Aside

Nageenya Oromoof Oromiyaa caalaa waan nu yaaddessu hinqabnu!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 20,2020

cropped-logo-qeerroo-oromiyaa3-5.jpgNagaan bu’uura jireenya saba tokkoo ta’uu nii amanna. Saba nagaa qabutu, bilisummaa argata; saba bilisummaa qabutu hiree isaa murteeffata. Kanaaf nagaan Oromoo waan hundaan olitti itti yaadamuuf bakki olaanaan kan kennamuuf ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo nii amana. Sabni keenya nagaan isaa mancaa’uun, jireenyi isaa golgolaa’uu caalaa waan nutti dhagaa’amuuf nu mufachiisu hinjiru. Qaamoleen nageenya saba keenyaa hunkuran, kanneen gaafa nuti karaa nagaa gaaffii sirnaaf gaaffii seeraa gaafannu Qawween yakka ajjeechaaf miidhama qaama nurratti raawwatan irra deddeebiin uummata keenya cunqursuu akkasuma haaloo qabatanii uummata meesha maleeyyii irratti tarkaanfii haaloo fudhatan biyyattii gara jeequmsa hamaa fi rakkoo wal xaxaa bahuun ulfaatu keessa galchuutti akka jiran hubatanii akka daddaffiin of qusatan gaafanna. Continue reading

Aside

Faaruu Warraaqsaa Qeerraamsoo Dirree

Ummanni Adduunyaa Hedduutu Gabroome,

Qabsoo Malee Taa’ee Meeqatu Bilisoomee?

Aside

“Yeroo hiriyaankee mana aarfattu mana gubdi seetee?” Jedha Oromoon.

Qalbeessaa Dhangayaatiin

Image may contain: outdoor biyyi Impaayera Xoophiyaa bulchinsa akkaan jibbamaa kaleessaa, bulchiinsa Dargiif Hayilasillaasee sanatti deebiteetti. Wanti Oromiyaa jedhuu fi Oromoo jedhe sirna OPDO ammaa kana keessa hinjiru. Wanti Oromoo jedhus hinjiru. Biyya tokkoof afaan tokko qofa jedhan. Afaan isaan jedhan afaan Amaaraati. Barnootas afaan Amaaraan baratta. Biyyakee ammoo Xoophiyaa jetta malee Oromiyaan dhaadachuun, Oromiyaa leellisuun hindamda’amu. Kun bulchiinsa OPDO ammaa kanattidha. Continue reading

Aside

Itti Fufa Bulchiinisa TPLF Kan Ta’e Loltooti Koloneel Abiyyi Ahimad Deggertoota ABO Adamsee Reebisisaa Jira.

Aside

TV Gumii Gayoo:- Gaaffii fi Deebii miidhamaa Obbo Masgabuu Guutaa fi Maatii isaanii waliin taassifame guutuu isaa.