Godina Arsii Aanaa Jajuu Ganda Utaamoo Doojjee keessaa jiraattota hidhamaa jiraachuun dhagayamaa jira.Ebla 20/2017 Ganama naannoo saa’atii 3:00 irratti humnoonni kumaandi poostii jiraattota gandoota Aanichaa keessaa walitti qabee gara Asallaa Fe’uu isaa maddeen Oduu Qeerroo Aanichaa Gabaasanii jiru.akka gabaasa kanaatti sababaan namoonni kuni guuramanii hidhamaniif isin.Isin miseensotaaf deeggartoota Adda Bilisummaa Oromoo ABOti Isin Miseensota ABO ta’uuf ragaan waan ujoollen teessan dalagaa jirtu jechuun namoota lakkoofsi isaanii hedduu guuranii deemuniin himamee jira.namoota ammaaf maqaan isaanii nu bira gahee keessaa 1,Araba Muhaammad 2,Ahmad Aloo, 3, Nashaa Turee 4, Firoomsaa H/ Kadiir 5, Shibbiruu Dabalaa 6, Kimoo Muhaammad kanneen jedhaman keessatti argamu. Continue reading
Monthly Archives: April 2017
Gdina Arsii Anaa Gadab Asaasaa Keessatti OPDOn Ummata Irraa Maallaqa Saamaa Jiraachuun Himame.
Aside
Godina Arsii Aanaa Gadab Asaasaa keessatti OPDOn maqaa Waldaa Misooma Oromiyaa jedhuun ummatarraa maallaqa Saamaa jiru.Ebla 20/8/2009 ALHtti Ummata ganda hundarraa walitti qabuudhaan waldaan misooma Oromiyaa Waldaa mootummaan gaggeeffamuu miti.mootummaan harka keessaa hin qabu kanaafuu waldaan kuni baadiyyaalee hunda keessatti waajjira banataa jira waan ta’eef akka miseensa waldichaa taatanii fi akka buusii buuftan jettee ummata rakkisaa jirti jedha Qeerroon Aanaa Gadab
Ijaarsa Yuunibarsiitii Jimmaa Aggaarootti Eegalee Jiruun Hawwaasi Naannichaa Kaasaa Gaahaa Dhabuun Dubbatame
Aside
Ebla 28,2017/ Ijaarsi Yuunibarsiitiin Jimmaa Aggaarootti eegalee jiraachuun hundaaf galuu baatu muraasi beeka. Ijaarsi kun sadarkaa dhumuu kanarra gahullee, maallaqi kasaaf uummataa dhiyaatu uummataaf laatamaa hin jiruu. kana irratti yoo lafti keenya jedhan reebamuuf hidhamuu,
ajjeefamullee itti jiran. Uummanni Aggaaroo balaa hamaa kana keessaa of baraarsu qabsoon harbaachiisaadha
Aside
Shaalla,Godina Arsii Aanaa Shaallaatti Wayyaaneen dargaggootaaf hojii uumna akkuma jettee kijibaa jirtuun.manneen maxxansaa fi koppii irratti dargaggoota sirnichaaf amanamoo ta’anii fi miseensota isaanii ta’an qofa bobbaasun warra dhuunfaan hojiilee kanneenirratti bobba’an hojii irraa ari’aa jiru.karaa biraatin dargaggoota miseensaaf deeggartoota isaanii hin ta’in osoo hojii irratti hin bobbaasin dararaa jiru
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Ebla 27, 2017
Aside
SBO: Ebla 28 bara 2017. Oduu, Gabaasa Sirna Kabajaa Guyyaa Gootota Oromoo Bakkoota Adda Addaa Akkasumas Yaada Qindeessitootaa fi Hirmaattota Sirna Kabajaa Guyyaa Gootota Oromoo Afrikaa-Kibbaa magaalaa Keeptaawunitti Gaggeeffamee.
Aside
Qeerroon Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaa Ganda Odaa Keessatti Kaabinoota Wayyaanee Salphise.
Aside
Ebla 27,2017/Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaa Ganda Odaatti Maqaa eebba misooma sululaa jedhuun ergamtoonni wayyaanee OPDO Qeerroo aanichaatin salphachuun gara mana isaanititti dacha’an.Sabboontonni Qeerroon Aanaa Dalloo Mannaa bakkichatti Argamuun Nuti isin hin barbaannu isin guyyaa aangoo qabattan kakuun isin kakattan kaayyoo tigree galmaan gayuuf kakattan malee wanti isin kakattaniif hin jirtu nuti bilisummaa barbaanna isin nu gabroomsaa jirtu tigree wajjiin nuti bilisummaa barbaannaa hanga Oromiyaan bilisoomtutti nuti Qabsoo keenna itti fufna jechuun salphinnaan ufirraa galchuu Qeerroon Aanichaa Gabaasee jira
Ilaalcha ABO Qulqulleessinee Karoora Mootummaa TPLF Itti Haadeebinu Jechuun Hogganoonni OPDO Ummata Goyyomsaa Jiru.
Aside
Ebila 18/8/2009 ALHtti Godina Addaa Naannawa Finfinnee Magaalaa Sabbataatti hojii dhabdummaa magaalaa keessaa dhabamsiisuu fi Rakkoo bulchiinsa Gaarii furuudhaaf jechuun dubartoota fi Qaamolee mootummaa walitti qabanii Miseensotaaf Deeggartoota ABO Qeerroo jedhaman bakka hundaa baadiyyaaf magaalaa keessaa Qulqulleessinee humna misoomaa haa ijaarru jechuun marii godhaa oolanii jiru.Wal gahii kanarratti jiraattotni waamaman wal gahicharratti argamuu dhabuun miseensotaaf deeggartoota isaanii qofa wajjiin afaan banaa oolanii jiru
Kubbaaniyyaan TPLF Humnaan Dirqisiisuun Qonnaan Bultoota Gatii Guddaan Xaawoo Bichisiisaa Jira
Aside
Ebla 27,2017/ Wayyaaneen Qonnaan bultoota Oromoo Dirqamaan Karaa Hojjattoota Misooma Qonnaatiin Xaa’oo bitaa jettee diqamsiisaa jirti.Godina Addaa Naannawa Finfinnee Aanaa Mullootti Xaa’oo NAPS fi YUURIYAA kuntaala 3979 Qopheessanii ummanni dirqamaan gatii humna isaatii ol ta’een akka bitatu taasisaa jiru
