Sabboonaa Oromoo beekamoofi jaallatamoo Obbo Huseen Dhaabaa Gimbii addunyaa kana irraa torbee darbe caamsaa 05/2017 du’aan boqotan. Obbo Huseen Dhaabaa godina Wallagga lixaa aanaa Beegii magaalaa Koboritti kan dhalatan yommuu ta’an sababa Oromummaa isaaniif deeggaraa ABO ti jedhamuun hiraarsamaa turani. Obbo Huseen bara mootummaa dargii keessa waggoota 6f magaalaa naqamteetti hidhamanii turani. Bara mootummaa garboomfattuu Wayyaaneettis yeroo garaagaraatti ABO deeggarta jechuun akka hidhamaa turaniifi waggoota sadiif Mana hidhaa Wayyaanee turani. Obbo Huseen fincila xumura gabrummaaf dargaggoota kakaaste maqaa jedhuun hiraarfamaa turani. Obbo Huseen maanguddoo ganna 65 kan turan yommuu ta’u hamma lubbuun jiranitti man’ee ABO fi WBO gorsaafi maallaqaan nama deeggaraa turani.
Monthly Archives: May 2017
Waraannii fi Milishoonni TPLF Godina Arsii Aanota Mara Keessatti Walgahii Sardaa Irra Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Haxxummaa miti hattummaadha.
Aside
Dachaasaa Deebisaati
Qabsoon daandii walxaxaa keessa akka tartu gorsaawwaniifk itaaboota tokko tokkorraa akkasuma mudannoowwan ijaan argurra hubachuu danda’eera. Bu’aa ba’ii sana qaxxaamuranii kutanii akeeka mana bahan sana bira gahuun Qabsaa’aa tokko Obsaaf booree gaafata.
Nama obsa qabutu injifata,nama booree qabutu kaayyoo isaa cina dhaqqaba. Kaleessa dheengadda wareegamtoonnii Qeerroo Bilisummaa kanneen akka Dirribee Jifaar, Jagamaa Badhaanee, Gaaddisaa Hirphaasaa, Alaamayyoo Garbaa, Fikkf cichoominniif kutannoon isaanii kaayyoon lubbuu isaanii wareeganiif inni guddaan Oromiyaa ijaaruufi maqaa Oromiyaa addunyattii mul’isuuf Faajjii Oromiyaa Alabaa biyyatti addunyaatti agarsiisuuf ture. Xurree isaan irra ademaa turan xurree dhugaati, dhugaa qabatanii lafa dhugaa dhaqan ‘ ekeraan isaanii Daadhii haa dhugu’ jechaa nama gumaa isaanii baasu waaqayyoo nuun haa taasisu. Maarre ergama isaanii kana mul’ata isaanii, mul’ata wareegamtoota Oromoo kanneen Shiftaa Sumaaleen dhumanii sana galaana dhuunfaa sanatti darbatanii culluxxoo ofittummaa seensisuun
oftulummaadha. Continue reading
Godina Arsii Magaalaa Saguree Keessatti Qophii Ispoortii Irratti FXG Ka’uu Mala Jechuun Warraanni TPLF Hedduminaan Bobba’e.
Aside
Caamsaa 9,2017/ Godina Arsii Aanaa Digaluuf Xijjoo Magaalaa Sagureetti Shaanpiyoonaan Ispoortii Aanota godina Arsii Guyyaa Har’aa wiixata 8/2017 Eegalee kan jiru yoo ta’uu Poolisoonni Wayyaanee Galgala kana Ummata Daandirra socho’uu dhoorgaa jiraachuu Oduun Qeerroo Saguree irraa arganne addeessee jira.
Aside
Caamsaa 8,2017/ Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Bushooftuutti ergamtoonni Wayyaanee hanga gandaatti jiran hunda maqaa gamaaggama hojii ji’a sagalii jedhuun marii teessisaa jiru.Wal gahichi garuu kan gaggeeffamaa jiru.Bushooftuun Oromiyaa taatee osoo jirtuu Afaan Amaaratiini gaggeessaa jiru. Continue reading
Aside

“Itti Fufa Qabsoon” Concert in Johannesburg Hawaii H Qananii, Jafar Yusuf & Caalaa Bultumee
Aside
ONN
Aside
Wayyaaneen TPLF Qalbii Ummataa Butachuuf Jedhcha Shira OPDO Keessaan Xaxaa Jirtu Itti Fufee Jira.
Aside
Caamsaa 7,2017/ Godina Arsii Lixaa Aanaa Wandootti OPDOn dargaggoota hojii dhabeeyyii miseensota ofii gochuuf Qalbii dargaggootaa hatuuf tattaafataa jirti.Aanichatti Kaadiree wayyaanee hojii dhabdoota jechuun baajaajota bitanii kennuufidhaan
dargaggootan baajaajiis ta’e konkolaataa hojii isiniif binnaa koottaa gurmaayaa miseensa Dhaabaa ta’aa jechuun kaabinoota gandaatin kadhatamaa jiru.
Gama biraan Godina Arsii Aanaa Siree Keessatti Wayyaaneen Miseensa Inshuraansii fayyaa maqaa jedhuun lallabaa turuu isii gabaasuun keenya ni yaadatama. Guyyaa har’aa kanallee Dilbata Ummata maqaa kanaan walitti qabanii siyaasaa isaanii bakka duritti deeffachuudhaaf Lallabataa oolanii jiru.Ummannis gaafii babbareedoo haala yeroo ammaa Oromiyaa fi Ummanni Oromoo keessa jiruun Mataa Ergamtoota wayyaanee dhukkubsaa oolee jira. Continue reading
ONN “Manni Seeraa, aadaa Oromoo Diigge, ni Balleesse” – Hayyuu Seeraa, obbo Tashaalaa Abarraa
Aside