SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Sadaasa 14, 2017

Aside

SBO Sadaasa 15, 2017. Oduu, Mootummaan Abbaa Irree wayyaanee shira Xaxaa jiruun ammas irra deebi’e. Oromiyaa Bulchiinsa Waraanaa jala galchuuf ijibbaataa jira kana irratti Ijoo Dubbii ABO irraa laatame.

Aside

Guutummaa Oromiyaa Keessatti Fincilli Xumura Garbummaa Adeemaa Jira.

Aside

Sadaasa,14,2017
Oromiyaa keessatti fincilli Xumura garbummaa kan uummata Oromoo Guutummaa makate finiinaa jira. Fincila amma adeemaa jiruun Wayyaaneen kiyyoo keessaa bahuu hindandeenye ta’aa jira. Gaaffiin mirgaa karaa nagaa uummataan gaafatamaa kan jiru yoo ta’u, Qawweef meeshaawwan waraanaan doorsifni Wayyaaneen gootus ittuu jabaatee adeemaa jira. Haa ta’uutii qawween Wayyaanee gaaffii haqaaf gaaffii mirgaa gaafachuurraa uummata dhaabaa kan hinjirre ta’uu uummatni waloon bahee fincila inni taasisaa jiru ragaadha. Continue reading