Unknown's avatar

About Qeerroo

Welcome to Qeerroo Bilisummaa webiste! We are here to serve Qeerroo generation who are seeking freedom in their new emerging life.We are Hope for Oromians and lead by example. We have a saying, Follow the Kuusaa and do what the Yuubaa says. http://qeerroo.com

SBO Bitootessa 17,2019. Oduu, Lola guyyaa har’aa hidhattootni Amaaraa fi Argobbaa Shawaa Bahaa Ona Boosat keessatti ummata Oromoo irratti banan irratti gabaasa qindaa’eee fi Gaaffii fi deebii Obbo Dirribii Damisee fi Obbo Waleensuu Reebuu waliin godhame kutaa lammataa

Aside

SBO Bitootessa 15,2019. Oduu fi Deebi’ee banamuuf hayyama argachuu Waldaa Maccaa-Tuulamaa ilaalchisee gaaffii fi deebii Obbo Dirribii Damisee piresidaantii waldichaa duranii fi Obbo Waleensuu Reebuu waliin taasisame

Aside

SBO Bitootessa 13,2019. Oduu fi Haala WBO Mooraa waraanaa Xoollaay seenanii jiran mudatee jiru irratti gaaffii fi deebii misensa WBO mooricha seenee jiru waliin taasisame

Aside

SBO Bitootessa 10,2019. Oduu, Dhimma Finfinnee irratti Ibsa ABO, Hiriira Godina Jimmaa fi Barruu haala yeroo irratti Damee Aadaa fi Beeksisii ABO irraa dhihaate

Aside

SBO Bitootessa 08,2019. Oduu fi Gabaasaa Hiriirota guyyaa har’aa

Aside

ONN LIVE : Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bitootessa 7,2019

Aside

 

 

Aside

Qabsoon Bilisummaa Oromoo Mirga Abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Saba Oromoof Malee Bilisummaa Dhuunfaaf miti.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yeroo ammaa Ummanni Oromoo lafa isaa osoo saamamaa jiruu fi qe’ee irraa buqa’ee mankaraaraa osoo jiruu,hidhaan Oromiyaa mara keessatti aadaa mootummchaa ta’ee osoo jiruu,qabeenyi Oromiyaa guyyuu saamamaa osoo jiruu,hojii dhablummaa fi beelli,hiyyummaan dargaggoota Oromoo waxalaa osoo jiruu, Loltooti mootummaa qubsuma isaa ummata Oromoo keessa taasisee bahaa fi galma dhorkee osoo jiruu  namoonni gariin madaa fi laala ummata Oromoo osoo tilmaama keessa hin galchiin “Oromiyaan bilisoomteetti qabsoon ni gaha” jedhanii gaaffii mirgaa qadaaduu yaaluun Qeerroo Bilisummaa Oromoo falmaa irraa hin dhaabu.

Qabsoo  fincila Diddaa Gabrummaa irraa eegallee hamma Fincila Xumura Gabrummaatti Waggoota dheeraaf qabsoo gaggeessine haala hadhaawaa fi wareega guddaa baasisisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsaawee injifannoo goonfate qaba. . Bu’aa bahii qabsoo hunda dandayaa wareegamaa fi dararaa hidhaa,biyyaa baqachuu fi hojii irraa arihamuu hunda baadhachaa ummata keenyaa fi dhaaba keenya ABOtti kabajaa horoof qabsoon Qeerroon Bilisummaa Oromoo taasise salphaa miti. Continue reading

IBSA IJJANNOO FI MURTII QEERROO BILISUMMAA OROMOO IRRAA KENNAME

Aside

=========================
Murtii bulchiinsi magaalaa Finfinnee manneen kondomineemii daangaa Finfinneerra darbuun abbaa biyyaa qotee bulaa Oromoo irraa buqqisuudhan ijaarrame dabarsanii saboota biroo kuma dhibba sadii(300,000) ol lafa Oromoo irra qubsiisidhaaf murteesse qeerron Oromoo cinsinee balaaleffanna.
Uummanni Oromoo miliyoonaa ol Naannoo Sumaalee fi daangaa irraa humna waraanatiin qabeenya isaa irraa buqqifamee dirree gubbatti osoo rakkachaa jiru uummata Oromoo rakkoo keessa jiru dhiisanii, qotee bulaa Oromoo lafa
isaa irraa buqqifamanii dirreetti rakkachaa osoo jiran dachee ilmaan Oromoo irraa buqqisan irra saba biroo akka qubsiisan qeerron Oromoo cimsinee dura dhaabbanna. Uummanni Oromoo miliyoonan sirna mootummaa EPRDFtin naannoo Sumaalee irraa qabeenya guutuu dhabuun buqqifaman osoo mana jireenyaa dhabanii dirree gubbaa rakkachaa jiran lafa Oromoo irratti saba biroo fiduun qubsiisun uummata Oromoo tuffachuudha. OPDOn uummata Oromoo sobuuf Oromoota lafarraa buqqifaman wajjiin qubsiisuf kan jedhu gonkumaa fudhatama hin qabu.
1) Murtii bulchiinsi magaalaa Finfinnee manneen daangaa Finfinnee irra darbuun ijaarraman jiraattota Finfinneef kennuuf murteesse mootummaan hatattamaam akka dhaabsisu cimsinee hubachiisna.
2) Manneen qotee bulaa Oromoo buqqisuun ijaarraman hundi qonnaan bulaa Oromoo irraa buqqa’eef, uummata Oromoo naannoo Sumaalee irraa buqqa’uun rakkoo keessa jiraniif akka kennamu ni gaafanna.
3) Mootummaan uummata Oromoo tuffachuun habashaa gammachiisudhaaf manneen koondomineemii dabarsee
jiraattota Finfinneef kan kennu taanan qeerron Oromoo manneen kanniin guutumaa guututti too’achuun guutummaa Oromiyaa keessatti hiriira mormii guddaa ni goona.
4) Qeerron Oromoo dhumnee lafa irraa banna malee manneen koondomineemii qotee bulaa Oromoo irraa buqqisuun ijaaran
5)Dachee abbaa keenyaa dhumnee lafarraa banna malee habashaaf hin laannu.
Injifannoo ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 7 bara 2019

SBO Bitootessa 06,2019. Oduu fi Gaaffii fi deebii Obbo Lubee Birruu kutaa 5ffaa

Aside

icon_10_generic_list.pngSBO06032019.mp3x_8px.png

Virus-free. www.avg.com

Saamicha lafa Oromiyaa

Aside