SBO: Caamsaa 10 bara 2017. Oduu, Qophii Haala Yeroo Irratti Fuuleffatee fi Gaaffii fi Deebii Jaal Geessisaa Kuusaa waliin taasifame -Kutaa xumuraa, Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Caamsaa 9,2017

Aside

Godina Gujii Lixaa Aanaa Qarcaa keessatti Ummanni Dirqamaan Gibira Kaffalchifamaa Jiru.

Aside

Caamsaa 9,2017/ Godina Gujii lixaa Aanaa Qarcaatti Wayyaaneen Ummata dirqamaan mana manarra deemtee gibira kaffalchiisaa jiraachuun dhagayamaa jira.Akka Oduun achii arganne addeesitutti daldaltoota magaalaa fi hanga Qotee bulaa baaddiyyaattii dirqaman mana manarra deemanii gibira humna isaanitii ol kaffalchiisudhaaf dirqisiifamaa akka jiran maddeen Oduu Qeerroo naannawa sanii gabaasanii jiru. Continue reading

Sabboonaan Oromoo Obbo Huseen Dhaabaa Godina Wallaggaa Aanaa Beegii Magaalaa Boqotan.

Aside

Sabboonaa Oromoo beekamoofi jaallatamoo Obbo Huseen Dhaabaa Gimbii addunyaa kana irraa torbee darbe  caamsaa 05/2017 du’aan boqotan. Obbo Huseen Dhaabaa godina Wallagga lixaa aanaa Beegii magaalaa Koboritti kan dhalatan yommuu ta’an sababa Oromummaa isaaniif deeggaraa ABO ti jedhamuun hiraarsamaa turani. Obbo Huseen bara mootummaa dargii keessa waggoota 6f magaalaa naqamteetti hidhamanii turani. Bara mootummaa garboomfattuu Wayyaaneettis yeroo garaagaraatti ABO deeggarta jechuun akka hidhamaa turaniifi waggoota sadiif Mana hidhaa Wayyaanee turani. Obbo Huseen fincila xumura gabrummaaf dargaggoota kakaaste maqaa jedhuun hiraarfamaa turani. Obbo Huseen maanguddoo ganna 65 kan turan yommuu  ta’u  hamma lubbuun jiranitti man’ee ABO fi WBO gorsaafi maallaqaan nama deeggaraa turani.

Waraannii fi Milishoonni TPLF Godina Arsii Aanota Mara Keessatti Walgahii Sardaa Irra Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

 Caamsaa 8 /2017 Godina Arsii Aanota hundatti Wayyaaneen Milishoota hanga gandaatitti Barana ijaaraa Baate Aanota hundatti wal gahii teessisaa jiraachuun dhagayamee jira.Akka Oduun Aanota tokko tokko irraa arganne ibsutti Dhimmi wal gahii kanaa Milishoota ijaaraman kana keessaa kanneen Oromummaaf quuqama qabanii fi hin qabne qorachuun addaan baasanii warra quuqama sabaa qaban hojirraa dhaabuuf akka ta’es maddeen Oduu keenyaa itti dabaluun ifoomsanii jiru.

Haxxummaa miti hattummaadha.

Aside

Dachaasaa Deebisaati

Image result for mischievousQabsoon daandii walxaxaa keessa akka tartu gorsaawwaniifk itaaboota tokko tokkorraa akkasuma mudannoowwan ijaan argurra hubachuu danda’eera. Bu’aa ba’ii sana qaxxaamuranii kutanii akeeka mana bahan sana bira gahuun Qabsaa’aa tokko Obsaaf booree gaafata.
Nama obsa qabutu injifata,nama booree qabutu kaayyoo isaa cina dhaqqaba. Kaleessa dheengadda wareegamtoonnii Qeerroo Bilisummaa kanneen akka  Dirribee Jifaar, Jagamaa Badhaanee, Gaaddisaa Hirphaasaa, Alaamayyoo Garbaa, Fikkf cichoominniif kutannoon isaanii kaayyoon lubbuu isaanii wareeganiif inni guddaan Oromiyaa ijaaruufi maqaa Oromiyaa addunyattii mul’isuuf Faajjii Oromiyaa Alabaa biyyatti addunyaatti agarsiisuuf ture. Xurree isaan irra ademaa turan xurree dhugaati, dhugaa qabatanii lafa dhugaa dhaqan  ‘ ekeraan isaanii Daadhii haa dhugu’ jechaa nama gumaa isaanii baasu waaqayyoo nuun haa taasisu. Maarre ergama isaanii kana mul’ata isaanii, mul’ata wareegamtoota Oromoo kanneen Shiftaa Sumaaleen dhumanii sana galaana dhuunfaa sanatti darbatanii culluxxoo ofittummaa seensisuun
oftulummaadha. Continue reading

Godina Arsii Magaalaa Saguree Keessatti Qophii Ispoortii Irratti FXG Ka’uu Mala Jechuun Warraanni TPLF Hedduminaan Bobba’e.

Aside

Caamsaa 9,2017/ Godina Arsii Aanaa Digaluuf Xijjoo Magaalaa Sagureetti Shaanpiyoonaan Ispoortii Aanota godina Arsii Guyyaa Har’aa wiixata 8/2017 Eegalee kan jiru yoo ta’uu Poolisoonni Wayyaanee Galgala kana Ummata Daandirra socho’uu dhoorgaa jiraachuu Oduun Qeerroo Saguree irraa arganne addeessee jira.