Sadaasa,22,2017
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
“Galgalli Harree Waraabessa” jedha Oromoon. Harreen utaaltes, guluftes gaafas Waraabessa baatus du’a ooltii? Duutummoo Waraabuu foonessuu dhiisaa? Kanumaaf uummanni keenya mammaake.
Waa malee hinjenne. Amma biyya keessa jiraannu keessatti cunqursaan saba keenya Oromoo fi saboota cunqurfamoo impaayera biyyattii irratti daran jabaatee jira. Cunqursaa sana ofirraa kaasuuf yeeroo uummanni waloodhaan gaara garbummaa dhiibu argaa jirra. Gaarri uummata jala dhaabataa? Gaarri uummataan dhiibamu jiguu hinafu. Qabsoon uummanni keenya humna afaan qawwee guutuutti hidhatee sochoo’u faana gochaa jiru qabsoo jabduudha. Galma nii ga’a. Nii injifanna!
Qabsoo kanaan hidda Wayyaanee kukkutee muka jabaa Tigiroonni abdattu TPLF gogksuutti jirra. Mukti gammoojjii saaramee fayyaa? Mukti Tigirootaa kunis haa badan fayyuu hindanda’u. Gogee golgolaa’uunsaa dhiyoodha. Amma baala buusuuf daandii qabeera. Gogee akka dhabamu shakkii hinqabnu. Uummanni keenya jabaa kan ofiin jedhee addunyaa raasuuf abbalaa ture sochoosuurra tortorse. Daraaraa garbummaa kutaa jira. Garbummaa biyyattii keessatti daraaraa jiru kun yeroo dhiyootti cita. Daraaraan cite firii hingodhatu. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk