√ Qeerroo/dargaggoota sochii keessatti hirmaataa turan muuduu
√ Qabsaa’ota jaarmiyaa ABO jala jiran, shiraaf gowwomsaan harkaa baasanii ABO miseensa ala gochuu
√ Holola ABO irratti oofuun qabsoon laaffisuu
√ Shira shiranii qabsaa’ota dimokiraasii (KFO) caccabsuun bakka lama gochuu, kun ABO irratti adeemuuf jedha.
√ Haamilee uummataa buusanii, qabsoon ABO bibbitineera, waraanni haalaan hidhate hinjiru. ABO harkaa kennateera isinis harka kennadhaa uummataa jechuun
Qabtiileen kun qabxii diinni Oromoo Wayyaaneen xiyyeefatee irratti hojjetaa jirudha. Qabxiileen kun haala ammaa kanaan kan galma yaadan gahan taanan balaa guddaa nutti fidu, garbummaa keessaa bahuu hindandeenyeef akka nu saaxilanitti itti jirama.
Qabsoon uummataa balleessuuf dadhaban laaffisuuf hojiin Wayaanonni itti jiran kun kan har’aa utuu hintaane durumaa kan irratti hojjetaa turanidha. Agartuu Qeerroo xiyyeeffannoon jala bu’aa hanga qaroon isaa argeef odeeffatetti uummataan shira Wayyaanee gahaa ture. Ammas isiniin gahuuf duubatti hinjedhu. Qabxiilee olii tokko tokkoon ha ilaallu.
1. Qeerroo/dargaggoota sochii FDG keessatti haalan hirmaataa turan muuduu.
“Adeemsi muudama Qeerroo akkasuman kan ta’u miti!” Jedha kaabineen amanamaan na haasofsiise. “Qeerroo tarsiimoo keenya tole jedhee fudhatu kan Mootummaa keenya fuulduratti aangoo irratti tiksuu danda’uuf amanamaa nuu ta’u ta’uu qaba. Kana taasisuuf ammoo haalaan haaromsa gadi fagoo keessatti cuunfamee tarsiimoo qabsoo keenya (OPDO) fudhatee itti erga amanee booda muudamee biyyatti gaggeessaa” naan jedhe.
Odeeffataa ykn hawwaasa akkasuma akka dargaggoo tokkootti haalicha isaan ittiin Muudaa jiran hubachuuf tattaaffiin taasise, egereef nama basaasaa ta’u oomishachuuf taattaafataa jiraachuu isaaniiti. Haalli Leenjii Adaamaatti ta’amaa jirus sanarraa qabee akka hojiirra oolu taasifame. Project Guddaan maqaa Qeerroo Muuduun qophaa’e Mujula fuula 90 olii irratti katabamee tarsiimoo mataasaan adeemaa jira. Adeemsa keessa jaarmiyaa haaraan Wayyaanee keessatti oomishamuuf mul’anni jiraachuu, jaarmiyaan oomishamu sun ammoo Moosajii/basaasaa/tika bifa addaan Mootummaa sana utubuu danda’u oomishuu akka ta’e himama. Adeemsa tika horachuu kana keessatti, harka hedduun Oromoo ta’anii akka Oromiyaa keessatti bobbaa’uu qabaniif ilmaan Oromoo gadadoon hiyyummaa irra bubbule kanneen mooraa Yuunibarsiitii eebbifamanii waggoota dheeraaf haamilee cabanii qe’ee ta’aa jiran haala salphaan maallaqaan gowwomsachuu akka dandaa’anitti tarsiimoon sun qophaa’e.
Kana irraa ka’uun Leenjii Adaamaa irra jireessaan eebbifamtoota Yuunibarsiitii irraa eebbifamanii qe’ee ta’aa jirantu dhaqee lafa dhiphisaa jira. Dargaggoonni Leenjii isaanii fudhataa jiran kunneen summii/Maphia(jibba) ABO fi qabsoo Oromoo akkasuma jaalal Xoophiyaa barsiisamu. Akka Xoophiyaaf bakka laachuu dandaa’anitti seenaa kijibaa barsiisamu, seenaa kijibaa sanaan Xoophiyaa abboota keenyatu ijaare jechuun bahanii uummatas akka leenjisuu dandaa’anitti leenjifamaa jiru.
Kanaaf uummanni akeeka Wayyaanee (OPDO) kana sirriitti irra dammaquu qaba. Dargaggoonni qooda fudhattanii leenjicha irratti argamtanii jirtanis ilaallataa adeemaa. “Ilaallataa sirbaa warri kan keenyaa jette Hantuuti” jedhama.
2. Qabsaa’ota jaarmiyaa ABO jala jiran, shiraaf gowwomsaan harkaa baasanii ABO miseensa ala gochuu.
Hojiin biraa, tiki Wayyaanee irratti hojjetaa jiru inni olaanaan, ABO balleessuu yoo dadhabe miseensa harkaa tokko tokkoon yaafatee irratti duulchisuudha. Kana gochuuf ammoo qaamota seeraaf naamusa dhaabaan ala socho’anitti dhimma bahuun, akeekaaf tarsiimoo harkaa rukutee shiraan miseensa ABO harkaa yaasuuf bobbaafamanii jiran.
Duula kana torbanoota kana keessa haalaan hojiirra oolchaa jiru. Keessattuu qabsaa’ota mana hiraarsaatii bahan ashooshiluu, “qabsoon keessan firii godhateera, kottaa ? waliin hojjetnaa! Amma gadaan gadaa tokkummaati!” Jechuuf ol kaasanii leellisanii ABO harkaa baafachuuf ganamaa galagala qabsaa’otatti jaarsummaa ergaa jiran. Adeemsa kana keessatti dandaa’an ofitti makachuuf hedduu carraaquudha. Akkasuma akkasaan sochii kamittuu hirmaachuu hindandeenye gochuuf xiinsammuu/ideology isaanii irratti taphachuuf “kana booda ati hayyuudha, gorsa hayyuu tokko irraa eegamu uummata keef taa’ii kenni malee, waa’ee siyyaasaa keessatti umuriikee hinfixin!” Fi jechoota hedduun akkanni manatti galee taa’u gochuu irratti argamu.
Akeeka kana salphaatti kan ilaallu ta’uu baatus qabsaa’onni haqaa hanga du’aatti irbuu jaala isaan biraa kufeen walii galaniif akeeka jaallan isaanii gammoojjii keessatti dhabamee galmaan gahuuf yeroo kamuu kutatoo ta’uu waan beeknuuf kanaan akka hinmilkoofne nuu galus irratti dammaquu akeeka kana hubachuu feesisa.
3. Holola ABO irratti oofuun qabsoon laaffisuu
Gartuun hololaa waggoota dheeraa hololaan ABO irratti duulaa turan. Gartuuwwan hololaa alaaf keessatti wal ijaaran kunneen holola dharaaf fakkeessiin ABO irratti duulaa jiran. Kana keessattis “Qawween jaarraa ammaa kanatti hinbarbaachisu” jechuun dhara dhugaarraa fagoo uummatatti afarsaa oolu. Gartuun kun yeroo akkanaan uummata keessa adeemee gorsa daamaa xinsammuu uummataarratti hojjetu kennutti, gama kaaniin ammoo Agaazii uummatatti naqee dhukaasaan ardaa Oromoo golgoleessaa, waraana Oromoo ykn WBO ammoo hojiisaa vusheessuuf jaarran Qawween uummata fixuuf fichisiisuu hafeera jedha. Gama tokkoon akkana jechaa biyyota alaa irraa ammoo Xiyyaara Waraanaa galfataa jira.
Uummanni keenya fakkeessii Wayyaanee (Dr. Abiyyii) fi OPDO(Lammaa Magarsaa)f bakka laachuun bolla hingalle of buusuudha. Hojiiwwan isaan hojjetaa jiran waanuma humni uummataa hojjetedha malee kan isaaniis miti. Qabsoon uummataa irra galagala jiraachuu arganii qabsaa’ota qubaan lakkaa’aman mana hiraarsaatii baasanii kanneen ukkaamsan ammoo ammayyuu irra taa’anii huskii dhugaa baacaa jiraachuu hubatuu qabna.
4. Shira shiranii qabsaa’ota dimokiraasii (KFO) caccabsuun bakka lama gochuu, kun ABO irratti adeemuuf jedha.
Akeekni kun jaarmiyaa ykn dhaabolee siyyaasaa Oromoon jaallatuuf qooda qabuuf kanneen haqa uummataa akka heera biyyattiitti karaa nagaa deebisuuf Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin hojjetaa turan KFO irratti fuulleffata. KFO irratti duula bananii KFO dadhabsiisuuf caasaa fakkaatu alaaf keessaa galchanii jaalala KFO bakkoota hedduutti caccabsuuf tattaafatamaa jira.
Shira KFO dadhabsiisuu kanaan bu’aa Filannoo booda darbuu isaan dandeesisu argatu. Akeeka filannoon fuulduraaf haala mijeeffataa jiru. Kanaaf ammoo qamaa maqaa uummata Oromoon socho’u baayisanii filannootti seenuuf jedhu. Boorsiin filannoo qaamolee maqaa Oromoon filannoof dhiyaatan hedduu akka galmeeasuufis shirri xaxamaa jira. KFO fakkaatanii kan socho’an oomishuu cinatti KFO bakka lamatti cabsanii abdii uummanni Oromoo achiin qabu jaamsuuf tattaafataa jiran. Kana irratti dammaqinaan ilaaluuf hordofuu nu feesisa. Qaama mormituu KFO fakkaatanii maqaa Oromoo moggaafatanii dhufaa jiran fageessinee haalaan hubachuu nu gaafata.
5. Haamilee uummataa buusanii, qabsoon ABO bibbitineera, waraanni haalaan hidhate hinjiru.
Haamilee uummataa rukutuuf amallee hojiitti jirama. Kanaan ammoo jaalala uummanni ABO irraa qabu balleessuuf akka waan ABO badeetti odeessuuf tattaafatuu itti fufaa jiru. Wayyaanonni Qaama ABO fakkeessanii maqaa ABO itti hodhuun ofumaa biyya alaatti bocanii waggoota dheeraaf dhabamiinsa ABO irratti hojjetaa turan biyya galchuutti jiru. Qaamota kanaan ammoo miidiyaa irratti baasanii akka isaan holola haamilee uummataa xuqu dubbataniif abdii uummata kutachiisuuf ABO’n kunoo harka laate jedhee uummanni akka callisu gochuu irratti xiyyeeffatamaa jira. Haamileen qabsaa’aa yeroo kamuu kan buutu ykn laaffattu miti. Kananis akka isaan hinmilkoofne cimsinee hojjechuuf wal hubachiisuu feesisa.
Maatii irratti TPLF qabsaa’ota diiguu/dadhabsuu irratti hojjetaa, harka biraan ammoo qaama biraa fakkeessanii diina Oromoo Godinaa gara godina biraatti jijjiiruun uummata sobaa jiru. Akeeka diinaa kana irra aanuuf FXG filmaata keessa deebii hinqabne dha.
Horaa Bulaa
Qalbeessaa Dhangi’aa tiin
Waxabajji 7,2018
Finfinnee Oromiyaa