Agartuu Qeerroo ( Hojii TPLF Qabsaa’otaa Diiguu/Bittimsuu

Aside

√ Qeerroo/dargaggoota sochii keessatti hirmaataa turan muuduu
√ Qabsaa’ota jaarmiyaa ABO jala jiran, shiraaf gowwomsaan harkaa baasanii ABO miseensa ala gochuu
√ Holola ABO irratti oofuun qabsoon laaffisuu
√ Shira shiranii qabsaa’ota dimokiraasii (KFO) caccabsuun bakka lama gochuu, kun ABO irratti adeemuuf jedha.
√ Haamilee uummataa buusanii, qabsoon ABO bibbitineera, waraanni haalaan hidhate hinjiru. ABO harkaa kennateera isinis harka kennadhaa uummataa jechuun

Qabtiileen kun qabxii diinni Oromoo Wayyaaneen xiyyeefatee irratti hojjetaa jirudha. Qabxiileen kun haala ammaa kanaan kan galma yaadan gahan taanan balaa guddaa nutti fidu, garbummaa keessaa bahuu hindandeenyeef akka nu saaxilanitti itti jirama.
Qabsoon uummataa balleessuuf dadhaban laaffisuuf hojiin Wayaanonni itti jiran kun kan har’aa utuu hintaane durumaa kan irratti hojjetaa turanidha. Agartuu Qeerroo xiyyeeffannoon jala bu’aa hanga qaroon isaa argeef odeeffatetti uummataan shira Wayyaanee gahaa ture. Ammas isiniin gahuuf duubatti hinjedhu. Qabxiilee olii tokko tokkoon ha ilaallu.

1. Qeerroo/dargaggoota sochii FDG keessatti haalan hirmaataa turan muuduu.

“Adeemsi muudama Qeerroo akkasuman kan ta’u miti!” Jedha kaabineen amanamaan na haasofsiise. “Qeerroo tarsiimoo keenya tole jedhee fudhatu kan Mootummaa keenya fuulduratti aangoo irratti tiksuu danda’uuf amanamaa nuu ta’u ta’uu qaba. Kana taasisuuf ammoo haalaan haaromsa gadi fagoo keessatti cuunfamee tarsiimoo qabsoo keenya (OPDO) fudhatee itti erga amanee booda muudamee biyyatti gaggeessaa” naan jedhe.

Odeeffataa ykn hawwaasa akkasuma akka dargaggoo tokkootti haalicha isaan ittiin Muudaa jiran hubachuuf tattaaffiin taasise, egereef nama basaasaa ta’u oomishachuuf taattaafataa jiraachuu isaaniiti. Haalli Leenjii Adaamaatti ta’amaa jirus sanarraa qabee akka hojiirra oolu taasifame. Project Guddaan maqaa Qeerroo Muuduun qophaa’e Mujula fuula 90 olii irratti katabamee tarsiimoo mataasaan adeemaa jira. Adeemsa keessa jaarmiyaa haaraan Wayyaanee keessatti oomishamuuf mul’anni jiraachuu, jaarmiyaan oomishamu sun ammoo Moosajii/basaasaa/tika bifa addaan Mootummaa sana utubuu danda’u oomishuu akka ta’e himama. Adeemsa tika horachuu kana keessatti, harka hedduun Oromoo ta’anii akka Oromiyaa keessatti bobbaa’uu qabaniif ilmaan Oromoo gadadoon hiyyummaa irra bubbule kanneen mooraa Yuunibarsiitii eebbifamanii waggoota dheeraaf haamilee cabanii qe’ee ta’aa jiran haala salphaan maallaqaan gowwomsachuu akka dandaa’anitti tarsiimoon sun qophaa’e.

