Akeekaa fi Kaayyoo Qeerroon Irratti Wareegame Waggaa Sadii Oliif Waan Kallattii Isaa Irraa Dabsameef Diddaa Keenya Haaromsinee Itti Fufna.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 5,2021
Qabsoo diddaa gabrummaa baroota dheeraaf qabsaawoti qaalii itti kitimanii amna dheeraa wareegami hedduu itti kafalamee dhaloota Qeerrootti dabarfame Qeerroon Bilisummaa fi dimokraasiif barootaaf erga qabsaayee mootummaan abbaa irree EPRDF hunkuteessee balleessuun injifannoo haa argamsiisu iyyuu malee sirni EPRDF baduun boodatti mootummaan PP waadaa hin jirre seenee qabsoo Qeerroo butachuun akeekaa fi kaayyoo Qeerroon irratti wareegame dabsuun waggoota sadan darban keessa Oromiyaa biyya dararaa fi jeequmsaa akkasumas hiyyummaa taasisee nagaan galanii bahuun dhibee ummanni Oromoos ta’e jiraattoti Oromiyaa hiraara waraana PP jala galanii jiru. Qeerroon itti dadhabee wareega kafaluun qabsicha bakkaan gahe jedhamu biyya keessaa adamfamee hidhamee jira, Hogganootii fi qondaaloti dhaabota siyaasa Oromoo nagaan bahanii galuun dhibee hiraarfamuun caalattis hidhaatti guuramanii dararfamaa jiru.
Haala kanaan Hiraarsaaf gadadoo saba keenya irratti kan Waraanni dhaabbataadhaan waggaa sadii oliif raawwataa jirutti daangaa gochuuf murannoon qabsootti seenne. Paartiin PP erga biyyattii dhuunfatee, aangoo waraanaaf fi tikaa akkasumas diinagdee biyyatti of harka galfatee as guutuu Oromiyaa keessatti ummata Oromoo qabsoo irraa gufachiisuuf jecha Oromoota kumoota hedduutti tilmaaman ajjeesee jira. Yakka waraanaa waggaa sadii oliif uummata keenya irratti banuudhaan, uummata meesha maleeyyii baadiyyaa fi magaalaalee Oromiyaa keessatti gara jabinaan miidhaa seenaa biyyattii keessatti kan sarkaan olii ta’e raawwataa jira.
Milishootii fi waraanni PP miidhaalee ummata Oromoo irraan gahan keessaa sadarkaa hidhaa fi ajjeechaa akkasumas qe’ee irraa buqisuun golee fi araddaalee hin dhaqabiin hin jiru. Uummata meesha maleeyyii irratti waraanni waggaa sadiif labsamu seenaa dhuma addunyaa keessatti ta’ii ta’ee hinbeeknedha. Labsii Komaand Post waggoota sadiif dhaabbataan itti fufee jiru kanaan manneen Oromoo dhibbootaan lakkaa’aman waraana humna biltsiginnaa kanaan gubatee barbadaa’eera. Qabeenyaan abiddaan irraa gubate tilmaama gara miliyoona hedduu kan ta’udha.
Dargaggooti qaroo, qondaalonniif hogganoonni dhaabbilee siyaasaa Oromoo badii tokkoon alatti mana hiraarsaatti gidiramaa jiran. Wanti daranuu nama mufachiisu manni murtii sirnichaan dhuunfatame illee bilisaan erga lakkisee humna waraanaan tohatamee roorroo hamtuuf uummati saaxilame. Gocha seera biyyatti irra ejjetee, dararaaf uummata keenya kalaale mormina. Gochaan sarbamiinsa mirga namoomaa daangaa akka godhatuuf deebii gahaa tokkummaadhaan qaamota shiftoomanii uummata rakkisaa jiraniif kennuuf qabsoo fincilaa har’a eegale kanatti seennee jirra.
Gochaa kana akka dhaabuuf obsa guddaadhaan gaaffii paartileen siyaasaa fi dhaabbileen mirga namaamoo dhiyeessaniif cinaatti gatuun hanga har’allee irree isaa uummata keenya irraa kaasuu diduu qaamolee biyya bulchina jedhan kanaa nu dallansiisuun qabsootti seennee jirra.
Murtii fincilaaf Qeerroo kan kakaase gocha gara jabinaa qaamolee PP ta’uu akka nuu hubatamu ibsaa, murna biyya jeeqaa jiran, kanneen meeshaa waraanaan dhadatanii mirga ummattootaa ukkaamsaa jiran dura dhaabbachuuf jecha Qeerroon Bilisummaa bifa haaraan qabsoo isaa eegalee jira.
Walumaa galatti mootummaan maqaa PPn waraana waggaa sadii oliif uummata keenya irratti waraana bane hidhaa fi ajjeechaan hiraarsaa jiru guutuutti mormuun nagaa dimokraasii fi walqixxummaa sabootaa mirkaneessuuf qabsoo keenya itti fufuuf murteessine.
Injifannoon uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 5,2021