Caamsaa 18,2017/Godina Arsii Aanaa Jajuu Magaalaa Arbooyyee keessatti Dubartoota maqaa koonfirasii Dubartootaa jedhuun wal gahii teessisaa jiru. Magaalaa Arbooyyee keessatti koonfiransii Dubartootaa jechuun itti gaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa aanaa Jajuu Geetaahun Nugusaalam kaabinoota aanotarraa dhufan wajjiin ta’uun olola siyaasaa isaanii babal’ifachuuf dubartoota gandoota hundarraa walitti qabee wal gahii teessisuun.
Manneen keessan keessatti Abbootii manaa keessanii fi ujoolleen teessan humnoota badii jala deemudhaan kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo ABO galmaan gahuuf akka hin sochoone isin debartoonni gaheen guddaan maatii hoogganuu isin harka waan jiruuf akka maatii keessan gocha badiitirraa dhoorgitan yoo humna keessanii ol ta’anis mootummaa quba qabaachisuun akka karaa mootummaatin gorfaman godhuu qabdu ta’uu baannan maatiin keessan akkuma waggootan lamaan darbe argitan akkuma baheen isin jalaa hafuu danda’u hojiin isaanii Continue reading


