Author Archives: Qeerroo
ODUU SBS (Gurraandhala 6, 2021) – Shinniigaa Broadcasting Service
Dhaamsa Murteessaa barattootaa fi Lammiilee Oromiyaa maraaf
Guutuu Oromiyaa keessatti waamichi deeggarsa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa fi mormii sirna bulchinsa PP akkuma taasifameen barattootni, uummatni hirmaatee sagalee isaa dhageessisaa jira. Walgahiin Gamtaa Afrikaa 34ffaa dhaadannoo “Afrikaa sagalee rasaasaa irraa bilisa goona.” jedhuun gaggeeffamaa waan jiruuf dhaadannoon keenya kan armaan gadii kanneen akka hammatuu fi qajeelfama namuusaas akka tiksinu waamicha goona.Sochii dargaggoota Biyyoolessaa, Bilisummaa fi Dimokiraasiif (SDBBD) National youth Movement For Freedom and Democracy (NYMFD)
Oromiyaan teessuma lafaanis tahe baay’ina uummataan addunyaaf bakka tarsiimoftuu dha. Jaarraa hedduun duraa eegalee alagaan qe’ee nagaa kana nyaachuuf ilkaan qarachaa ture. Jaarraa tokkoo fi walakkaa as immoo hammaatee Oromoon qe’ee isaa irratti aadaan,afaan, safuun, amantiin,barteen isaa salphifame. Dhiitamee, ajjeefamee haamileen isaa akka cabus taasifame. Kun ilmaan isaa qaroo tahan wareegama lubbuu kumaatama kaffaalchiise akka itti wareeganii as geenyu nu taasise. Qabsoo hadhaa’aa dhaabotni, waldaaleen, Jaarmayaaleen Oromoo taasisaa turanii fi jiraniin sadarkaa akka lammiitti akka jiraatnu irra geenyee jirra. Haa tahu malee, jijjiiramni lafee fi dhiiga Qeerroo Bilisummaa Oromoo kumaatamaan dhufe harkuma dhiiga Qeerroo dhangalaasaa ture, PPdhaan butamee yeroo ammaa kana Oromoon sadarkaa salphinaa irra jira. Gochi ijaa fi gurra namaaf hin tolle mootummoota darbanii ol hamaatu gaggeeffamaa jira. Mirga lammiilee Oromiyaaf kanneen qabsaa’an Jumlaan mana hidhaatti ukkaamfaman, hedduun mana hidhaa keessaa baafamanii ajjeefaman, gariin manni murtii bilisa erga jedhee mana hiraarsaa keessatti argamu,waajjiraaleen ABO fi KFO hunduu cufaa dha, Ilmaan Oromoo qaaliin kanneen akka Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuun haqa dhaban,doorsisni, basaasummaan lammiilee biyya alaan deeggarame hooggantoota Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti gaggeeffamaa jira. Kana kan hifatan hidhamtootni siyaasaa bakkeewwan hedduutti nyaata lagannaa irratti argamu. Oromoonis oromummaan isaa itti dhagahamus karaa danda’uun mirga hidhamtootaa fi lammiilee Oromiyaaf qabsootti jira. Sochiin uffata booraa(yellow movement) qaama kanaati.Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo/Gur,5,2021.
Akeekaa fi Kaayyoo Qeerroon Irratti Wareegame Waggaa Sadii Oliif Waan Kallattii Isaa Irraa Dabsameef Diddaa Keenya Haaromsinee Itti Fufna.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 5,2021
Qabsoo diddaa gabrummaa baroota dheeraaf qabsaawoti qaalii itti kitimanii amna dheeraa wareegami hedduu itti kafalamee dhaloota Qeerrootti dabarfame Qeerroon Bilisummaa fi dimokraasiif barootaaf erga qabsaayee mootummaan abbaa irree EPRDF hunkuteessee balleessuun injifannoo haa argamsiisu iyyuu malee sirni EPRDF baduun boodatti mootummaan PP waadaa hin jirre seenee qabsoo Qeerroo butachuun akeekaa fi kaayyoo Qeerroon irratti wareegame dabsuun waggoota sadan darban keessa Oromiyaa biyya dararaa fi jeequmsaa akkasumas hiyyummaa taasisee nagaan galanii bahuun dhibee ummanni Oromoos ta’e jiraattoti Oromiyaa hiraara waraana PP jala galanii jiru. Qeerroon itti dadhabee wareega kafaluun qabsicha bakkaan gahe jedhamu biyya keessaa adamfamee hidhamee jira, Hogganootii fi qondaaloti dhaabota siyaasa Oromoo nagaan bahanii galuun dhibee hiraarfamuun caalattis hidhaatti guuramanii dararfamaa jiru. Continue reading
PP Must Go!! jechuun Qeerroon Fincila Xumura Gabrummaa Itti Fuftan.
Amboo-Diddaa Qeerroo Olmaa Guyyaa Har’aa
Fincilli Xumura Gabrummaa Guyyaa Har’aa Magaalaa Ambootti Qabateera.
Mallattoo Filmaata Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Image