Kana irraa ka’uun Leenjii Adaamaa irra jireessaan eebbifamtoota Yuunibarsiitii irraa eebbifamanii qe’ee ta’aa jirantu dhaqee lafa dhiphisaa jira. Dargaggoonni Leenjii isaanii fudhataa jiran kunneen summii/Maphia(jibba) ABO fi qabsoo Oromoo akkasuma jaalal Xoophiyaa barsiisamu. Akka Xoophiyaaf bakka laachuu dandaa’anitti seenaa kijibaa barsiisamu, seenaa kijibaa sanaan Xoophiyaa abboota keenyatu ijaare jechuun bahanii uummatas akka leenjisuu dandaa’anitti leenjifamaa jiru.

Kanaaf uummanni akeeka Wayyaanee (OPDO) kana sirriitti irra dammaquu qaba. Dargaggoonni qooda fudhattanii leenjicha irratti argamtanii jirtanis ilaallataa adeemaa. “Ilaallataa sirbaa warri kan keenyaa jette Hantuuti” jedhama.
2. Qabsaa’ota jaarmiyaa ABO jala jiran, shiraaf gowwomsaan harkaa baasanii ABO miseensa ala gochuu.

Hojiin biraa, tiki Wayyaanee irratti hojjetaa jiru inni olaanaan, ABO balleessuu yoo dadhabe miseensa harkaa tokko tokkoon yaafatee irratti duulchisuudha. Kana gochuuf ammoo qaamota seeraaf naamusa dhaabaan ala socho’anitti dhimma bahuun, akeekaaf tarsiimoo harkaa rukutee shiraan miseensa ABO harkaa yaasuuf bobbaafamanii jiran.

Duula kana torbanoota kana keessa haalaan hojiirra oolchaa jiru. Keessattuu qabsaa’ota mana hiraarsaatii bahan ashooshiluu, “qabsoon keessan firii godhateera, kottaa Continue reading

Waraabeessi Kaleessaa yuusaa Loon nyaata; Waraabessi har’aa akka Loonii Mar’ataa Loin Nyaata

Aside

Garbummaa kaleessaa(mul’ataa) garbummaa har’aa (dahataa/dhokataa)

Garbummaa keessatti dhalanne, garbummaa dhumaan garbummaa keessatti guddanne. Garboomaa irraa dhalannee nutis garboomaa taane. Garboomaa ta’uuf waaqni garba taasisee nu hinumne, uumamne dirqmaaf shira halagaaf warra Adii awuroophaan garbummaan mana nurratti ijaare, iyyumnis faana garbummaa nurratti hanqaaqe.

Garboonfataan kaleessaa diina Uummataa ta’uu mul’ifatee nutti dhufe, kallattiidhaan duula nu ajjeesuu lafa keenyarraa nu dhiibuu nurratti labsatee dhufe. Toora nagaa keenyaa nurkaa rukutee toora namummaa keessaa nu baasuttis fuulleffate. Haalli garboonfataa kaleessaa haguuggii siyyaasaan ala kallattumaan duula ajjeechaa jumulaa nurratti labsate. Adeemsa keessa turre kan garboomsaa kaleessaa mul’ataa ta’uu eenyuyyuu beeka.

Duula Mallasaa daandii siyyaasaa mul’ataa.
“Baay’ina ittiin dhaadattan nii xiqqeessina, bal’ina lafaas xiqqeessuu nii dandeenya” Mallasaa Seenaawwii

Obbo Mallas utuu hindu’in dura dhaadannoo kanaan impaayera Xoophiyaa humnaan bulchaa ture. Gaaffii mirgaa Oromoon gaafatu ukkaamsuuf oladeema hedduu sirna isaa Wayyaanee dhaan dhabamsiise. Qaroo sabaa hedduu galaafatuun eessa buutee isaanii dhabama gochuun Maatii gootaa kaan Maraatummaaf, Kaan beelaaf gadadoo, karaa ilalaa hafuuf saaxile. Madaan Wayyaaneen nu madeesse fayyuufis hinjiru akka fayyinuttis hinmadoofne. Har’a jaarra addunyaa har’aa keessatti lubbuu qabeeyii xixiqqoofuu mirgi lubbuun jiraachuu laatametti nu Oromoof mirgi jiraachuuf dubbachuu yaada ofii ibsachuu dhabuu dhorkatamne.

Adeemsa dhaadannoo Mallas galmaan gahuuf hojiitti seename.

1. Master Plan
2. Marii Stops

1. Master Plan

Karoorri Master Plan qabame Oromoota lafa isaanii irraa fudhatee lafaaf qabeenya dhormaqaa saamuuf dhaadannoo “bal’ina lafaa ittiin dhaadattan hir’isuu dandeenya!” Jedhu galmaan gahuuf kan adda duroomaan hojiitti seenamedha. Master plan isa hangafaa ha goonu male karoora bal’ina lafa Oromiyaa hir’isuuf baafame keessa kanneen jiran hedduudha. Isaan muraasniif qabxiileen mul’atoon, Plaanii Magaalaa, Investment, fi kanneen hedduu maqaa dhahuu dandeenya.

Master plan akkuma oduunsaa bara 2014 bobbaafamen Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoo walitti fufiinsaa gochuun hanga har’aa wal’aansoo jabaa irra Wayyaanee waliin gaggeessaa jira. Qabsoon Uummataa jabaatee Mormii Master plan irratti ha gaggeeffamu malee guututti haqamuun isaa waan argame waan beekamus miti. Lubbuun Uummataa kitilaan lakkaa’amu itti darbe. Oladeema hedduu waraanni Wayyaanee galaafate, sabaaf seerri qaamota ajjeesaa gaafatu hanga ammaa hinargamne. Qaamni uummata ajjeesaa ture kan seera fakkeessii baafatuun daamaa uummata irratti taphatudha. Sun ammas itti fufee. Isa ajjeese seeratti dhiyeessuu irra, qaama ajjeesaa badhaasuun hojii qulqulluu hojjette waliin jechuun yakkamtoonni wal badhaasanii dhiiga uummata keenyatti baacan.

Akeeka Master plan inni hangafaa lafa Oromiyaa keessattuu magaalota galii gurguddaa galchan Xoopiyaaf laachuuf adeemsotaaf waggoota hedduu booda biyya Oromiyaa jedhamtu dhabamsiisuuf project maallaqa guddaaf akeeka badiisa biyya Oromiyaaf Oromoo irratti fuulleffate bobba’edha. Karoorri biyya Oromiyaa balleessuun Xoophiyaa Keessatti cafaqanii dhabamsiisuuf Xoophiyaa biyya cunqursituu namaa Keessatti awwaaluuf taasifame wagaga 50 akka itti fudhatuu Mallasaan dubbataa turan. Kana irratti miidiyaa biyya keessaan “karoora Waggaa 50 qabannee jirra” jechuun sirna gaddaaf gadadoo akkaataa uummaata irra tursan utuu hindu’in dubbataniiru.

Akeeka Mallasaa hojiitti hiikuuf dhaadannoon bixxillee isaaniif bobboca isaanii OPDO “karoora jaallee Mallas galmaan geenya” jechuun karaa Raadiyoo Oromiyaa bapballoomsaa dhaadataa turuu isaanii eenyullee kan wal falmisiisu miti. Sanuma galmaan fahuufis gaarii fakkeessanii bara 2014 keessa Master plan akka hojiirra ooluuf uummata Oromoo sossobaa turuun, Akkasuma maal fiddu jechuun waraana uummatatti bobbaasuun lubbu kuma dhibbootaan lakkaa’amu dhabamsiisan. Adeemsa lubbuu hedduu oladeemaa qaroo sabaa nu dhabsiise dhaadannoo Mallasaa galmaan gahuuf kan jecha nama tokkoo galmaan gahuuf uummata dila irratti muryeeffame ta’uu eenyullee beeka. Dhaadannoon “bal’ina lafaa ittiin dhaadattan xiqqeessuu dandeenya!” Jedhu ammas itti fufee jiraachuu akka hubattan barruu kanaan isin hubachiisuun fedha.

2. Marii Stops/Qusannaa Maatii

Akeeka Marii Stops ergama dhokataa qabatee uummata Oromoo keessa shullisaa turee itti jira. Ergamni dhokataa waajjira qusannaa Maatii duuba jiru kan tikoota Wayyaneen itti yaadamee biyya Keessatti hojjetaa tureef jirudha. Waajjirri kun Tika Mootuummaa Wayyaanee faranjoota dabalatee irratti bobbaa’anii kan lafa ka’anidha. Gumeen/project kun adeemsa dhaadannoo Mallasaa “baay’ina nama keessaanii xiqqeessuu dandeenya jedhu alkallattiin hojiitti hiikuuf kan biyyatti keessa tamsa’edha. Toora kana galmaan gahuuf waajjirichi Oromiyaa keessa dhibbantaa 99%, Tigiraay keessa dhibbantaa 1% (fakkeessiif akka waan bu’aa uummataaf yaadamee gaaffii ka’uuf kunoo Tigiraay keessayyu dhaabnee jirra jechuun ofirraa deebisuuf/Defence gochuuf kan garagaarudha. Adeemsa ” Qusannaa Maatii” jedhu galmaan gahuuf miseensonni OPDO guutummaatti keessa seenuun ajandaa fakkeessii irra keessaan bu’aa uummataaf kan oolu fakkeessanii, wal hormaata namaa kutuu irratti fuulleffatani. Balaawwaan hedduuf gaaga’ama hedduufis Oromoon waajjira kanaan saaxilameera.

Adeemsa kanaan balaan uummatarra dhaqqabe
√Baay’inni dhalattoota Oromoo dhibbantaa 50’n gad bu’eera
√Gaaga’amaa fayyaa gadameessa dubartii irratti fide
√Hedduminni daa’immannii dhibbantaa 85 ol xiqqaachuun egeree uummatichaaf yaaddoo ta’uu
√Maseenummaa
√Dhibeewwan gaaga’ama ulfaa, irraa bahuuf daa’imman sammuu gahaa qaban dhalachuu dhabuuf illee qorichoonni laataman saaxilaniiru

Adeemsi qusannaa Maatii kuulamee irra keessoon gaarii fakkaatee, “maatii nagaaf gamamachuu qabu horachuu” ajandaa jechuun barsiisamaa hormaata dhala nama (Oromoo) kutuurratti fuulleffatan. Ilmaan Oromoo kana mara damdamatanii dhalatan ammoo, dhukaasaan Agaaziin ajjeesuun baay’inni Oromoo dabaluurrayyuu akka xiqqaataa adeemu irratti hojjetamee hojjetamaas jira. Kana kan tatataffiin hojjechiisaniif dhaadannoo “baay’ina nama keessanii xiqqeessuu dandeenya” kan namni dhuunfaa jedhe galmaan gahuuf lubbuu uummataatti firdii jallataa faradan. Utuu ta’eetii mootummaan aantummaa Uummataa qabu, tooftaalee jireenya sabaasaaf adeemsa of danda’uu uummatasaa irratti kan hojjetuu male, qaamni uummata Oromoo yaaduuf Oromoof hojjetu dhibuurra hormaatasaa kan kutu qofti wal ijaaree ajandaa jallataa waaqa birattillee cubbuu ta’e ulfa ittisuu irratti fuulleffannaan hojjetame. Kun dhaabbatuu qaba!

“Guutee si agarsiise, huursee si dhageessise, yoon si nyaadhe cubbuu qabaa?” Jedhe bishaan.

Wayyaanee har’aa.

