Unknown's avatar

About Qeerroo

Welcome to Qeerroo Bilisummaa webiste! We are here to serve Qeerroo generation who are seeking freedom in their new emerging life.We are Hope for Oromians and lead by example. We have a saying, Follow the Kuusaa and do what the Yuubaa says. http://qeerroo.com

Saamichi lafa Oromoo daangaa haa godhatu!

Aside

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 6,2019

Waggoottan 150 oliif erga cunqursaa halagaa jala gallee as, Oromoo lafa isaarraa dhiibuun saamanii gadadoof kaadhimaa turuun sirnoota darbaniif sirna ammaa beekamaadha. Qabsoo abbootiin keenya Oromoon gochaa turan qabsoo qabeenyaa ofiirratti abbummaa mirkaneeffachuu malee qabsoo qabeenyaa nama biraa kan ofii taasifachuuf godhamu akka hintaane hubatamaadha. Har’a nutis dhaalmaan qabsoo keenya har’aa qabeenyaa namaa kan ofii taasifachuun biyya halagaa Oromiyaa taasifanna kan jedhu utuu hintaane biyyi keenya Oromiyaan qabeenya eenyuuyyuu utuu hintaane qabeenya Oromoo waan taateef abbummaa keenya nuu mirkaneessaa jennnee gaafataa jirra, ittis fufna.

Oromoon waggoota muraasaa as lubbuusaa wareega kaffalee akka gubbootti lubbuusaa kennaa daangaasaa tikfachuurra kan saamame deeffachuuf qabsaa’aa jiraachuun hubatamaadha. Dhimma lafa Oromoo biyyaaf biyyoo Oromiyaa hiika dhabuun har’as wareegama kaffaluun akka itti fufu taasisuutiin wareegamni walitti fufiinsaa ammallee baafamuutti jira. Lafti keenya daangaalee Oromiyaa maraan saboota ollaatiin cabee wayiita jirutti nagaan akka Oromiyaa keessatti bu’ee jiruutti lallaba sobaa lallabamuun nu gowwomsuuf carraaqqii godhamaa jiru hubatuurraa ammas qabsoon keenya hanga daangaan saamicha lafaa kahamutti kan itti fufee jiru ta’uu uummata keenyaafis diinota Oromiyaa diiganii lafee qabsaa’ota keenyaa irratti qoosuu barbaadaniif himuu feena.

Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo waan hundaan olitti nagaatti kan amannu qabeenya uummata keenyaa eenyuuf illee utuu hintaane kan Oromoo akka ta’eef Oromoo qofaaf akka ta’uttis qabsootti jirra. Lafaa fi dachee Oromiyaa akka qabeenya Xoophiyaa maraa godhanii ilaaluun yakka. Lafti Oromoo kan Oromooti malee kan saba kamiiyyuu miti. Maqaa magaalaa Finfinneetiin Qote bultoota Oromoo Miliyoonaan lakkaa’aman araddaa irraa buqqaasuudhaan, Kondominiyeemii hedduu ijaaree ijaarsisaan kan jiru, sirni kun gadadoo hamtuuf Oromoo saaxilee jira. Daangaawwan Oromiyaa mara irrattis lola humnootiin hidhatan taasisanii lafti Oromiyaa hedduun cabee halagaan qabamee har’as qabamaa jira, daangaan cabee lafti Oromoo saamamaa jira. Kanaaf Fakkeenyi lola Lixa Oromiyaa fi Kibba Oromiyaa, Kibba Baha Oromiyaa, Kaaba Oromiyaa, adeemaa jiru ragaa guddaadha. Tibba kanas jaarraa tokkoo oliif saba uummata keenya cunqursaa jiru tumsuutiin waraanni mootummaa Boosat irraan lola Oromootti bananii lafti qote bultoota Oromoo bakkichaa humnoota Amaaraa hidhataniin saamamaa jira. Akkasumas paartiin Amaaraa Beeheraawwii Niqinaaqee jedhee of waamu Waajjira Oromiyaa keessatti banataa jiraachuu agarra. Kunis faana garboonfataa as adeemaa jiruu kan nu hubachiisaa jiru ta’uu hubatuu irraa qabsoo keenya hanga galiin geenyuutti duubatti akka hindeebinetti jabaannee falmannee saamicha Lafaatti daangaa gochuu akka qabnuuf qabsoo karaa nagaa kan itti fufnee jirru ta’uu hubachiifna. Kondominiyeemii lafa uummata Oromoo irra dhaabbate, Kan ilmaan Oromoo miskiina buqqaasee beelaaf kalaale dhibbantaa 50% saboota biroof hirra jechuun mootummaan naannoo Oromiyaa lallaba gidduu kana miidiyaan taasisaa jiru cimsinee balaaleffanna. Lafichi Qote bultoota achirraa buqqaa’anii rakkataa jiraniif kaasaan utuu hinlaatamin, qaamni saamicha lafa kanaa raawwate seeraaf utuu hindhiyaatiin sanuu saboota Xoophiyaaf hirra jedhanii ibsa baasuun balaaleffatamaa ta’uu ibsina!

Maayii irratti nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo akkuma baroota dheeraaf gaafachaa turretti itti fufuun saamichi lafa Oromoo daangaa haa godhatu! Jennee gaafachuu itti fufna.

Injifannoon uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 6, 2019

SBO Bitootessa 03,2019. Oduu fi Gaaffii fi deebii Hayyuu Oromoo Obbo Lubee Birruu Lubee waliin goone kutaa 5ffaa

Aside

icon_10_generic_list.pngSBO03032019.mp3x_8px.png

Interview with Jaal Dhugaasaa Bakakkoo_01-03-2019

Aside

https://www.spreaker.com/episode/17193715?utm_medium=widget&utm_term=episode_title&utm_source=user%3A11024874

SBO Bitootessa 01,2019. Oduu, Miidhaa lammiilee Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Abee-Dongoroo ganda 15ffaa keessa jiraatan irra gahaa jiru irratti gaaffii fi deebii akkasumas Marii Obbo Lubee Birruu waliin goone kutaa 4ffaa

Aside

icon_10_generic_list.pngSBO01032019.mp3x_8px.png

“ABOn Gaachana Keenya” Hiriira Guyyaa Har’aa Godina Iluu Abbaa Booraa Keessatti Ta’e.

Aside

 

SBO GURRAANDHALA 27,2019. Oduu, Hiriira Godina Jimmaa Ona Limmuu Kossaa irratti nama dubbisnee fi Gaaffii fi deebii Hayyuu Oromoo Obbo Lubee Birruu kutaa 3ffaa

Aside

icon_10_generic_list.pngSBO27022019.mp3x_8px.png

Virus-free. www.avg.com

SBO GURRAANDHALA 24,2019. Oduu fi Gaaffii fi deebii Obbo Lubee Birruu waliin godhame kutaa lammataa

Aside

“Haqa qabna; qabsoo keenya…uummata keenya defend godhuun mirga keenya.” J Goollicha Dheengee, Ajajaa WBO Zoonii Kibbaa

Aside

Gaaffiif deebii jaal Goollicha Dhengee fi Gaazixeessaa Dhaabasaa Waaqjiraa waliin godhame; kan barreeffamatti jijjiire Qalbeessaa barruDhangi’aa  ti. 

“…. uummatni Oromoo nam 50 miti nam miliyoona 50, namni 50 nama miliyoona 50 bakka hinbu’u. Abbootiin gadaa namni 5 hincaalle, koree toknikaa jedhanii nama 71 ijaaranii, isaan keeessayyuu calalanii nama 30 tti galchanii, hogganni Keenya hogganni ABO WBO uummata Oromoof abbootii gadaaf laadheera jechuun nama 30 hireesaa murteessa jedheetii? Oromoon mari’achiifameeraa? Akka rifirandamiitti WBO’n jiraachuu qabamoo dhabamuu qaba jedhee Oromoon mari’achiifameeraa? Namoosi muraasi uummata Oromoo bakka hinbu’ani..” jedha.

Gaazixeessaa: Hayyee jaal Goollicha Dhengee ajajaa waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa toorarratti argamtee gaaffif deebii si waliin gochuu ayyamuukeetiif galatoomi.

Jaa Goollicha: Isinis gaaffiif deebii naa gootaniif galatoomaan jedha.

Gaazixeessaa: Egaa akkuma beekamu yeroo ammaa kana wal dhabdee mootummaa fi mootummaa gidduu jiruun kan walqabate waraana bilisummaa Oromoo gara biyyaatti deebisuuf gareen abbootii gadaa fi ogeessota adda adda of keessaa qabu bobba’ee jira. Haala kanarratti maanni yaadi keessan?

Jaal Goollicha: Yaadni keenna akkuma hubatamu gareen abbootii Gadaa fii koree teknika jechuudhanii araara adda bilisummaa Oromoo fi mootummaa gidduutti buusuuf socho’an. Garee kana dheengadda naannoo Yaaballootti dhufanii nam sadii Jaawar Mohaammad fi namootni biroon lama isaan waliin turani, “waraanni bilisummaa Oromoo asitti simatama, asitti walitti qabama, asitti galmaa’ee fudhannee gara biyyaatti galla” jechuudhaan, naannoo Yaaballootti argamanii.

Egaa haa ta’uutii; tokkoffaa waraanni bilisummaa Oromoo abdii gaachana uummata Oromootii. Kaninni qabsaa’aa tureef bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa uummata Oromoo mikaneessuudhaafi kan qabsoo godhaa turee. Egaa kana keessatti rakkoo waraana bilisummaa Oromoo fi mootummaa Xoophiyaa jidduu akka laayyootti kan ilaalamu miti. Continue reading

SBO GURRAANDHALA 22,2019. Oduu, Miidhaa waraanni mootummaa EPRDF Gujii Bahaa keessatti geggeessaa jiru irratti gaaffii fi deebii ummata naannoo waliin taasisamee fi marii Obbo Lubee Birruu waliin taasisame

Aside

“ARAARICHI ARAARA HAQAA MITI. JAARSOLII JEDHANII ADEEMAA JIRAN DUBBISUUN HINDANDAA’AMU WARAANAN AJJABAMANII WAAN DEEMANIIF” JAAL MARROO

Aside

Jaal Marroo Dirribaa ajajaa WBO godina lixaa ti. Jaalli kun jiruu fi jireenya dhuunfaaf takkaa yeroo kennee hin beeku; gaaffii ummata Oromoof akka deebiin argamuuf qabsootti jira. Qabsoo kana keessa erga seenee Gadaa lamaa ol ta’eera.

Dhimma yeroo ammaa ABO fi mootummaa Itoophiyaa gidduu jiru irratti gaazexessaa  Dhaabasaa Waaqjiraa waliin gaaffii fi deebii addaa godheera.
“Araara jechuun harka kennachiisuu miti” jedha, Ajajaa WBO Zoonii lixaa, Jaal Marroo Dirribaa. “WBOn sirna ittiin taliigamu qaba; humna namtokkeen dubbisanii gansiisan miti.”

Gaaffii fi deebii kana Qalbeessa Dhangi’aa gara barruutti jijjiiree jira; kunooti!
…..
Gaazixeessaa: fayyaa ta’i jaal Marroo toora kanarratti argamtee gaaffiif deebii nu waliin gochuukeef, mee waan ammaa adeemaa jiru irratti yaada maalii qabdu kan abbootiin gadaa biyyatti gala mootummaatti deebi’aa jedhan irratti.

Jaal Marroo: Hayyee atis fayyaa ta’i jaala kiyyaa waan ammaa abbootii gadaa fi jaarrolee araaraa jedhamuu adeemu irratti egaa waluuma galattiakka Zoonii Zooniitti osoo hintaane akka waraana bilisummaa Oromootti haldureelee waan araara kanarratti qabnuu karaa ajajoota Zoonii Kibbaa kan dhiyaatee jiru tokko miidiyaa hawwaasaa irratti maxxanfamaa ture quba qabduu, akka waraana Zoonii Lixaatti sanarraa kan adda ta’e hinqabnu. Waraanni Bilisummaa Oromoo caasaa adda ta’e hinqabu bakka marattuu murtiin keenya wal fakkaata. Continue reading