Ebla 18, 2017 gabaasaa “Komiishina Mirga Namoomaa Itophiyaa”, Mana Marii mootummaa Wayyaanee/EPRDF irratti dhihaateen, gaaffii karaa nagaa ummata Oromon dhihaataa turee fi Ayyaana Irreechaan wal qabatee lammiileen Oromoo ajjeefaman 462 tahuu, bulchiinsa Amaaraa keessaa 140, Ummatoota Kibbaa irraa 34 ajjeefamuu gaafatamaan Komishinichaa Miseensi ABUT Addisuu Gabregzabiher gabaasa dhiheesseen ibsee jira.
Qormaatni qaama komiishina Mirga Namoomaa Itophiyaa Wayyaaneen durfamu kanaan dhihaate akkuma eegamaa turetti dhumaatii ummata Oromoo irra gaheef qaama dhimmi hin ilaalle ykn gaafatamaa tahuu hin qabne gaafatamaa taasisuun kan haqaaf hin dhaabbanne tahuu mirkaneesse. Komishinni kun kanneen gaafatamoo taasise keessaa tokko ammoo Ummata Oromoo, ABO, KFO, fi OMN dha. Continue reading