Wayyaneen har’aa, qaama kokkolfaa uummata nyaatudha. Qaama kana cimee uummanni ofirraa ittisuu baannan qamaa bool’a isa buusidha. Qaamni Wayyaanee ammaa waan aantummaa sabaa qabu fakkaatee bobba’e.kanaafan “Waraabessi kaleessaa Yuusaa Loon nyaata, inni har’aa akka Loonii mar’ataa Loon nyaata” jedhe. Wayyaanee kaleessaa Wayyaanummaa isaa raageessaa mul’atee Oromoo daguugaa ture. Inni har’aa bifa beekaa Oromoo jedhamuyyii dogoggorsuuf gowwomsuuf danda’uun hojiitti seene. Adeemsa kanaanis uummata Oromoo fakkaatanii hojiitti jiru. Badii uummatarra gahu dhaabsisuurra afaaniin uummata mirqaansuu qofaan umurii garbummaa qancarsuun gidiraa uummatarra tursuu irratti hojjetaa jira. Adeemsi Dr. Abiyyi Ahemad akkasuma Lammaa Magarsaa adeemsa dhokataan Uummata nyaachuudha, balleessuudha, lafa uummataa dhoksaan saamanii saamsisuudha. Kanaafis afaan toluuf afaaniin uummata waan tumsaniif Wayyaanee (TPLF) waliin akka waan wal dhabanii ykn walii hingallee fakkaatanii, duuka buutonni isaaniin akka waan isaan Wayyaanee irratti qabsaa’aa jiranii fakkeessanii afarsuuf. Waanuma hinjirre uumanii “team abeluu” jechuun gurra uummataaf laphee Uummataa bituu irratti fuulleffatan. Dhugumatti erga TLPLf irratti qabsaa’u uummataaf hojjetu ta’ee qaama uummata miliyoona walakkaa buqqaasisee, kuma dhibbootaan ajjeese seeratti dhiyeessu ture. Hojiin Wayyaaneen hojjetaa turte dhibbantaa walakkaa ofiisaaniitii waan dalaganiif badii kana dura dalagameef gaafatama seeratti wal dhiyeessuu yaaddoo qabu. Darbees amma jiranitti nyaatanii warra baduu barbaadan waan ta’eef aantummaa sabaaf yeroo hojjetanirra kan dhaabasanii TPLF tumsuuf isaaniif dalaguun dirqama bobbocamuu isaanii bahatuu itti fuulleffatan. Rakkoo Uummataa furuu irra afaan qofaan “qaama isin ajjeesaa jiru qorannee seeratti dhiyeessina! Seeratti dhiyeessuuf qorachaa jirra” jechuun lubbuu namaatti qoosuu irratti hojjetaa jiran.

Har’a karaa dhoksaa maaltu adeemaa jira?

1. Waajjira Misoomaa
2. Waldaa Liqiif Qusannaa Oromiyaa (WLQO)

Jaarmiyaaleen olitti eeraman waajjiroota kumoota dhibbaan lakkaa’amuun Oromiyaa keessa socho’aa jiru. Hundi isaanii ergama dhokataa qabatanii socho’aa jiru. Ergamni isaanii maqaa isaanii waliin wal fakkaata miti. Irra keessoo bu’aa uummataaf hawwaasaa bal’aatiin uummata Leenjisanii uummata marmaranii of jala galfatu. Adeemsa siyyaasaan deegaaf gadadoo iyyumaaf saaxiluun hojjetuu irratti ammoo argamu.

1. Waajjira Misoomaa

Waajjirei Misoomaa Oromiyaa Keessatti waggoota dheeraa dura dhaabbate. Waajjirri kun biyyatti Keessatti saamicha hedduu gaggeessuun beekama. Waajjira kana maqaa Misooma baadiyaaf magaalaan kan hojjetu ta’ullee, gabaasa sobaa waan hinojjenne gabaasee baajeta waggaatti uummataaf ramadamu daamuu irratti hoggantoonni waajjirichaa bobbaafaman. Hogganaa waajjiraalee Misoomaa kana hedduu isaanii kanneen gahumasa bulchiinsaaf barnoota akkasuma aantummaa sabaa hinqabneen kan adeemu,
√ daandii uummataaf baasuu
√ bishaan dhugaatii uummataan gahuu
√ tajaajila Ibsaa si’ataa uummataaf diriirsuu
√ manneen barnootaa uummataaf ijaaruuf guututti tajaajula hawwaasaa si’ataaf ammayyaa uummataaf dhiyeessuu kan jedhuun gadhaabbatanii jiru. Waajjiraalee biyyattii keessaa baajeni Guddaan isaan kanaaf kan ramadu maqaa uummata magaalaaf baadiyyaa akkasuma aanaaleef gandoota baadiyyaan waggaa waggaan bobbaafama.

Waajjirri kun maqaa uummataan ha Socho’u malee waggoota kurnootaan lakkaa’amaan kana Keessatti tajaajila uummata Oromoo taasise hinqabu jechuu nu dandeessia. Waajjirri kun haalaan kan hojjetu erga ta’ee baajeta bishaaniif miliyoonaan uummataaf mootummaan waggaa waggaan ramaduun akkasuma maqaa kaffaltii ji’aa bishaan dhugaatiif ibsaa magaalaan uummatarraa mallaqa sassaabaa tureen taajaajila hawwaasaa guutummaatti kan uummata mara biraan gahu danda’u hanna taasisaniin hanga ammaa baadiyyaan hafee magaaloota gurguddoo godinaaf bishaan dhuugaatii qulqulluu laachaa hinjiru.
..kutaa 2 ffaan itti deebina

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts – June 6, 2018

Aside

OROMO LIBERATION FRONT (OLF), Press Release

Aside

The Oromo Liberation Front held a successful Policy Consultation Conference from June 2 – 5, 2018 at the Organization’s head quarter in Asmara, Eritrea.

• Cognizant of the current pressing issues and apparent political crisis in the Ethiopian state;
• Aware of the historical obligation bestowed up on the Oromo people and its vanguard organization,
the OLF, to avert the looming political crisis in the region in general and in Oromia/Ethiopia in particular;
• Concerned of the recklessness the incumbent ruling TPLF/EPRDF regime exhibits in the face of the ongoing crisis and its lack of Ernst readiness to play its part to work for lasting solution and overcoming the socio-economic and political conflicts that had been raging for over a century;
• Very well conscious of the potential eventualities that could result from the, currently, unpredictable political discourse in contemporary Ethiopia;
• And firmly believing in the need for a transitional arrangement that could address the outstanding issues in which all stakeholders participate;

The Oromo Liberation Front is seriously considering the imperatives for preparing policy directions on the overall resolution of conflicts in the country. To this end, OLF tasked Oromo intellectuals of various disciplines with the duty of preparing professionally researched documents and policy
recommendations that align with the organization’s Political program.

The attendees of the Conference included highly esteemed Oromo intellectuals from the United States, Europe, and Australia, members of the OLF Executive committee & some of the Central Committee members stationed in the area, commanders of the Oromo Liberation Army (OLA) and former OLF high officials who are also the founding veterans of the Organization.

The Oromo Liberation Front believes that such high-level Undertakings are crucial to the creation of a stable as well as legitimate political system and, is committed to the attainment of the grand endeavor.

It is with this in mind, that the OLF reiterates its willingness to work with all political forces that are equally committed to the peaceful resolution of conflicts under discussion. The OLF, therefore, calls upon those political forces in Ethiopia including national and international stakeholders to contribute their share to this relentless struggle for freedom, justice and democracy.

The conference was concluded after four days of deliberations by identifying major policy recommendations and suggesting to the need for the next round of a likewise event with more Scope and intensity.

Victory to the Oromo People!
Oromo Liberation Front
June 5, 2018
Asmara Eritrea