Gaaffii Ummataa Deebisuu Qofatu Nagaa Buusa
(Ibsa ABO – Onkoloolessa 23, 2019)
afaan qawwee fi sirna cunqursaa fi saaminsaa Itoophiyaan ittiin beekamtu jijjiiruudhaan bilisummaa Ummatootaa fi sirna dimokiraasii dhugaa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf qabsoo barootaaf gaggeeffame keessatti qoodni Ummata Oromoo guddaa dha. Keessattuu ammoo, sirni EPRDF waggoota 27 dabraniif kan akka Sabaatti irratti qiyyaafatee itti roorrise Ummata Oromoo waan taheef qabsoo sirna cunqursaa EPRDF jijjiiruuf taasifame keessatti kan akka Saba Oromootti wareegama ulfaataa baase hin jiru jechuu dandeenya.
Haa tahu malee, har’a Ummatni keenya jijjiirama dhiigaa fi lafee ilmaan isaa kumaatamaan itti wareegee fide kana keessatti of arguutti hin jiru. Akka nam-tokkeettis tahe akka murna hawaasaatti fi akka Jaarmayattis kanneen jijjiirama kana wareegama isaaniitiin fidan bakka isaaniif malu argachuu osoo qabanii dubbiin fuggisoo tahe. Kunuu itti xiqqaatee akkuma qaama jijjiirama kanaatti illee ilaalamuu hanqatanii akka diinotaa fi gufuu jijjiiramichaatti ilaalamanii kanneen galaanuma jijjiiramichaatiin dhiibamanii aangoo mootummaa dhuunfataniin itti duulame. Continue reading →