SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 28,2017

Aside

Injiinar Tasfaahun Camadaa (Barii) fi Injiinar Masfin Abbabee ( Raasoo) kan waggaa kurnan har’aa harka diinaatti kufan.

Aside

Image may contain: 1 person, selfie and closeup

Haala Qabsoo Oromoo Walii Galaa Irratti ONN Gaaffii fi Deebii Bal’aa Hayyuu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa Waliin Taasisuu Beeksise.

Aside

#OromoStruggle-Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan Adda Bilisummaa Oromootin gaggeeffamaa jiru eessaa ka’ee? Amma hoo maal irra jira?
#ONN gaaffii fi deebii Addaa fi bal’aa Hayyuduree Adda Bilisummaa Oromoo, Ob Daawud Ibsaa, waliin taasisee jira; qophii kana dhiheenyatti isiniif dhiyeessinaa; nu hordofaa!!
Injifannoon ummata Oromoof!!

Godina Arsii Aanaa Jajuu Ganda Utaamoo Doojjee keessaa jiraattota hidhama jiraachuun dhagayamaa jira

Aside

Godina Arsii Aanaa Jajuu Ganda  Utaamoo Doojjee keessaa jiraattota hidhamaa jiraachuun dhagayamaa jira.Ebla 20/2017 Ganama naannoo saa’atii 3:00 irratti humnoonni kumaandi poostii jiraattota gandoota Aanichaa keessaa walitti qabee gara Asallaa Fe’uu isaa maddeen Oduu Qeerroo Aanichaa Gabaasanii jiru.akka gabaasa kanaatti sababaan namoonni kuni guuramanii hidhamaniif isin.Isin miseensotaaf deeggartoota Adda Bilisummaa Oromoo ABOti Isin Miseensota ABO ta’uuf ragaan waan ujoollen teessan dalagaa jirtu jechuun namoota lakkoofsi isaanii hedduu guuranii deemuniin himamee jira.namoota ammaaf maqaan isaanii nu bira gahee keessaa 1,Araba Muhaammad 2,Ahmad Aloo, 3, Nashaa Turee 4, Firoomsaa H/ Kadiir 5, Shibbiruu Dabalaa 6, Kimoo Muhaammad kanneen jedhaman keessatti argamu. Continue reading

Gdina Arsii Anaa Gadab Asaasaa Keessatti OPDOn Ummata Irraa Maallaqa Saamaa Jiraachuun Himame.

Aside

Godina Arsii Aanaa Gadab Asaasaa keessatti OPDOn maqaa Waldaa Misooma Oromiyaa jedhuun ummatarraa maallaqa Saamaa jiru.Ebla 20/8/2009 ALHtti Ummata ganda hundarraa walitti qabuudhaan waldaan misooma Oromiyaa Waldaa mootummaan gaggeeffamuu miti.mootummaan harka keessaa hin qabu kanaafuu waldaan kuni baadiyyaalee hunda keessatti waajjira banataa jira waan ta’eef akka miseensa waldichaa taatanii fi akka buusii buuftan jettee ummata rakkisaa jirti jedha Qeerroon Aanaa Gadab

Ijaarsa Yuunibarsiitii Jimmaa Aggaarootti Eegalee Jiruun Hawwaasi Naannichaa Kaasaa Gaahaa Dhabuun Dubbatame

Aside

Ebla 28,2017/ Ijaarsi Yuunibarsiitiin Jimmaa Aggaarootti eegalee jiraachuun hundaaf galuu baatu muraasi beeka. Ijaarsi kun sadarkaa dhumuu kanarra gahullee, maallaqi kasaaf uummataa dhiyaatu uummataaf laatamaa hin jiruu. kana irratti yoo lafti keenya jedhan reebamuuf hidhamuu,
ajjeefamullee itti jiran. Uummanni Aggaaroo balaa hamaa kana keessaa of baraarsu qabsoon harbaachiisaadha

Aside

Shaalla,Godina Arsii Aanaa Shaallaatti Wayyaaneen dargaggootaaf hojii uumna akkuma jettee kijibaa jirtuun.manneen maxxansaa fi koppii irratti dargaggoota sirnichaaf amanamoo ta’anii fi miseensota isaanii ta’an qofa bobbaasun warra dhuunfaan hojiilee kanneenirratti bobba’an hojii irraa ari’aa jiru.karaa biraatin dargaggoota miseensaaf deeggartoota isaanii hin ta’in osoo hojii irratti hin bobbaasin dararaa jiru

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Ebla 27, 2017

Aside

 

SBO: Ebla 28 bara 2017. Oduu, Gabaasa Sirna Kabajaa Guyyaa Gootota Oromoo Bakkoota Adda Addaa Akkasumas Yaada Qindeessitootaa fi Hirmaattota Sirna Kabajaa Guyyaa Gootota Oromoo Afrikaa-Kibbaa magaalaa Keeptaawunitti Gaggeeffamee.

Aside