Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBO Waggaa 33ffaa Ilaalchisee Ibsa ABO

Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBO Waggaa 33ffaa Ilaalchisee Ibsa ABO
(Ibsa ABO – Waxabajjii 15, 2021)
No photo description available. dura miseensota fi deeggartoota ABO akkasumas Ummata bal’aa Oromoon baga guyyaa seena-qabeessa Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBOtin isin gahe; walumaan ittiin nu gahe.
Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO) araata ABO fi raadiyoo dhiibbaa gabroomsaarraa bilisaan kaayyoo Oromoo fi Oromiyaa tiksuu fi galiin gahuuf bu’uureffame hangafa tahuu seenaatu ragaa baha. Har’a wayta ayyaana hundeeffama SBOn wagg 33ffaa kabajnu dhimmoota hedduu walyaadachiisuun dirqama taha. Ayyaana Kanaan Wanneen Yaadannu keessaa:
• Imala SBO waggoota 33n dabranii fi gumaacha qabsoo fi miidiyaalee Oromoo har’aaf laate,
• Bu’aa bahii keessa cehee fi haala amma sbon itti jiru
• Jaallan SBO bu’ureessuu, gadi dhaabuu fi sadarkaa har’aatin gahuu keessaa qooda ol’aanaa qaban akkasumas haala har’a isaan keessa jiran,
• Hegeree SBO fi jaallan ergama ulfaataa miidiyaa hangafa kanaa milkeessuuf dhama’aa jiranii akkasumas Oromoon SBO waliigalattis miidiyaalee kaayyoo isaaf dhaabbatan cimsachuun qabsoo bilisummaa milkeessuuf dirqama dachaa irraa eegamu qaabachuu feesisa.
Har’a ayyaana kana kan kabajnu bakka duulli murna PP mootummaa dha ofiin jedhu ABO irratti duula bifa hedduu bal’inaan banee sochiin qabsoo karaa nagaa ABOn ummataaf waadaa gale danqamee fi sagaleen ummata keenyaa ukkaamame keessatti tahuun ifa.
Guyyaa seena-qabeessa kana baranaa bifa addaatiin akka yaadannu kan nu taasisu keessaa mataa Damee Aadaa fi Beeksisii ABO J. Mikaa’el Booran dabalatee miseensonni Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO kan akka J. Abdii Raggaasaa akkasumas Itti Gaafatamaa SBO J. Malkaa Danuu dabalee miseensonni Gumii Sabaa ABO kanneen akka J. Kaayyoo Fufaa, J. Amaan Filee, J. Kennasaa Ayyaanaa, J. Gammachiis Tolasaa akkasumas qondaalotni ol’aanoon akka Koloneel Gammachuu Ayyaanaa, Lammii Beenyaa, Daawit Abdataa, Addunyaa Keessoo, Injiinar Daandii Garbooshee, Yaazoo Kabbabaa, Dr. Gadaa Oljirraa, J. Gadaa Gabbisaa, fi ilmaan Oromoo kumootni hedduun badii malee murtiis waakkatamanii hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu dha. Duulli fakkaataan Hoggantoota fi miseensota KFO irratti fi sabboontotarratti deemaa jiru xiyyeeffannoon isaa waliigalaa saba Oromoo, qabsoo haqaa inni gaggeessaa jiruu fi biyya isaa Oromiyaa tahuu sirriitti kan hubachiise jennee amanna. Continue reading