Lixa Oromiyaa Magaalaa Gimbiitti Hiriirri mormii pp barattootaan gaggeefamaa jira.

[SQ-Guraandhala 8/2021]
May be an image of one or more people, people standing and outdoors mormii barattoota mana barumsaa qophaayinaa Amboon Guraandhala 5/2021 kan eegale yeroo amma aoromiyaa hunda keessatti hiriirri kun jabaatee itti fufuun bahaa hanga dhihaa , kaabaa hanga kibbaa oromiyaa keessatti balaaleffannaan sirna pp barattootaan dhohee kan jira.
Haala kanaan guyyaa har’aa guraandhala 8/2021 Oromiyaa lixaa Gimbii fi Mandiittii gaggeeffamaa kan jiru yoo tahu kibba Oromiyattis Boorana Yaaballoottin gaggeeffamaa jira.
akkasumas kibba baha Oromiyaa Arsii keessatti sochiin hiriiraa kun barattootaan gaggeffamaa kan jiru yoo tahu Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuuttis sochiin barattootaa kun eegalee jiraachuu gabaasaan arganne ifa godha.
Hiriira kana irratti dhaadannooleen barattootaan gaggeeffamaa jirani:
Hidhamtootni siyaasaa haa hiikaman
MCBO lammiilee Oromiyaaf haa hundeeffamu
Ajjeechaan lammiilee Oromiyaa irratti waraanaan gaggeeffamu haa dhaabbatu
ppn nun bulchitu kan jedhuu fi kanneen biroon dhaadannoolee hiriira kanaati.

Ajjeefamuu Barataa Diqqaa Dabassoo booda hiriirri mormii haalaan dhohe.

May be an image of 2 people, people standing and outdoors[SQ- Guraandhala 8/2021]
Ganama har’aa Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti barattoota karaa nagaa sagalee isaanii dhageesifataa jiran irratti waraanni pp dhukaasa baneen barataa Diqqaa Dabbasoo yoo wareegamu barattoota biraa irra miidhaa qaqqabuun dhagahame.
Barattoota nagaan sagalee isaanii dhageesifataa ture irratti dhukaasa banameen miidhaa qaqqabetti kan mufatan yeroo ammaa dargaggootni magaalaa Yaaballoo barattoota waliin hiriiruun hiriira balaaleffannaa sirna PPn amma itti jiru cimsanii gaggeeffachaa jiru.

Boorana keessatti Hiriira Mormii sirna pp balaaleffatu irratti lubbuu nama tokkoo darbe.

[SQ-Guraandhala 8/2021]
Godina Booranaa magaalaa Yaaballootti hiriiraa sirna pp balaaleffatu dhoyeen barataa #Diqqaa_Dabbasoo poolisii Oromiyaatiin ijjeeffamee jira.
Hiriirri kun ganama kana Guraandhala 8/2021 kan gaggeeffamaa jiru yoo tahu kanneen hidhaman haa hiikaman ,MCBO hundeeffachuun nagaa fi Tasgabbiin haaraan Oromiyaa keessatti haa jiraatu,Haqni Hacaaluu haa bahu kan jedhu dhaaddannoolee hiriiricha irratti dhagahamaa turanidha.

ODUU SBS (Gurraandhala 6, 2021) – Shinniigaa Broadcasting Service

Dhaamsa Murteessaa barattootaa fi Lammiilee Oromiyaa maraaf

Guutuu Oromiyaa keessatti waamichi deeggarsa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa fi mormii sirna bulchinsa PP akkuma taasifameen barattootni, uummatni hirmaatee sagalee isaa dhageessisaa jira. Walgahiin Gamtaa Afrikaa 34ffaa dhaadannoo “Afrikaa sagalee rasaasaa irraa bilisa goona.” jedhuun gaggeeffamaa waan jiruuf dhaadannoon keenya kan armaan gadii kanneen akka hammatuu fi qajeelfama namuusaas akka tiksinu waamicha goona.
DHAADANNOO❗
1. Hidhamtootni siyaasaa hatattamaan haa hiikaman
2. Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa ni deeggarra.
3. Lammiilee Oromiyaaf nagaa barbaadna.
4. Sagalee rasaasaa jibbine; Ajjeechaan haa dhaabbatu
5. Mirgi haadholii fi Shamarranii haa kabajamu” kanneen jedhan hammachuu qaba.
NAMUUSA❗
Hiriirri gaggeeffamu karaa nagaa waan taheef namuusa hiriiraa eeguun dirqama. Dhagaa darbachuu, saba biraa arrabsuu, alaabaa saba biraa gubuun fedhii PP galma gahuu dha. Kanaaf, dhaadannoo fi qabsoon keenya sabaan osoo hin qoodne “LAMMIILEE OROMIYAA” dhaaf tahuu qaba.
Ka’i Qeerroo❗
Qeerroo is Power❗

Sochii dargaggoota Biyyoolessaa, Bilisummaa fi Dimokiraasiif (SDBBD) National youth Movement For Freedom and Democracy (NYMFD)

Waamicha Hiriira deeggarsa MCBO fi Mormii PP!
Oromiyaan teessuma lafaanis tahe baay’ina uummataan addunyaaf bakka tarsiimoftuu dha. Jaarraa hedduun duraa eegalee alagaan qe’ee nagaa kana nyaachuuf ilkaan qarachaa ture. Jaarraa tokkoo fi walakkaa as immoo hammaatee Oromoon qe’ee isaa irratti aadaan,afaan, safuun, amantiin,barteen isaa salphifame. Dhiitamee, ajjeefamee haamileen isaa akka cabus taasifame. Kun ilmaan isaa qaroo tahan wareegama lubbuu kumaatama kaffaalchiise akka itti wareeganii as geenyu nu taasise. Qabsoo hadhaa’aa dhaabotni, waldaaleen, Jaarmayaaleen Oromoo taasisaa turanii fi jiraniin sadarkaa akka lammiitti akka jiraatnu irra geenyee jirra. Haa tahu malee, jijjiiramni lafee fi dhiiga Qeerroo Bilisummaa Oromoo kumaatamaan dhufe harkuma dhiiga Qeerroo dhangalaasaa ture, PPdhaan butamee yeroo ammaa kana Oromoon sadarkaa salphinaa irra jira. Gochi ijaa fi gurra namaaf hin tolle mootummoota darbanii ol hamaatu gaggeeffamaa jira. Mirga lammiilee Oromiyaaf kanneen qabsaa’an Jumlaan mana hidhaatti ukkaamfaman, hedduun mana hidhaa keessaa baafamanii ajjeefaman, gariin manni murtii bilisa erga jedhee mana hiraarsaa keessatti argamu,waajjiraaleen ABO fi KFO hunduu cufaa dha, Ilmaan Oromoo qaaliin kanneen akka Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuun haqa dhaban,doorsisni, basaasummaan lammiilee biyya alaan deeggarame hooggantoota Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti gaggeeffamaa jira. Kana kan hifatan hidhamtootni siyaasaa bakkeewwan hedduutti nyaata lagannaa irratti argamu. Oromoonis oromummaan isaa itti dhagahamus karaa danda’uun mirga hidhamtootaa fi lammiilee Oromiyaaf qabsootti jira. Sochiin uffata booraa(yellow movement) qaama kanaati.

Continue reading

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo/Gur,5,2021.

Akeekaa fi Kaayyoo Qeerroon Irratti Wareegame Waggaa Sadii Oliif Waan Kallattii Isaa Irraa Dabsameef Diddaa Keenya Haaromsinee Itti Fufna.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gurraandhala 5,2021

Qabsoo diddaa gabrummaa baroota dheeraaf qabsaawoti qaalii itti kitimanii amna dheeraa wareegami hedduu itti kafalamee dhaloota Qeerrootti dabarfame Qeerroon Bilisummaa fi dimokraasiif barootaaf erga qabsaayee mootummaan abbaa irree EPRDF hunkuteessee balleessuun injifannoo haa argamsiisu iyyuu malee sirni EPRDF baduun boodatti mootummaan PP waadaa hin jirre seenee qabsoo Qeerroo butachuun akeekaa fi kaayyoo Qeerroon irratti wareegame dabsuun waggoota sadan darban keessa Oromiyaa biyya dararaa fi jeequmsaa akkasumas hiyyummaa taasisee nagaan galanii bahuun dhibee ummanni Oromoos ta’e jiraattoti Oromiyaa hiraara waraana PP jala galanii jiru. Qeerroon itti dadhabee wareega kafaluun qabsicha bakkaan gahe jedhamu biyya keessaa adamfamee hidhamee jira, Hogganootii fi qondaaloti dhaabota siyaasa Oromoo nagaan bahanii galuun dhibee hiraarfamuun caalattis hidhaatti guuramanii dararfamaa jiru. Continue reading

PP Must Go!! jechuun Qeerroon Fincila Xumura Gabrummaa Itti Fuftan.

Amboo-Diddaa Qeerroo Olmaa Guyyaa Har’aa

Continue reading

Fincilli Xumura Gabrummaa Guyyaa Har’aa Magaalaa Ambootti Qabateera.

May be an image of 1 person, standing and outdoors Continue reading