Gogaa Saboota ollaa Oromiyaan Daheffatanii OromooIirratti Waraana Labsuun Dhaabbatuu qaba!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 26, 2017
Biyya impaayera Ethiopia keessatti sirni garboonfataa hidda gad jabeessee jiraatuun haaraa miti. Sirna garboonfataa abbaa Irree Wayyaanee waggoota 26’f ilmaan Oromoo fi saboota cunqurfanoo impaayera biyyatti haalmalee saamuun biyyattii irratti rakkoo hamaa geessisaa yoona gaheera. Yakkoota ilmaan Oromoo irraan gahaa turan keessaa hayyoota dhabamsiisuu, hidhuu, reebuu, Shamara Gudeeduu keessatti project hamaa hojjetaa turuun Wayyaanotaa beekaamadha. Haaluma kanaan oladeemaa Oromoo mooraa Yuunibarsiitiif manneen barnootaa irraa sektaroota mootummaa garaagaraaf hawwaasicha keessaa adamsanii qabanii lubbuun dhabamsiisuu irratti hojjetaniin lubbuu isaanii yoonaa gahatanii jiru. Keessattuu gocha mana hidhaa keessatti ilma namaa irraan gahaa turanif itti jiran yaadannoo sammuu namaa keessaa bilbiludha. Ilma namaa fannisanii guyyoota dheeraa dararuu, torch godhanii xiinsammuu isaa hadoochuuf yaaluu, limmoon quba namaa waraanaanii dhibee daddarboo kanneen akka HIV fii kabiroof saaxiluu, bakka namni hinargine geessanii bosona keessatti ajjeesuun al-awwaala gochuun maatii karaa eegsiisaa, biyya karaa ilaalchisaa hanbisaniiru. Kun keessattuu sabboontota akka Nadhii Gammadaa, Artist Jireenyaa, Hayyicha Dabbasaa Guyyoo fi oladeemtota barattoota Yuunibarsiitii Finfinnee Adaamaa, Wallaggaa, Madda Walaabuu, Haramayyaaf Jimma dabalatee Yuunibarsiitoota danuu keessaa dhabaman danuun yakka garajabummaa Wayyaaneen bakki buuteen isaanii dhabamee jiraachuun beekamaadha. Yakka kana yakkoota sammuu Oromoo umurii guutuu dararaa hanbisan yakkoota aarii hamaa keessatti nama hanbisan dalagaa turtee jirti. Keessattuu qote bultoota lafa irraa buqqaasuun duroomuu, qee’ee isaarraa buqqaasuun beenyaa gahaa tokko malee maatii karaarraas nu gootee jiraachuun beekamaadha. Har’as yakkoota sana fardeessitee jirti. Qabsaa’ota haqaa, Artistoota Oromoo fii Oromoo hedduu Oromummaasaaf yakkamuun manneen hidhaa keessatti dararamaa jiru. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk