Saba keenyaa fi biyya keenya Roorroo jalaa baasuuf Mootummaa ummataa ijaarrachuu qofaani.

Saba keenyaa fi biyya keenya Roorroo jalaa baasuuf Mootummaa ummataa ijaarrachuu qofaani.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

May be an image of one or more people and text that says "ΚΑΙ QEERRO!! National Oromian YOUTH Movement" Bilisummaa Oromoo hundeeffamu isaa irraa kaasee hanga ammaatti roorroo daangaa darbitee hidda dheereffattee fi lafa Oromiyaa daangaa ishee kabachiisuuf saba irraa dhalateef qabsoo abbaa biyyummaa isaanii mirkaneessuuf qabsoo Lammiileen Oromiyaa addatti immoo sabni Oromoo Dhaaba ABO jalatti ijaaramee qabsoo mirga Hiree murteeffannaaf falmatu waliin qabsaa’uun erga eegalee wareegama ulfaatu kaffalaa tureera ammas kaffalaa jira.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo akkuma akeeka humdeeffameef qabsootti jiru ammas qabsoo saba isaaf godhu kallattii hundaan garboomsataatti Xumura gochuuf falmatti jira.
Labsii dhaabni keenya ABO fi KFOn ijaaramuu Mootummaa ummataa waggaa sadiif turu ilaalchisee labsii baasan Qeerroon Bilisummaa Oromoo ijaarsa MCBNOf waan isa irraa ergamuu fi akka milkaayuufis qabsoo isaa jabeessee itti ni fufa. Akkasumas warri akkuma kaleessaa Oromoo fi Oromiyaa garbummaa jalatti hanbisuuf carraaqan yeroo ammaa kanas labsii baafatanii akka MCBNO ijaarame hin milkoofneef murni pp qophiitti jiraachuu kan Odeessa arganne yoo tahu qaamni kamuu ijaarsa MCBNO dura dhaabbatu farra Ummata Oromoo fi Oromiyaa waan taheef ammumaan cimsinee kan balaaleffannuu fi dura dhaabbannu tahuu keenya ibsina.
Haala yeroo ammaa biyya keenya keessatti tahaa jiru ilaalchisee Qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsa qabxiilee 17 armaan gadii baasee jira.
1. Qeerroon Bilisummaa Oromoo umurii gabroonfattootaa dheeressuuf dirmannaa tokko illee gochuu hin qabu. Garbummaa fi garboomsataatti Xumura gochuufis qabsoo keenya ni gaggeessina.
2. Qabsoon Oromoo Bilisummaa fi haqa Oromoo dhugoomsuuf eegalame haga yoonaatti galii isaa hin geenye. Garuu, qabsoo haga yoonaatti gaggeeffamaa dhufeen milkiileen boonsaan galmeeffamanii jiru. Sanatti xumura gochuun waamicha Yeroo ammaa gama dhaaba keenya ABO fi KFOn labsamee jiru MCBNO ijaaramee jiruuf gahee nurraa eegamu ni bahanna.
3. Qabsoo hanga bara 2018tti godhameen Qeerroon Oromoo kumootaan lakkaayaman kan wareegaman Yoo tahu gariin achi buuteen isaanii dhabamee jijjirama biyya Itoophiyaa keessatti akka dhufu godhaniin murni Maqaa Oromoon aangootti bahe Har’a Qeerroo kalee harka qullaa rasaasa dura dhaabbatee nagaa fi Tasgabbiin akka jiraatuuf wareegama baase hoggantootaa fi hayyoota dabalatee harmee ulfaa hanga daa’ima harma hootuutti hidhaatti guuree dararaa kan jiru yoo tahu qabsoon keenya hidhamtoota mana hidhaa irraa baasuu qofa osoo hin taane Mootummaa ummataa ummataan ijaaramee biyyaa fi lammiilee biyyaa tajaajilu arguu dha

Continue reading