SBO: Ebla1 9 bara 2017. Oduu, Gabaasa Sirna Kabajaa Guyyaa Goototaa 2017 ilaallatuu fi Kora Kutaa ABO Kanaadaa irratti Gaaffii fi deebii Itti Gaafatamaa Kutaa ABO Kanaadaa Jaal Fiqaaduu Eebbaa waliin taasifame Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

OMN

Aside

Continue reading

Aside

Academic Expert tiin Bulchiina Naannoo Oromiyaa 3 Biyya Kanaadaatti Harka Kennachuu TVOMTn Gabaase.

Aside

Kabajaa Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Qeerroo Godina Harargee Magaalaa Hirnaatiin.

Aside

Image may contain: outdoor and natureKabajaa ayyaana guyyaa wareegamtoota gootoota Oromoo Ebla 15, Qeerroowwan magaalaa Hirnaatiin haala kanaan guyyaa kalee kabajamee oole. Qeerroon kanneeniis wa’ada qabsoo haaroomsuuf irbuu oromummaa seenan. Continue reading

Ebla 15 Guyyaan Gootota Oromoo Gidduugaleessaa Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Keessaatti Gootota Sabboontootafi Qabsaa’ota Oromoon Bifa Ho’aa Ta’een Kabajame.

Aside

Image may contain: 1 person, sittingEbla 15 Guyyaan Gootota Oromoo Gidduugaleessaa Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Keessaatti Gootota Sabboontootafi Qabsaa’ota Oromoon Bifa Ha’aa Ta’een Kabajame. Ebla 17/2017 Goototni,Barattootni,Dargaggootni,Qeerroo fi Qarreewwan walumaa galatti sabboontotni ilmaan Oromoo Handhuura Oromiyaa Finfinneetti walitti dhufuudhaan Guyyaa Gootota Oromoo bifa ho’aa ta’een kabajatan.
Kabaja Ayyaana yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo(GGO) kana irratti akkuma yeroo kaanii dungoo halluu alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo qabu(Diimaa-Magariisa-Diimaa) qabu erga qabsiifatanii booda, yaadannoo sammuu Gootota Qabsoo Bilisummaa Oromooo irratti wareegamaniif taasisaniiru. Ittuma fufuudhaan kaayyoo fi Akeeka, akkasumas achii-as dhuftee Ayyaanichaa erga wal yaadachiisaniin booda, dhimmoota Ijoo haala yeroo ammaa Oromiyaan keessa jirtu irrattis marii bal’aa taasifataniiru.

Continue reading

Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Sababeeffachuun Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiya FXG Godina Lixa Oromiyaa; Lixa Shaggar Amboo fi Naannoo Isheetti Daandii Konkolaataa Cufuun itti fufe !!

Aside

 Ebla 17/2017 Kabaja Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 sabbabeeffachuudhaan Qeerroon Godina Lixa Shaggar Yaadannoo wareegamtootaa taasisuu cinaatti yeroo Humni Komaandi poostii ummata Oromoo gidirsaa jirutti sodaa tokko malee Jimaata Ebla 14,2017 irrraa eegaluun karaa konkolaataa Amboo irraa gara Lixa Oromiyaa geessu bakkeewwan adda addaatti cufuudhaan tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachuun sochii isaanii kan ittifufan ta’uu Odeessi Qeerroo Lixa shaggara Amboo hubachise . Addatti immoo daandiin Konkolaataa guddichi Finfinnee irraa gara Lixa Oromiyaatti dabarsuu Amboo fi naannoo Ambootti bifa adda ta’een cufamuun waraannii koomandii poostii wayyaanee fi ergamtootni wayyaanee OPDOn waan qabdee gadhiiftu dhabaa jiraachuu madden Qeerroo Amboo irraa gabaasan.

Continue reading

Aside

Image result for Barruu warraaqsaa

Continue reading

Jarmanii: Sirna kabajiinsa guyyaa gootota Oromoo fi ibsa ejjanno miseensotaa fi deggertoota ABO biyya Jarmanii

Aside

Jarmanii: Sirna kabajiinsa guyyaa gootota Oromoo fi ibsa ejjanno miseensotaa fi deggertoota ABO biyya Jarmanii

Jarmanii

Nuti kan biyya Jarmanii jiraannu miseensoonii fi deggertotiin ABO Ebla 15 bara 2017, guyyaa gootota Oromoo, sirna oowwaan kabajanneerra. Sirnni kabajaa kun Guyyaa sa`aa 12:00 iraa jalabee hanga 18:00 fufee oole. Sirni kabajaa kun akkumma aadaa qabsoo bilisummaa Oromootti eebba manguddoo fi yaadanoo goototaatiif dhungooleen hirmaattotaan qabsiifamun erga banameen booda faaruu alabaa Oromoo fi ergaa faaruu gototaa dhageessifamaniru.

Ittti aansuudhaan bakka bu`aa koree hojii qindeesitu ABO kutaa giddu-galeessa Awuropaa irraa seenaa guyyaa gototaa ilaalchisuun gadi-fagenyaan ibsi kenname. Guyyaan kun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bakka daran  guddaa qabuu fi kan yoomiyyuu hin dagatamnne tahuusaa ballinaan hirmaattotaaf ibsame. Itti dabaluun  bara uummati Oromoo sirna gabirummaa jalatti kufee jalqabee hanga bara ammaatti dhiignni lammii Oromoo bakka adda addaatti mootummaa Habashaa fi ergamtoota mootumichaatiin osoo wal irraa hin citiin dhangalayaa jiru hatattamaan dhaabbachuisuun akka hedduu barbaachisu ibsame. Kana fiixaan baasuuf karaa tokkichaa fi furmaanni jiru jaarmaa ABO jalatti hiriiruudhaan waan barbaachisu hundaan deggeerun, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) cimsuu duwwaatuu furmaata filannoo biraa hin qabne ta`uu ibsame. Continue reading