
Injifannoofi Galatni Kan uummata Oromoo Hundaafi Qeerroo Bilisummaa Oromooti!
Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname
Manni Maree minsteerotaa Itoophiyaa ADWUIn Seeraa dabaa kan maqaa Labsii Shororkeessummaa jedhuun ABO, ONLF fi G7 ittin maqaa balleessuu cinatti labsii seeraa kana dahoo godhatee lammiilee keenya nagaa mirga sarbaa, dhiiga dhangalaasaa, lafee cabsaa, hidhaan gidirsaafi biyyarra ittin baqachiisa ture akka haqamu murteesseera. Uummatni Oromoo akka uummatattiifi jaarmiyaan qabsoo hadhooftuu wareegama qaalii gaafate gochuun injifannoo boonsaa qabsoon galmeeffameen icciitiin seeraa dabaa lammii keenya miidhaa ture saaxilamuun sirnachi dirqamee sadarkaa seeraa dabaa farra dhala namaa addatti farra uummata Oromoo ta’e kana haquu danda’ee jira. Dhugaan jiru jaqabuma iyyuu ABOn shororkeessaa akka hin taane sirriitti utuu beekanii jaalala guddaa uummatni Oromoo ABOf qabu irraa ka’uun Uummata Oromoo ittin miidhuuf ta’ee jedhamee labsii shira guddaan uummata keenyarra kaa’amedha. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk