waraana Bilisummaa Oromoo WBO jedhuun uummata nagaatti raayyaa ittisa biyyaa bobbaasanii waraana uummatarratti banuun kallattii maraan sochiin godhamaa jiru hattamaan haa dhaabbatu. Qeerroo Bilisummaa Oromoo akeka nagaa buusuu fi qaama mirga namoomaa fi mirgoota dimokiraasii akkasuma mirgoota uumamaan qabnu nurkaa sarbu dura dhaabbachuu ammas taanan itti fufee jiraachuu uummatasaa bal’aaf nii ibsa!

Nuti Qeerroon; qaamootni ajjeechaa gara jabinaa raawwataa jiran seeratti akka dhiyaatan gaafachaa akkuma turre yakkamaan seeraaf heera biiyyattiin akka gaafatamuu qabu gaafachuu cimsinee itti fufnee jirra. Ajjeechaa uummata isaa Oromoo irra gahu balaaleffachuuf dirqama Oromummaa, ilma/intala uummatichaa kan jilba abbaa Oromoo fi gadameessa haadha Oromoo keessaa bahe bahachuuf eenyuun olitti gaddi itti dhagaa’amuufi daangaa gaddaa fi bohichaa Oromiyaatti gochuuf kan duriin olitti of ijaaree warraaquuf, nagaa fi tasgabbii biyyattii keessatti karaa nagaa fi naamusa qabuun fiduuf qabsoo jabaa gochuuf akka muratee jiru Qeerroo Bilisummaa Oromoo ni ibsata!

Waan ta’eef qaamota nagaa fi tasgabbii uummataa hunkuranii ajjeechaa fi dararama uummata isaa Oromoo fi saboota cunqurfamoo irraan gahan cimsee hadheeffata, nii balaaleeffatas. Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo kaleessas akkuma uummatni keenya nageenyisaa hongaa’uun nu mufachiise, har’as boris nagaan uummataa boora’uun eenyuun olitti kan nu dhukkubsu ta’uu uummata keenya kabajamaa Oromoofis diinaafis himuu feena. Nageenyi uummataa mirkanaa’ee yakkamaan seeraaf akka laatamus daddaballee gaafanna!

Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 13,2018
Finfinnee Oromiyaa.

SBO MUDDE 12,2018. Oduu fi Rakkoo Yunversitiilee D.Marqoosii fi Jijjigaa keessatti barattoota Oromoo mudatee jiru irratti gaaffii fi deebii barattoota Oromoo waliin taasisame

Aside

SBO MUDDE 09,2018. Oduu fi Gaaffii fi deebii Itti Aanaa Hayyu-Duree ABO Jaal Araarsoo Biqilaa kutaa 5ffaa fi isa xumuraa

Aside

SBO MUDDE 09,2018. Oduu fi Gaaffii fi deebii I.A. H.D ABO Jaal Araarsoo Biqilaa waliin kutaa 5ffaa fi isa xumuraa

Aside

icon_10_generic_list.pngSBO09122018.mp3x_8px.png

SBO: Muddee 7, 2018. Oduu, Gabaasa Saamicha Godina Addaa Naannawa Finfinnee Ona Walmaraatti Gaggeeffamu ilaallatuu fi Hiriira Mormii Magaalaa Adaamaatti Adeemsifame.

Aside

SBO MUDDE 05,2018. Oduu, Haala yeroo irratti ibsa ABO fi Gimbii, Haroo Sabbuu fi naannoo Gaara Mul’ataatti hiriirota geggeeffaman irratti marii hirmaattota waliin taasisame

Aside

Gochaan ajjeechaa fi lafa irraa buqqaatinsaa akkasuma gochaan saamichaa Oromoo irraa dhaabbachuu qaba!

Aside

(Ibsa Qeerroo Bisummaa Oromoo, Mudde 01,2018 Finfinnee Oromiyaa) Gochaan ajjeechaa gara jabinaa fi lafarraa buqqaatinsaa dabalataan saamichi qaama kamiinuu Oromoo irratti raawwachuun dhaabbachuu qaba.

Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Qabsoo waggoottan dheeraaf karaa nagaa gochaa turreen nagaan uummataa akka murkanaa’uuf ajjeechaan akka Oromoo irraa dhaabbatu dararamni akka uummata keenyarraa dhaabbatu gaafachaa turre gaafachaas jirra. Hanga nageenyi uummataa mirkanaa’utti qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti fufuu akka qabus ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromooti.

Uummata Oromoo daangaa Oromiyaa irra jiraatanirra waggoota dheeraaf: lolli adeemaa, Saamichi raawwataa, dararamni dabalaa jira. Addatti Oromoota Baha Oromiyaa, Kaabaa fi Kibba Baha Oromiyaa akkasuma Oromoota Lixa Oromiyaa jiraatanirra ajjeechaa qindaawaan humna hidhateen raawwataa jira. Ajjeechaan kun guyyaa gara guyyaatti ol guddataa adeemuun ala furmaata waaraa maseenee, jeequmsa dhalaa oolee jeequmsa Oromoof dhalaa bulaa jira. Ajjeechaa Oromoota daangaarratti raawwatu bifa gurraaf ijaafillee hintolletti ol guddatuun hanga Oromoo qalanii reeffa Oromoo gubanitti gochaan qaanfachiisaan nurratti raawwataa jiru nagaa xiinsammuu Oromoof illee balaa ta’uun isaa hubatamaadha.

Gochaa gara jabinaan raawwateen Naannoo Benishaangul Gumuz keessatti Sadaasa 21,2018 guyyaa facaasaa irra Oromootni 30 ol billaan qalamanii lubbuun darban. Gidduma sana naga eegsiistootni foolisoonni Kora Bittinneessaa Oromiyaa ajjeechaa humna hidhannoo jabaaf leenjii guddaa qabuun irratti fudhatameen lubbuun nama 17 darbuusaa kaan ammoo ajjeefamanii reeffi dhabamuullee quba qabna. Akkasuma Naannoo dhuma Benishaangil Gumuz keessatti ilma Oromoo ajjeesanii reeffasaa gubuun maatii irraa reeffa isinii laanna jechuun maallaqa fudhatanii maallaqas reeffas dhorkatanii jiru.

Torbanootuma sana keessa nannoo Baha Oromiyaa Hararge Cinaaksan keessatti ilmaan Oromoo 10 lubbuun dhabamuu 20 ammoo madeeffamanii jiru. Ajjeechaan kun walitti fufiinsan raawwatuurraa naannoo Benishaangul Gumuz keessatti ilmaan Oromoo 35 ta’an torban kana keessa billaan qalamanii lubbuun darban. Hanga ammaatti Lixa Oromiyaa Gandootni 7 araddaasaanii lakkisanii buqqaa’anii jiru. Akkasuma guyyaa gaafa sadaasa 29,2018 Baha Oromiyaa Hararge Bahaa Araddaa Gammachiis keessaa sa’atii 5:00 ykn 11:00 (lakkoofsa Habashaatti) keessa Oromoota maqaan isaanii Abdii Sheekaa fi Yasuuf Yaasin jedhaman duraa Liyyuu Ayiliin Loowwan 25 saamaniiru.

Uummatni bahee nagaan galuu erga dhabee, hojjetee qabeenyasaatti fayyadamaa ta’uu dhabee shiftoota daangaarraan saamama erga ta’ee biyyattiin nagaa molqamteetti jennee fudhanna. Nagaa uummataa eeguuf dirqamni olaanan mootummaa ta’ee odoo jiruu mootummaan gaafa kumootaan duunu callisaa, gaafa miliyoonaan buqqaanus callisaa uummataaf hojjeta jechuu hindandeenyu.

Kanaafuu; Uummatni gama kamiinuu of kabachiisuuf dirqama qabaachuusaa beekuun akkasuma mirga of kabachiisuu isaatti fayyadamuun wal cina dhaabbatee bifa of eeggannoo qabuun mirga namaa osoo hinxuqin karaa nagaan tokkummaan gaaffii isaa dhiyeeffachaa akkuma jiru, hanga nagaa waaraan uummata Oromoof argamutti cimsee wal bira dhaabbachuu akka qabu Qeerroon Bilisummaa Oromoo cimsee jajjabeessa. Gaaffii karaa nagaa nageenya uummatasaa akka murkanaa’uuf taasisu hanga furmaata waaraa argatutti uummatasaa waliin ta’uun rakkoo uummatasaa karaa nagaan gaafachuu kan itti fufee jiru ta’uus Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa!

Qeerroon Bilisummaa Oromoo qaamoni Oromoo kamuu karaa dabaan Oromummaa isaa qofaaf balaaleffatamee ajjeefamuu fi jibbamuu hinqabu ejjennoo jedhu jajiabeessatee qabsoo isaa hanga Oromoo irraa ajjeechaan dhaabatutti, lafarraa buqqa’uun dhaabbatutti kan itti fufee jiru ta’uu nii hubachiisa!

Injifannoon uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 01,2018 Finfinnee Oromiyaa

SBO MUDDE 02,2018. Oduu fi Hiriira mormii Begii irratti gaaffii fi deebii qindeessitootaa fi hirmaattota waliin taasisame

Aside

SBO SADAASA 30,2018. Oduu, Ibsa ABO fi Hiriira magaalaa Naqamtee ilaalchisee gaaffii fi deebii dargaggoo Nimoonaa waliin taasisame.

Aside

SBO SADAASA 28,2018. Oduu fi Gaaffii fi deebii I.A.H.ABO Jaal Araarsoo Biqilaa waliin kutaa 4ffaa

Aside