Yoo Garaa Irraa Booyan Imimmaan Hin Dhibu
(Ibsa ABO – Sadaasa 01, 2019)
Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed waltajjiilee ilmaan Oromoo itti mariisisan adda addaa irratti waa’ee wareegama Jaal Laggasaa Wagii fi sanaan wal qabsiisee dursanii akka Mootumman EPRDF bobbaa waraanaa irratti gaggeessuuf deemu Hayyu–Duree ABO Jaal Daawud Ibsaatiif odeeffannoo dabarsuu isaanii deddeebisanii oggaa kaasan dhagahaa turre.Akkasumas, yeroon isaan gumaacha maallaqa ABOf taasisan akka tures dubbachuu isaanii dhageenya. Kun dhugaa moo soba? Maaliifis dhimma kana irra deddeebi’anii kaasuun feesise? gaaffii jedhuuf deebisaa kennuun barbaachisummaan isaa waan nutti hin mul’anneef cal’isuu filannee turre. Haa tahu malee dubbiin kun deddeebi’ee ka’uu isaa dugda duubaan akeekni dhokataan jiru waan nutti mul’atuuf fi Ummatni keenyas haqa jiru dhagahuun waan isa gargaaruuf dhimma kana irratti dhugaa jirtu ifa gochuu filanne. Dubbichi akkana: