
Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo fi Hundeeffamuu Jaarmiyaa Sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waggaa 7ffaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.
Nuti Qeerroon Dagaggootni Oromoo, Biyyi keenya Oromiyaa fi waliigalatti ummatni Oromoo bal’aan bu’aa Gootota Oromoofi firii kaayyoo Goototni Oromoo irratti wareegamaniiti. Guyyaan Gootota (Wareegamtoota) Oromoo Ebla 15, 1980 irraa eegalee waggaa waggaan kabajamaa fi yaadatamaa yoona gahe. Gootota gaafa alagaan biyya Oromoo cabsuuf ittiduule diina biyya ofii irraa ittisuuf jecha diddaa gabrummaa irratti wareegaman dabalatee Qabsaawota Bilisummaa Oromoo bifa adda addaan hanga har’aatti wareegama baasan hunda guyyaa kana yaadatna. Kana waliin, Guyyaan Gootota Oromoo, guyyaa miseensoti Adda Bilisummaa Oromoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, deeggartootniifi ummatni Oromoo bal’aan kaayyoo Goototni Oromoo qaqqqaaliin irratti wareegaman galmaan gahuuf irbuu isaanii itti haaromsanidha. Seenaa fi imaanaa gootonni Oromoo wareegamaniif galmaan gahuuf jecha Qeerroon Bilisummaa Oromoos guyyuma kana irratti Ebla 15,2017 Oromiyaa keessatti sirnaan hudeefamee sochii seena qabaeessa eegalee har’a gahee jira.
Seenaa ummata Oromoo keessatti Ebla 15, guyyoota kaan irraa wanti adda taasisu bara 1980 keessa guyyaa kana hoogganootni siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo akka qaroo ija Oromootti ilaalaman Kiristaana-Islaamaafi lagaan osoo wal hinqoodin jumulaan wareegama qaalii kanfaluun tokkummaa saba Oromoo dhiiga isaaniin mirkaneessan ta’uu isaati. Hanga har’aattillee hoogganootaa fi miseensoti Adda Bilisummaa Oromoo, Qeerroo Bilisummaa Oromoo, deeggartootaa fi Sabboontotni ummata Oromoo, qabsaawotni bilisummaa bifa adda addaan qabsoo keessatti qooda qaban walumaagala sab-boontoti Oromoo xurree hoogganooti ABO gaafa duraa saaqan irra bu’anii mirga abbaa biyyummaa Oromoof osoo falmaa irra jiranii wareegaman kuma hedduutti lakka’amu. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk